header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Jilli Mootummaa Saa’uudii itti aanaa ministeera haajaa alaatiin durfamu Ityoophiyaa daaw’ataa jira

Jilli qondaaltota mootummaa Sa’uudii fi bakka bu’oota hawaasa daldala biyyattii miseensa 50 qabu kun, itti aanaa ministeera haajaa alaa Sa’uudii Ahmad Al-Qaxaanin kan durfamu yoo tahu, daaw’annaa guyyaa sadihiif Ityoophiyaa seene. Haaluma kanaan Mr. Al-Qaxaaniin Itti aantuu ministeera haajaa alaa Aadde Hiruut Zammane waliin mari’atanii jiru.

Marii kana irratti aadde Hiruut Zammane, hariiroon Ityoophiyaa fi Sa’uudii hariiroo mootummaa biyyoota lamaanii irra darbee, hariiroo ummata biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture tahuu ibsite. Aadde Hiruut itti dabaluudhaanis, hariiroon dippilomaasii biyyoota lamaanii bara 1940 kan eegale yoo ta’u, hariiroo Ityoophiyaa fi Sa’uudii gama siyaasaa, diinagdee, investimantii, turizimii fi misoomaatiin caalatti cimsuun waliin hojjechuuf Ityoophiyaan qophii tahuu ibsuu isii odeeyfannoon ni addeessa.

Itti aanaan Ministera Haajaa Alaa Sa’uudii Ahmad Al-Qaxaanii gama isaatiin, simannaa godhameef galateeffachuun hariiroon zamana dheeraaf biyyoota lamaan jidduu ture kun cimee akka itti fufu, biyyi isaa karoora qopheessitee gama adda addatiin hojilee heddu raawwataa jiraachuu ibse.

Jilli mootummaa Sa’uudii turtii isaatiin qaamolee mootummaa gara garaa fi hawaasa daldalaa dhaabbilee dhuunfaa waliin haala hariiroo Ityoophiyaa fi Sa’uuudii cimsuun danda’u irratti marii ni geggeessu jedhamee eegama.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button