header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Paarlaamaan Iraaq Wixinee seeraa waraanni Ameerikaa akka biyya isaaniitii bahu gaafatu raggaasise

Ajjeechaa Jum’aa dabre Ameerikaan Baagdaad keessatti hogganaa ol’aanaa waraana Iiraan irratti raawwatte hordofuun, mootummaan Iraaq Alhada har’aa wixinee seeraa waraanni Ameerikaa biyyattii keessaa akka bahu gaafatu paarlaamaaf dhiheesse.

Muummichi ministeera Iraaq Adiil Abdul Mahdi wixinee seeraa mootummaan isaa qopheesse ilaalchisee haasaya godheen, “hamma fedhe rakkooleen keessaa fi ala irraa kan nu muudatuu malan tahus, Paarlaamaan kun humni waraanaa biyyoota biroo hundi Iraaq keessaa bahuun furmaata filannoo hin qabne tahuu hubatee akka mirkaneessu ni gaafadha”jedhe.

Haaluma kanaan Paarlaamaan wixinee dhihaateef kana sagaalee caalmaa taheen kan raggaasise tahuun beekamee jira. Qabxiilee wixnee kanaa jidduu, humni waraana Ameerikaa fi biyyoota biroo Iraaq keessa jiran hundi hatattamaan akka bahan, akkasumas humni waraana biyya biroo kamuu kana booda daangaa qilleensaa, galaanaa fi dachii Iraaq akka hin fayyadamne kan jedhu tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dabalataanis, mootummaan Iraaq ajjeechaan dachii isaa keessatti qondaala Iiraan irratti raawwatame birmadummaa Iraaq kan cabse tahuu ibsuun, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi Mannii Marii Nageenyaa Dhaabbatichaa akka balaaleffatan, lamaaniifuu addatti xalayaa kan barreesse tahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo reeffi Jeneraal Qaasim Suleeymani Alhada har’aa gara Iiraanitti deebifamee jira. Kanuma hordofuun mootummaan Iiraan gama waajjira haajaa alaa isaatiin ibsa kenneen, tarkaanfii haaloo bahuu kan fudhatu tahuu eega ibsee booda, Ameerikaanis haleellaa Iiraan raawwattu kamiifuu deebisaa kennuuf qophii xumuruu beeksiste.

7 Comments

  1. As wr wb beekumsa guddaatu asirraa argamaa Alhamdulillaah gaaffiilee qabnuus is in gaafanna haala yeroorrattiis galatoomaa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button