header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Namoonni dhiheenya kana mallattoon dhibee Koronaa irratti argamuun shakkaman Vaayirasicha irraa bilisa tahuu ibsame

Qondaaltonni ministeera fayyaa Ityoophiyaa Kiibxata dabre ibsa kennaniin, barataa lammii Ityoophiyaa Chaayinaa irraa deebi’e tokko irratti mallattoo mulidhateen wal qabatee hiriyyoota isaa kanneen biroo 2 waliin hordoffiin fayyaa godhamaafii jira jedhan. Dabaltaanis lammii Chaayinaa tokkos addatti hordoffiin fayyaa kan godhamaafii jiru yoo tahu, samudni namoota afran irraa fuudhatame qorannoo dabalataatiif gara Afrikaa Kibbaatti kan ergame tahuus beeksisan.
Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa guyyaa har’aa baaseen akka beeksisetti ammoo, bu’aan qorannaan samuudaa Afrikaa Kibbaatti ergamee turee deebi’uu ibse. Haaluma kanaan namoonni afranuu vaayrasicha irraa bilisa ta’uu isaanii mirkanaahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Dhibeen Vaayrasii Koronaa jedhamuun nama irra namatti darbu, hanga ammaa lammiilee Chaayinaa 7800 ol kan qabate yoo tahu, lakkoofsi namoota biyyattii keessatti dhibee kanaan du’anii ammoo 170 akka gahe mootummaan biyyattii beeksise. Vaayirasichi yeroo ammaa Kutaalee Chaayinaa hunda keessatti akka babal’ateefi, lakkoofsi namoota haarayatti qabamaniitis ammas kan hin hir’atin tahuu gabaafame.
Kanuma hordofuun biyyoonni heddu lammiilee isaanii Chaayinaa keessaa baasuuf carraaqaa jiran. Haaluma wal fakkaatuun Kaampaaniwwan daldalaa Idil addunyaa heddu waajjiraalee fi Wiirtuulee daldalaa Chaayinaa keessaa qaban kan cufaa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa. Dabalataanis Kaambaaniiwwan Xiyyaaraa imala gara Chaayinaa addaan kutaa jiran.
Vayirasiin jalqaba Chaayinaa keessatti argame kun yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti Chaayinaan alatti Vaayirasichi gara biyyoota 17 ol kan seene tahuu gabaafame.

Namoonni Vaayirasichi irratti argame hundinuu kanneen dhiheenya Chaayinaa irraa deebi’an tahuu gabaafame. Mootummaan Jaappaan ammoo Vayirasichi lammiilee isaa 7 irratti argamuu ibsuun, isaan keessaa namni tokko gonkuma gara Chaayinaa kan hin imalin tahuu beeksise.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button