header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaan labsii Paarlaamaan Arabaa dhimma Hidha Laga Abbaay ilaalchisee baase mormuun xalayaa barreessite

Afa-Yaa’iin Paarlaamaa Ityoophiyaa Obbo Taaggasa Caafoo Xalayaa November 25/2019, Afa-Yaa’ii Paarlaamaa Arabaa Mishaal Bin Fahmi Al-Salaamiif barreesseen, dhimma hidha laga Abbaay ilaalchisee Masri fi Suudaan deeggaruun labsiin Paarlaamaan Arabaa baase Ityoophiyaa kan gaddisiise tahuu ibse.

Gaazexaan Addis Standard akka gabaasetti mootummaan Ityoophiyaa xalayaa gama Afa-yaa’ii Paarlaamaatiin barreesse kana keessatti “bishaan laga Abbaay harki 85 Ityoophiyaa keessaa kan maddu tahuu ni beekama; haa ta’u malee Paarlaamaan Arabaa mirga Ityoophiyaan bishaan kanatti fayyadamuuf qabdu ilaalchiisee qabxii tokkollee osoo hin kaasin bira dabruun, mirga Masri laga Abbaay irratti seenaadhaan qabdu hunda ni deeggarra jechuun labsiin baase hedduu nu gaddisiisee jira”jedhe.

Ityoophiyaan keessumattuu labsicha irratti “Masri mirga seenaa fi seeraan laga Abbaay irratti qabdu kabajichiisuuf sochii gootu ni deeggaarra”jechuun qabxiin Paarlaamaan Arabaa kaasee, Ityoophiyaa dabalatee biyyoonni sulula laga kanaa gara oliitti argaman, mirga bishaan laga Abbaayitti fayyaadamuuf qaban kan dhiibuufi, walii galtee loogiin guutame kan koloniyaalistoonni dur qopheessan irratti kan hundaaye waan taheef fudhatama hin qabu jette.

Haaluma kanaan Ityoophiyaan, Paarlaamaan Arabaa biyyoonni sulula laga kanaa hundi karaa haqa qabeessaa fi wal qixa taheen, mirga bishaan laga kaanaatti fayyadamuuf qaban hubatee; labsii Masri qofa fayyaduuf baase kana haquun ijjannoo isaa akka sirreessu gaafatte.

Odeeyfannoo wal qabateen, Mariin dhimma hidha laga Abbaay irratti Suudaan, Ityoophiyaa fi Masri, Kaayiroo keessatti guyyaa lamaaf geggeessaa turan walii galtee malee kan xumurame tahuu gabaafame. Masri, yeroo hidhi laga Abbaay guutamuu fi sanaan boodas yeroo hujii jalqabu, bishaan biyyattii dhaqqabu keessumattuu bishaan hidha laga Aswaan meetra 165 gadi akka hin buune, Ityoophiyaan waadaa galuu qabdi yaada jedhu irratti cichuu isiitiin marichi walii galtee malee xumurame.
Wal gahii ammaa kana irratti Ameerikaa fi Baankiin Addunyaa taajjabbiidhaan hirmaatuu gabaasuun keenna ni yaadatama.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button