header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa dameewwan tajaajila baankii dhalarraa bilisa tahe kennan bane

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila baankii dhala irraa bilisa tahe kennuuf, dameewwan lama magaalaa Finfinnee keessatti kan bane yoo tahu, haaluma kanaan Damee Ansaar fi Damee Harameeyin jedhamanii moggaafaman lamaan guyyaa har’aa eebbisiisee bane.

Sirna baniinsaa kana irratti hoggansi baankichaa, Prezdaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Ityoophiyaa Muftii Haaj Umar Idiriis, Dr. Jeeylaan Khadiir fi keessummoonni biroo kan argaman tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dameewwan kanneen lamaan keessatti tajaajilli kennamu hundi, sirna faayinaansii shari’aa irratti hundaa’an qofa hordofuun maamiltootaaf tajaajila kan kennan ta’uu ibsame.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button