header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
BreakingEeshiyaa

Iiraan Xayyaara Yukreen Dogongoraan rukuttee kuffisuu amante

Waraanni Iiraan ibsa ganama har’aa gama Televizhiinaatiin kenneen, Xiyyaarri Yukreen kan guyyaa lama dura buufata Tehraan irraa akkuma ka’een kufee lubbuun nama 176 dabre, dogongora namni uumeen rukkutamee kan kufe tahuu ibse.

Ameerikaa, Kanaadaa fi Biritaaniyaan guyyaa kaleessaa xiyyaarri Yukreen kun, misaa’ilaan rukkutamee kufuu ragaa gaha qabna jedhanii turan, haata’u malee mootummaan Iiraan yeroo saniitti rakkoo teeknikaa mudateen kufe jechuun waakkate.

Iiraan guyyaa xiyyaarri Yukreen kufe kanaatti, ajjeechaa Jeneraal isii haaloo bahuuf misaa’eloota lakkoofsaan hedduu tahan, gara buufata waraana Ameerikaa Iraaq keessatti argamutti furguggeesite turte.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button