header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Koroonaa
Trending

Dhukkuba Vayirasii Koroonaa

coronavirus all the latest updates

“‹”‹Dhibeen Vaayirasii Koronaa jedhamuun daddarbu guutuu addunyaa keessatti saffisaan babal’ataa jira. Odeeyfannoo haaraya waahee dhukkuba kanaa hordofee isinii gabaasna.

Kiibxata, April 21, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 2,530,000 dabre. Lakoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’aniitis 174,560 kan dabre yoo tahu, namoonni 667,552 ammoo dhibee kanarraa bayyanatanii jiru.

U.S.A. keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 803,018 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 43,558 du’anii jiru. Kaanaadaa keessatti ammoo namoonni Vayirasichaan 37,398 kan qabaman yoo tahu, namoonni 1,728 sababa vayirasii kanaa du’uu gabaafame.
Guutuu Awrooppaa keessattis lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 1,136,371 dabre. WHO’n akka jedhetti Ardii Awrooppaa keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 107,179 gahee jira.

Ardii Afrikaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamnii 24,858 gahe. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 1,175 gahuu gabaafame.
Biyyoota Baha Afrikaa keessatti Vayirasichi saffisaan kan babal’ataa jiru yoo tahu, Jibuutiin sa’aa 24 dabre keessatti vayirasichi namoota 99 irratti argamuu ibsite. Haaluma kanaan biyyattii keessatti walumaa galatti namni 945 dhibee kanaan qabamuu mirkanaahee jira. Haaluma walfakkaatuun Keniyaan lakkoofsi namoota Vayirasiin koroonaa irratti argamee 296, Somaaliyaan 237, Ityoophiyaan ammoo namoonni 114 vayirasichaan qabamuu gabaasan.

Weerara Vayirasii koroonaatiin walqabatee odeeyfannoon guutuu addunyaa guyyaa har’aa jidduu ijoon kanneen armaan gadiiti.

16:31GMT-Xaaliyaan lakkoofsi namoota Dhibee Vayirasii koroonaa irraa bayyanatanii 49,000 gahuu beeksiste. Biyyattii keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 183,957 Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe jidduu 24,648 du’anii jiru.

15:17GMT-Mootummaan Ispeen ijoolleen manaa akka bahan hayyame. Ispeen biyyoota Awrooppaa Vayirasichaan akka malee miidhaman keessaa adda duree yoo taatu, tamsa’ina Vayirasicha to’achuuf ji’a tokko dura ummanni manaa akka hin baane uggurtee turte. Biyyattii keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 204,178 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 21,282 du’uu ibsame.
11:40GMT-Turkiyaa fi Israa’el dabalatee Biyyoota Baha jiddu Galeessaa Keessatti tamsa’ini Vayirasichaa haala yaaddessaa taheen dabalaa jiraatuu ibsame. Haaluma kanaan hanga guyyaa har’aatti:
Turkiyaa keessatti namni qabame 95,591, kan du’e 2,259, kan bayyanate 14,918;
Iraan keessatti namni qabame 84,802, kan du’e 5,297, kan bayyanate 60,965;
Israa’el keessatti namni qabame 13,883, kan du’e 181, kan bayyanate 4,353;

Sa’uudii keessatti namni qabame 11,631, kan du’e 109, kan bayyanate 1,640;
Emreets keessatti namni dhibame 7,755, kan du’e 46, kan bayyanate 1,443;
Qaxar keessatti namni dhibame 6,533, kan du’e 9, kan bayyanate 614;
Kuweeyt keessatti namni dhibame 2,080, kan du’e 11, kan bayyanate 412;
Bahreeyn keessatti namni dhibame 1,952, kan du’e 7, kan bayyanate 783;
Omaan keessatti namni dhibame 1,508, kan du’e 8 , kan bayyanate 238 tahuu gabaafame.

15:03GMT-Mana hidhaa Morokoo/Magrib tokko keessatti hidhamtoonni 68 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

10:55GMT-Pakistaan sa’aa 24 dabre keessatti namoota 705 irratti vayirasichi akka argameefi 17 ammoo kan du’an tahuu beeksiste. Biyyattii keessatti kanaan dura lakkoofsi namoota vayirasichaan qabamaniis tahee kan du’aanii guyyaa tokkotti hangana galmaahee hin beeku. Haaluma kanaan lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 9,214 kan gahe yoo tahu, walumaa galatti namoonni 192 ammoo du’anii jiru.

08:00GMT-Raashiyaan guyyaa tokkotti Vayirasichi namoota 5,642 irratti argamuu beeksiste. Walumaa galatti lammiilee biyyattii 52,763 vayirasichaan qabamuun mirkanaahe jidduu 456 du’anii jiru.

April 21,2020

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee Koroonaa Vaayirasiin qabamanii 2,522,438 gahe jira. Kan du’an 174,292 yoo tahu, namoonni dhibee kana irraa fayyaan 663,609 gahe jira.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 114 gahe

Qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti namoota 745’f godhameen namoota haaraa sadii irratti argamuu Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa beeksise.
Ministirri Fayyaa Dr. Liyaa Taaddasaa , namoota sadan kan keessaa lama gara biyya alaatti kan hin imallin yoo tahu, tokko Sa’udii Arabiyaa irraa deebiyee adda baafamee kan ture tahuu ibsite.

Lamaan isaanii lammiilee Itoophiyaa yoo tahan, tokko lammii Chaayinaadha – innis Sabbataa kan jiraatuufi seenaa imalaa kan hinqabnedha jedhameera.

Itoophiyaan haga ammaa namoota 8698 vaayirasichaaf kan qoratte yoo tahu, namoonni 16 Covid-19 irraa bayyanataniiru.
Ardiilee  Dhibeen kun keessatti hammate walduraa duubaan

Awurooppaa

Kan qabame 1,135,733, kan, du’e 107,098, kan bayyanate 332,957 yoo tahu, Ispeen, Xaaliyaan, Faransaayi, Jarman, UK, Raashiyaa fi Beeljiyeem hanga guyyaa har’aatti biyyoota Ardiichaatti lakkoofsi nama qabamee guddaa qabanidha.
Ameerikaa Kabaa

Namni qabame 862,230, kan du’e 46,503, kan bayyanate 89,835 yoo tahu, Ameerikaa, Kanaadaa Meksiikoo, Dominican Republic, Panaamaa fi Kubaan walduraa duubaan lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii ardichaatti guddaa qabanidha.

Eeshiyaa

Lakkoofsi namoota qabamanii 403,955, kan du’an 15,322 kan fayyaan 189,494 yoo tahu, Turkiyaa, Iiraan, Chaayinaa, Indiyaa, Israa’el, Sa’uudii, Jaappaanifi Koriyaan Kibbaa biyyoota ardii eeshiyaatti lakkoofsa namoota qabamanii guddaa qabanidha.

Ameerikaa Kibbaa

Namoonni qabaman 86,917, kan du’an 4,095 kan fayyaan immoo 38,336 yoo tahu, Biraaziil, Peeruu,Chiilii, Ikuwaadoor, Kolombiyaa fi Arjeentinaan biyyoota lakkoobsa namoota qabamanii gudda qabanidha.

Afrikaa

Namoonni qabaman 24,693, kan du’aan 1,175, kan bayyanatan immoo 6,613 yoo tahu, Masri, Afrikaa Kibbaa, Morokoo,Aljeeriyaa,Kaameruun, Gaanaa fi Jibuutiin biyyoota ardii afriikaatti lakkoobsa namoota COVID-19 qabamanii guddaa qaban tahuu odeeyfannoon ni addeessa.

 

April 18, 2020

Hanga guyyaa har’aatti biyyoota 210 keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahee 2,308,173 kan gahe yoo tahu, kanneen jidduu namoonni 158,881 du’uu gabaafame. Namoonni 585,838 ammoo dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 728,293 dabree jira. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’an ammoo 38,244 dabre.
Kaanaadaa keessatti ammoo namoota 32,412 Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe jidduu 1,346 du’uu gabaafame.
Biyyoota Ameerikaa Kaabaa Kanneen akka Meeksikoo, Paanaamaa fi Dominican Republic keessattis Vayirasichi haala yaaddessaa taheen tamsa’aa jira.

Biyyoota Ardii Ameerikaa Kibbaa/Latin America keessatti Vayirasichi namoota 74,389 irratti argamuun kan mirkanaahe yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii 3,394 gahee jira. Braaziil, Ikuwaadoor,Chiile, Peeruu, Kolombiyaa fi Arjeentiinaan wal duraa duubaan biyyoota Vayirasichi haala hamaan keessatti babal’ataa jiru.

Ardii Awrooppaa keessatti ammoo walumaa galatti namoonni 1,051,600 Vayirasichaan qabamuun kan mirkanaahe yoo tahu, lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaa du’aanii ammoo 98,455 gahee jira. Ispeen, Xaaliyaan, Faransaay, Jarman fi UK’n walduraa duubaan biyyoota namoonni heddu Vayirasichi irratti argame tahuun dursaa jiran.

Gama biraatiin ammoo biyyoota Awrooppaa sababa Vayirasichaatiin namoonni heddu keessatti du’an yoo walbiratti madaalamu; hanga guyyaa har’aatti Xaaliyaan keessatti namni du’e 23,227, Ispeen keessatti namni du’e 20,043 , Faransaay keessatti namni du’e 18,681, UK keessatti namni du’e 15,464, Beeljiyeen keessatti namni du’e 5,453, Jarman keessatti namni du’e 4,405 tahuu gabaafame. Xaaliyaan, Ispeen, Faransaay fi UK keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaatiin du’anii kan mootummaan ibsaa jiru ol tahuu eega gabaafamee booda, mootummoonni biyyoota kanneenii namoota manneen kunuunsa manguddootaa fi manneen jireenyaa keessatti du’an ilaalchisee qorannoo jalqabuu beeksisan.

Ardii Eshiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe 364,718 kan gahe yoo tahu, kanneen jidduu namoonni 14,207 du’anii jiru. Mootummaan Chaayinaa guyyaa kaleessaa daataa lakkoofsa namoota du’anii kan sirreesse yoo tahu, akkuma weerarri kun ka’een namoonni 1,290 magaalaa Wuhan keessatti sababa vayirasii koroonaa kan du’an tahus osoo hin galmaayin hafanii turan jechuun ibse. Haaluma kanaan hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi lammiilee Chaayinaaa sababa Vayirasichaatiin du’uun ibsame 4,632 gahee jira.
Biyyoonni Eeshiyaa kanneen biroo Vayirasicchii namoota heddu irratti argame jidduu: Iiraan, Turkiyaa, Israa’el, Kooriyaa Kibbaa fi Indiyaa yoo tahan, biyyoota kanneen jidduu Chaayinaa fi Kooriyaan Kibbaa tamsa’ina Vayirasichaa haala gaariin to’ataa jiran.
Haata’u malee Iiraan, Turkiyaa, Israa’el fi Indiyaa keessatti Vayirasichi ammas haala yaaddeessaa taheen tamsa’aa jira.
Haaluma walfakkaatuun Jaappaan, Paakistaan, Maleezhiyaa, Filiipiins, Sa’uudii, Indoneezhiyaa fi Emreets keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii guyyuma guyyaan dabalaa jira.

Ardii Afrikaa keessatti ammoo Vayirasichi namoota 21,120 irratti argamuu gabaafame. Namoonni 1,034 ammoo sababa Vayirasichaatiin du’aniijiru. Biyyoonni Ardii Afrikaa Vayirasichi namoota heddu irratti argame jidduu: Afrikaa Kibbaa keessatti namni 2,783, Masri Keessatti namni 3,032, Aljeeriyaa namni 2,534, Morokoo/Magrib keessatti ammoo namni 2,685 Vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Awstiraaliyaa fi Niwziilaand dabalatee biyyoota Oceania keessattis Vayirasichi namoota 8,084 irratti kan argame yoo tahu, hanga ammaatti namoonni 80 du’uu gabaafame. Namoota Vayirasichaan qabaman jidduu 6,565 lammiilee Awstiraaliyaa yoo tahan, 1,422 ammoo lammiilee Niwziilaand.

Khamisa, April 16, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 2,120,000 dabree jira. Lakoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 142,000 kan dabre yoo tahu, namoonni 535,455 ammoo dhibee kanarraa bayyanatanii jiru.

Ameerikaa keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 653,125 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 33,405 du’anii jiru.
Guutuu Awrooppaa keessattis lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii Miiliyoona tokkotti dhihaatee jira. WHO’n akka jedhetti Ardii Awrooppaa keessatti guyyoota kurnan dabran keessa lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii dachaan dabale.

Ardii Afrikaa keessatti ammoo lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamnii 18,436 gahe. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 931 gahuu gabaafame. Biyyoota Baha Afrikaa keessatti Vayirasichi saffisaan kan babal’ataa jiru yoo tahu, Jibuutiin sa’aa 24 dabre keessatti vayirasichi 156 irratti argamuu ibsite. Haaluma kanaan biyyattii keessatti walumaagalatti namni 591 dhibee kanaan qabamuu mirkanaahee jira. Haaluma walfakkaatuun Keniyaan lakkoofsi namoota Vayirasiin koroonaa irratti argamee 234, Ityoophiyaan 92, Somaaliyaan namoonni 80 vayirasichaan qabamuu gabaasan.

Weerara Vayirasii koroonaatiin walqabatee odeeyfannoon guutuu addunyaa guyyaa har’aa jidduu ijoon kanneen armaan gadiiti.

16:24GMT-Mootummaan Briteen uggurri sochii ummataa irra kaahame dabalataan torbee sadi akka turu murteesse. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 103,093 kan dabre yoo tahu, namoonni 13,729 du’anii jiru.
16:19GMT-Xaaliyaan lakkoofsi namoota haarayatti Vayirasiin irratti argamee kan guyyoota dabree caalaa dabaluu beeksiste. Sa’aa 24 dabre keessa Vayirasichi namoota 3,786 irratti kan argame yoo tahu, walumaagalatti lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee 168,941 gahee jira. Xaaliyaan keessatti hanga ammaa nama 22,170 sababa vayirasichaa lubbuu dhabe.

12:35GMT-Mootummaan Indiyaa lammiilee biyyatti Vayirasichaan qabaman Warra Muslimaa fi amantaa Hinduu kutaalee gara garaatti adda baasuu gabaafame.

11:40GMT-Gamtaan Biyyoota Galoo Galaana Arabaa-GCC jedhamuun beekamu weerara Vayirasii koroonaatiin walqabatee biyyoota miseensa gamtichaa jahan keessatti hanqini dhiheessii nyaataa akka hin muudanneef, waliin hojjachuuf walii galan.
Yaada Kuweeyt dhiheessite irratti ministeeronni daldalaa fi Industrii biyyoota jahanii gama Interneetiitiin eega mari’atanii booda murticha raggaasisan.
Biyyoota Galoo Galaana Arabiyaa Keessatti tamsa’ini Vayirasichaa haala yaaddessaa taheen dabalaa jira.
Sa’uudii keessatti namni qabame 6,380, kan du’e 83, kan bayyanate 990;
Emreets keessatti namni dhibame 5,365, kan du’e 33, kan bayyanate 1,034;
Qaxar keessatti namni dhibame 4,103, kan du’e 7, kan bayyanate 415;
Bahreeyn keessatti namni dhibame1,700, kan du’e 7, kan bayyanate 703;
Kuweeyt keessatti namni dhibame 1,524, kan du’e 3, kan bayyanate 225;
Omaan keessatti namni dhibame 1,019, kan du’e 4 , kan bayyanate 176 tahuu gabaafame.

08:00GMT-Raashiyaan guyyaa tokkotti Vayirasichi namoota 3,448 irratti argamuu beeksiste. Walumaa galatti lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 28,000tti dhihaatee jira.

Kiibxata, April 14, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii (1,980,856) miiliyoona lamatti dhihaatee jira. Lakoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 124,000 kan dabre yoo tahu, namoonni 464,436 ammoo dhibee kanarraa bayyanatanii jiru.

Ameerikaa keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 603,059 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 25,143 du’anii jiru. Bulchiinsi Traamp Diinagdee kufaa jiru baraaruuf uggurri sochii ummataa irra kaahame May 1/2020 ni kaafama jedhaa jira. Haata’utii ogeeyyonni fayyaa biyyattii jarjaraan sochii diinagdee jalqabsiisuun balaa qaba jechuun akeekkachiisaa jiran.

Ardii Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamnii 16,736 gahe. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 871 gahuu gabaafame. Biyyoota Baha Afrikaa keessatti Vayirasichi saffisaan kan babal’ataa jiru yoo tahu, Jibuutiin namni 363, Keniyaan namni 216, Ityoophiyaan namni 82 vayirasichaan qabamuu gabaasan.

Weerara Vayirasii koroonaatiin walqabatee odeeyfannoon guutuu addunyaa guyyaa har’aa jidduu ijoon kanneen armaan gadiiti.

17:00GMT-Ugaandaan weerara Vayirasii koroonaa to’achuuf uggura sochii ummataa irra torbaan lamaaf keettee ture, ammas torbaan sadi itti dabaluun hanga May 5/2020 tti dheeressuu beeksiste.
Mootummaan biyyattii uggurri sochii ummataa irra kaahame tamsa’ina vayirasichaa to’achuu irratti bu’aa guddaa akka fide ibsaa jira.
16:15GMT-Xaaliyaan sa’aa 24 dabre keessa namoonni 2,972 haarayatti Vayirasichaan qabamuu gabaaste. Kunis ji’a tokko keessatti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti biyyattii keessatti vayirasiiin koroonaa irratti argame isa xiqqaa tahuu ibsame. Haata’uutii lakkoofsi namoota sa’aa 24 dabre du’anii 602 akka taheefi, kunis kan guyyaa dheengaddaa caalaa dabalee jira. Biyyattii keessatti lakkofsi namoota du’anii 21,067 gahe.

15:45GMT-Mootummaan Turkiyaa lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 61,049 akka gaheefi, namoonni 1,296 ammoo sababa Vayirasichaa du’uu beeksise.

14:40GMT-Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) Diinagdeen Addunyaa gaaga’ama hamaa keessa gala jira jechuun akeekkachiise. Dhaabbatichi akka jedhutti hanga xumura bara kanaatti Diinagdeen guutuu Addunyaa yoo xiqqaate 3% ni kufa.
10:20GMT-Iiraan sa’aa 24 dabran keessa sababa Vayirasichaatiin namoonni 98 du’uu beeksiste. Iraan keessatti yeroo baatii tokkoo keessatti lakkoofsi namoota guyyaa tokkotti du’anii 100 gadi yoo hir’atu kun kan jalqabaati. Walumaa galatti lakkoofsi lammiilee biyyattii sababa Vayrasii koroonaatiin du’an 4,683.

09:50GMT-Ispeen keessatti lakkoofsi namoota Sababa Vayirasii koroonaatiin du’an 18,056 gahe.
09:30GMT-Raashiyaan sa’aa 24 dabre keessa namoota 2,774 vayirasichaan qabaman galmeessuu beeksiste. Biyyattii keessatti hanga ammaatti namoota 21,102 Vayirasichaan qabaman jidduu 170 du’uu gabaafame.

April 12, 2020

Hanga guyyaa har’aatti biyyoota 210 keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahee 1,837,937 kan gahe yoo tahu, kanneen jidduu namoonni 113,312 du’uu gabaafame. Namoonni 421,646 ammoo dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

Ameerikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 550,807 dabree jira. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’an ammoo 21,667 dabre.
Kaanaadaa keessatti ammoo namoota 24,292 Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe jidduu 713 du’uu gabaafame.
Biyyoota Ameerikaa Kaabaa Kanneen akka Meeksikoo, Paanaamaa fi Dominican Republic keessattis Vayirasichi haala yaaddessaa taheen tamsa’aa jira.

Biyyoota Ardii Ameerikaa Kibbaa/Latin America keessatti Vayirasichi namoota 48,699 irratti argamuun kan mirkanaahe yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii 1,981 gahee jira. Braaziil, Ikuwaadoor,Chiile, Peeruu, Kolombiyaa fi Arjeentiinaan wal duraa duubaan biyyoota Vayirasichi haala hamaan keessatti babal’ataa jiru.

Ardii Awrooppaa keessatti ammoo walumaa galatti namoonni 879,267 Vayirasichaan qabamuun kan mirkanaahe yoo tahu, lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaa du’aanii ammoo 76,452 gahee jira. Ispeen, Xaaliyaan, Faransaay, Jarman fi UK’n walduraa duubaan biyyoota namoonni heddu Vayirasichi irratti argame tahuun dursaa jiran.

Gama biraatiin ammoo biyyoota Awrooppaa sababa Vayirasichaatiin namoonni heddu keessatti du’an yoo walbiratti madaalamu; hanga guyyaa har’aatti Xaaliyaan keessatti namni du’e 19,899, Ispeen keessatti namni du’e 16,972 , Faransaay keessatti namni du’e 14,393, UK keessatti namni du’e 10,612 , Beeljiyeen keessatti namni du’e 3,600, Jarman keessatti namni du’e 2,945 tahuu gabaafame.

Ardii Eshiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe 298,110 kan gahe yoo tahu, kanneen jidduu namoonni 10,987 du’anii jiru. Biyyoonni Eeshiyaa Vayirasicchii namoota heddu irratti argame jidduu: Chaayinaa, Iiraan, Turkiyaa, Israa’el, Kooriyaa Kibbaa fi Indiyaa yoo tahan, biyyoota kanneen jidduu Chaayinaa fi Kooriyaan Kibbaa tamsa’ina Vayirasichaa haala gaariin to’ataa jiran.
Haata’u malee Iiraan, Turkiyaa, Israa’el fi Indiyaa keessatti Vayirasichi ammas haala yaaddeessaa taheen tamsa’aa jira.
Haaluma walfakkaatuun Jaappaan, Paakistaan, Maleezhiyaa, Filiipiins, Sa’uudii, Indoneezhiyaa fi Emreets keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii guyyuma guyyaan dabalaa jira.

Ardii Afrikaa keessatti ammoo Vayirasichi namoota 14,876 irratti argamuu gabaafame. Namoonni 790 ammoo sababa Vayirasichaatiin du’aniijiru. Biyyoonni Ardii Afrikaa Vayirasichi namoota heddu irratti argame jidduu: Afrikaa Kibbaa keessatti namni 2,173, Masri Keessatti namni 2,065, Aljeeriyaa namni 1,914, Morokoo/Magrib keessatti ammoo namni 1,661 Vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Awstiraaliyaa fi Niwziilaand dabalatee biyyoota Oceania keessattis Vayirasichi namoota 7,732 irratti kan argame yoo tahu, hanga ammaatti namoonni 63 du’uu gabaafame. Namoota Vayirasichaan qabaman jidduu 6,313 lammiilee Awstiraaliyaa yoo tahan, 1,330 ammoo lammiilee Niwziilaand.

Odeeyfannoon guyyaa har’aa weerara Vayirasii Koroonaatiin walqabatu keessaa ijoon ammoo kanneen armaan gadiiti.
19:00GMT-Ministeerri dhimmoota Biyya Keessaa Turkiyaa Suleeymaan Soyluu tamsa’ina Vayirasii koroonaa ittisuuf qajeelfama bahe seeraan hin raawwachiifne, komiin jedhu eega irratti ka’ee booda, har’a angoo gadi lakkisuu beeksise.

18:00GMT-Somaaliyaa kutaa Hershaballee jedhamtu keessatti ministeerri Haqaa Vayirasii koroonaatiin qabamee du’uu gabaafame.

16:00GMT-Siri Lankaan reefka namoota sababa VayirasiiKoroonaa du’anii gubuu (Cremation) raawwachuu dirqama goote.

12:40GMT-Muummichi ministeera UK Boris Johnson bayyanatee Hospitaalaa bahe.

01:36GMT-Chaayinaan guyyaa har’aa namoota 99 Vayirisichi irratti argame jidduu 97 biyya biroo irraa kan seenan tahuu gabaaste.

Jum’aa, April 10, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 1,677,190 gahe. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii ammoo 101,559 kan dabre yoo tahu, namoonni 372,403 dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.
Xaaliyaan keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 18,849 gahe. Ameerikaa keessatti ammoo lakkoofsi nama Vayirasichaan qabamee 500,000 tti kan dhihaate yoo tahu, namoonni 18,000 ol ammoo du’anii jiru.

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa galgala har’aa baaseen, dubartiin umrii 65 jiraattuu magaalaa Dukam taate, tan April 6, 2020 Vayirasii Koroonaatiin qabamuun isii ibsamee ture, guyyaa hardhaa du’uu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 3 gahuu ibsame.

Gama biraatiin ammoo Ministeerri Fayyaa ibsa hara waaree booda baaseen, sa’aatii 24 dabre keessatti qorannoo laabraatoorii namoota 442 irratti geggeesseen, namoonni 9 vayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe tahuu beeksise. Namoota saglan jidduu torba lammiilee Ityoophiyaa, tokko lammii Indiyaa, tokko ammoo lammii Eertiraa tahuu gabaafame.

Namoota kanneen jidduu 5 Dubaay irraa kan dhufan yoo tahu, namni lama Turkiyaa irra, tokko Ameerikaa irraa, tokko ammoo Briteen irraa gara Ityoophiyaa kan dhufan tahuu ibsame. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasiii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 65 gahee jira.

Weerara dhibee vayirasii koroonaa addunyaa keessatti hammaataa dhufe ilaalchisee odeeyfannoon ijoon guyyaa hardhaa kanneen armaan gadiiti.

17:55 GMT ““Muummichi ministeera Xaaliyaan uggurri sochii ummataa irra kaahame hanga May 3/2020 tti kan turu tahuu beeksise.

17:39GMT-Faransaay lakkoofsi lammiilee biyyatti sababa Vayirasii koroonaa du’anii 13,197 gahuu beeksiste. Sa’a 24 dabre keessatti qofa namoonni 987 du’uu ibsame.
17:02GMT-Mootummaa Turkiyaa lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 47,029 akka gaheefi lakkoofsi namoota sababa vayirasiikanaa du’anii ammoo 1009 gahuu beeksise. Biyyatti keessatti sa’a 24 dabre keessatti qofa namoota 4,747 irratti vayirasichi argamuu ibsame.

16:23GMT-Ministeerri Fayyaa UK, lakkoofsi namoota sababa vayirasii koroonaatin du’anii 8,958 gahuu ibse. Muummichi ministeera biyyattii Boris Johnson ammoo bayyanatee kutaa dhukkubsattoonni itti jabaate keessatti waldhaanamanii bahuun, gara kutaa waldhaansa waliigalaatti dabruu ibsame.

13:51GMT-Xaaliyaan keessatti lakkoofsi Doktoroota sababa Vayirasii koroonaa du’anii 100 gahuu ibsame. Doktorri 100ffaan guyyaa hardhaa duute dubartii Suuriyaa keessatti dhlatte tahuu gabaafame.
12:30GMT-Jaappaan keessatti lakkoofsi namoota vayirasiin koroonaa irratti argame 6,000 dabre. Jaappaan biyyoota baha Ashiyaa keessatti weerara Vayirasichaa ciminaan too’atan keessaa adda duree turte. Haata’u malee dhiheenya kana vayirasichi biyyattii keessatti haala yaaddeessaa taheen tamsa’uu hordofuun, mootummaan labsii yeroo muddamaa baasuu gabaafame.

12:25GMT-Kooriyaan Kibbaa namoota 91 kanaan dura dhibee vayirasii koroonaa irraa bayyanatan irratti Vayirasichi deebi’ee argamuu beeksiste. Ogeeyyonni fayyaa biyyatti namoonni kunniin lammata haarayatti Vayirasichaan qabaman moo, duruma hambaan Vayirasichaa qaama keessaa hin qulqullaayin gaafii jedhuuf ammatti deebisaa tokkollee kan hin qabaanne tahuu himan.

10:55GMT-Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa weerarri Vayirasii koroonaa biyyoota Afrikaa muuraasa keessatti torbaan muraasa keessatti sadarkaa hamaa keessa ni gaha jechuun akeekkachiise. Haaluma kanaan biyyoonni ardii Afrikaa hatattamaan qorannoo geggeessuun namoota vayirasichaan qabaman akka adda baasan WHO’n gorse. Guutuu Afrikaa keessatti yeroo ammaa lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 11,000 kan dabre yoo tahuu, yoo xiqqaate namoonni 600 sababa vayirasichaa du’anii jiru.

Kiibxata, April 7, 2020
Mootummaan Naannoo Oromiyaa hidhamtoota kuma 13 ol gadi lakkisuu beeksise. Qondaalli Mootumma Naannoo Oromiyaa Obbo Addisuu Arggaa Twitter isaa irratti, hidhamtoonni 13,231 dhibee Vayirasii Koroonaatiif akka hin saaxilamne yaada jedhuun, akka lakkifaman Prezdaantiin naannichaa murteessuu hime.

Haaluma wal fakkaatuun Naannoon Tigraayis guyyaa har’aa Hidhamtoota 1,600 gadi lakkisuu beeksise.

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa Sa’aatii 24 keessatti namoota 264 irratti qorannoo geggeesseen, daa’ima ji’a 9 fi haadha isii dabalatee namoota saddeet irratti Vayirasiin Koroonaa argamuu beeksise. Namoota Vayirasiin irratti argame 8 jidduu 5 Dubaay irraa dhufuu ibsame.

Daandiin Qilleensa Itoophiyaa keessummeessitoonni dhaabbatichaa sadii vaayirasii koroonaatiin qabamuu isaanii ibse.
Keeniyaan ammoo sa’aatii 24 dabran keessatti namoota 696 qorattee, namoota 14 irratti Vayirasiin Koroonaa argamuu beeksiste. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe 172 gahe.
Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii miiliyoona tokkoo fi Kuma Dhibba Afur dabree jira. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 81,100 kan dabre yoo tahu, namoonni 300,700 ol ammoo Vayirasicha irraa bayyanatanii jiru.

Chaayinaan eega weerarri Vayirasii koroonaa biyyattii keessatti ka’uu labsitee asitti yeroo jalqabatiif guyyaa har’aa namni Vayirasichaan du’e biyyattii keessatti kan hin jirre tahuu gabaaste.
Weerara Vayirasii Koroonaatiin wal qabatee odeeyfannoon ijoon April 7, 2020 kanneen armaan gadiiti.
16:20GMT-Ministeerri Haajaa Alaa UK, Muummicha Ministeera Biyyatti Boris Johnson maashina hafuura baafachuuf nama gargaaru osoo itti hin godhamin, kutaa dhukkubsattoota itti jabaatee keessatti waldhaansi cimaan godhamaafii jira jedhe.

15:50GMT-Kaanaadaan lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 17,063 akka gaheefi, namoonni 345 ammoo du’uu beeksiste. Mootummaan biyyattii Ameerikaan gonfoo Fuulaa (Mask) seeran ala nurraa qabatte jechuun yakkee ture. Mootummaan Ameerikaa gama isaatiin meeshaalee waldhaansaa hedduu barbaachisaa tahan kamiyyuu hanga nurraa hafuun mirkanaayutti gara biyya biroo hin erginu jedhe.

15:45GMT-Kutaa New York keessatti guyyaa tokkotti namoonni 731 du’uu gabaafame.
10:05GMT-Biyyoonni Addunyaa Weerara Vayirasii Koroonaa to’achuuf tarkaanfiiwwan fudhatan jarjaraan akka hin kaasne akeekkachiise.
09:40GMT-Ispeen keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’an guyyoota shanan dabran kan hirdhataa dhufe tahus, har’a ammoo dabaluu beeksiste. Haaluma kanaan sa’aatii 24 dabre keessatti namoonni 743 du’uu ibsame.
08:46GT-Jaappaan weerara Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe to’achuuf labsii yeroo muddamaa baaste.

Alhada, April 5, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabaman 1,252,981 dabre. Lakkoofsi namoota Du’aniitis 68,150 kan dabre yoo tahu, lakkoofsi namoota bayyanatanii ammoo 257,139 gahee jira.

Vayirasichi biyyoota Ameerikaa Kaabaa fi Awrooppaa keessatti lubbuu namoota kumaatamaan alakkaahamanii galaafataa jira. Ardilee biroo keessattis haala yaaddessaa taheen tamsa’aa jira.

Ameerikaa: Namni Qabame 327,848, Kan Du’e 9,325, kan bayyanate 9,325; Weerarri Vayirasichaa kutaalee hunda Caalaa New York Keessatti kan hammaate yoo tahu, guyyaa hardhaa qofa kutaa New York keessatti namni 594 du’uu gabaafame.

Biyyoota Awrooppaa keessaa ammoo Ispeen, Xaaliyaan, Jarman fi Faransaay wal duraa duubaan biyyoota namoonni heddu keessatti Vayirasichaan qabaman tahanii jiru.
Ispeen: Namni Qabame 130,759, kan Du’e 12,418, Kan bayyanate 38,080 qofa. Ispeen guutuu addunyaa keessatti ammas Xaaliyaanitti aanuun lakkoofsa namoota sababa Vayirasichaa du’aniitiin lammaffaa irra jirti. Biyyatti keessatti guyyoota sadan dabran lakkoofsi namoota haarayattii Vaayirasichaan qabamanii hanga tokko hir’ataa jiraachuu ibsame.

Xaaliyaan: Namni Qabame 128,948, Kan Du’e 15,887, kan bayyanate 21,815;

Jarman: Namni Qabame 98,765, Kan Du’e 1,524, kan bayyanate 26,400; Jarman lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii guddaa tahus, dhibbeentaan (rate) namoota du’anii biyyoota birootiin yoo wal biratti madaalamu xiqqaadha.
Faransaay: Namni Qabame 89,953, Kan Du’e 7,560, kan bayyanate 15,438; Ogeeyyonni Fayyaa biyyatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan du’anii kan gabaasamaa jiruu ol tahuu himaa turan. Sababni isaatis Mangoddoonni manneen Kunuunsaa keessatti du’anii fi kanneen manneen jireenyaa keessatti du’an gabaasa mootummaa keessatti hin hammatamne. Haata’utii mootummaan biyyooti guyyoota lamaan dabran lakkoofsa namoota kanneenii hanga tokko daataa keessatti dabaluu beeksise.

Biyyoonni Awrooppaa kanneen biroo haala yaaddeessaa ta’een Vayirasichi keessatti hammaataa jiru ammoo UK fi Turkiya. Mootummaan UK akka jedhutti lammiileen biyyatti qajeelfama vayirasicha ittisuu bahe hordofaa hin jiran.

UK :Namni Qabame 47,806, Kan Du’e 4,934, Kan Bayyanate 135
Turkiyaa: Namni Qabame 27,069, Kan Du’e 574, Kan Bayyanate 1,042; Turkiyaan tamsa’ina Vayirasichaa to’achuuf magaalota 30 ol keessatti sochii ummataa ugguruu beeksiste.

Biyyoota Awrooppaa kan akka Noorweey, Swiidin, Porchugaal, Deenmaark, Neezarlaand, Beeljiyeem, Ostriyaa keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira. Waluma galattii biyyoota kanneen torban keessattis namni 90,000 ol Vayirasichaan qabamee jira.

Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru ammoo
Iraan: Namni Qabame 58,226, Kan Du’e 3,603, kan bayyanate 19,736
Kanaadaa: Namni Qabame 14,426, Kan Du’e 258, Kan Bayyanate 2,603
Isra’eel: Namni Qabame 8,018, Kan Du’e 48, Kan Bayyanate 477

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Sa’uudii: Namni Qabame 2,385, Kan Du’e 34, kan bayyanate 488
Emreets: Namni Qabame 1,505, Kan Du’e 10, kan bayyanate 125
Qaxar: Namni Qabame 1,325, Kan Du’e 3, kan bayyanate 109
Iraaq: Namni Qabame 961, Kan Du’e 61,Kan bayyanate 279; Ogeeyyonni Fayyaa Biyyattii lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii dacha hedduun kan mootummaan gabaasu kan caalu tahuu ibsaa jiran.
Ardii Afrikaa keessatti tamsa’ini Vayirasii duraan salphaa ture ammaa haala yaaddeessaa taheen dabalaa jira.
Suudaan Kibbaa guyyaa har’aa namni Vayirasiiin qabame biyyattii keessatti argamuu gabaastee jirti.

Ityoophiyaa keessatti hanga Alhada har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 43 gahuu ibsame. Dubartiin takka ammoo sababa Vayirasichaa du’uu Inistityutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa har’a waaree booda beeksise. Galgala kana ammoo namni lammataa du’uu ibsame.

Sabtii April 4

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 1,192,619 gahe. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii ammoo 64,228 kan dabre yoo tahu, namoonni 246,063 dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.
Itoophiyaa
Guyyaa har’aa April 4,2020 Itoophiyaatti qorannoo sa’aatii 24 darban keessatti namoota 89 irratti gaggeefameen namoonni sadii dabalataan koronaavaayirasiin qabamunsaanii mirkanaa’e
Namoota har’a qabanmuunsaanii mirkanaa’e dabalate lakkoofsi namoota Itoophiyaa keessatti koronaavaayirasiin qabamanii 38 gahuu Ministeerri Fayyaa biyyatti beeksiiste.

Tatamsaa’a Dhibee Koroonaa Vaayiras Guutuu Addunyaatti

Tamsa’ini Vayirasii Koroonaa yeroo ammaa Ameerikaa Kaabaa fi Awrooppaa keessatti too’annaan ala bahuun, guyyaa guyyaan lubbuu namoota kumaatamaan lakkaahamanii galaafataa jira.
Biyyoonni lakkoobsa namoota qabamanii fi du’anii guddaa qabatuun hanga April 4,2020 sadarkaa 1-10 irratti argaman
1.Ameerikaa:

kan qabame 305,934, kan du’e 8,306

2.Ispeen:

kan qabame 124,736, kan du’e 11,744

3.Xaaliyaan:

kan qabame 124,632, kan du’e 15,362
4. Jarman:

kan qabame 95,637, kan du’e 1,395
5.Faransaayi:

kan qabame 89,953, kan du’e 7,560
6.Chaayinaa:

kan qabame 81,639, kan du’e 3,326
7.Iiraan:

kan qabame 55,743, kan du’e 3,452.
8.Biritaaniyaa:

kan qabame 41,903 , kan du’e 4,313.
9.Turkiyaa:

kan qabame 23,934 kan du’e 501

10. Switzerland:

kan qabame 20,505 ,kan du’e 666.

Afrikkaa

Ardii Afrikkaatti biyyoota 50 keessaatti kan argame , walumaagalatti namoonni 8000 ol qabamanii jiru, kan du’e 334,kan bayyanate 702.

Biyyoota Afrikkaa Dhibeen kun keessatti argame fi lakkoobsa namoota qabamanii

🇧🇮 Buruundii 3
🇨🇲 Kaameruun 509
🇨🇫 G/G Rippaabliika Afrikkaa 8
🇹🇩 Chaad 9
🇨🇬 Koongoo 22
 ðŸ‡¨ðŸ‡© DR Koongoo 148
 ðŸ‡¬ðŸ‡¶ I.Giinii 16
 ðŸ‡¬ðŸ‡¦Gaboon 21
🇩🇯Jibuutii 49
 ðŸ‡ªðŸ‡· Eertiraa 22
🇪🇹 Itoophiyaa 38
🇰🇪 Keeniyaa 126
🇲🇬 Madagaskaar 70
🇲ðŸ‡Mowurishiyaas 186
 ðŸ‡·ðŸ‡¼ Ruwaandaa  89
🇸🇨Saayichilees 10
🇸🇴Somaaliyaa 7
🇸🇩Suudaan 10
ðŸ‡ðŸ‡¬  Ugaandaa 48
🇹🇿 Taanzaaniyaa 20
 ðŸ‡©ðŸ‡¿ Aljeeriyaa         1171
🇪🇬Masri 985
🇱🇾Liibiyaa 17
🇲🇷Mooritaaniyaa 6
🇲🇦Morookoo 844
 ðŸ‡¹ðŸ‡³Tuunisiyaa 495
🇦🇴Angoolaa         8
🇧🇼Bootsiwaanaa 4
🇸🇿Iswaatiinii 9
🇲🇼Malaawii 3
🇲🇿Moozaambik 10
🇳🇦Naamibiyaa 14
🇿🇦Afrikkaa Kibbaa 1585
🇿🇲Zaambiyaa 39
🇿🇼Zimbaabiwee 9
🇧🇯Beenin 16
🇧🇫Burkinaafaasoo 302
🇨🇻Keep Verdee 6
🇨🇮AyvoriKoost 218
🇬🇲Gaambiyaa 4
🇬🇭Gaanaa 205
🇬🇳Giinii 73
🇬🇼Giinii Bisaawuu 15
🇱🇷Laayibeeriyaa 10
🇲🇱Maalii 39
🇳🇬Naayijeeriyaa 209
🇳🇪Niijeer 144
🇸🇳Seenegaal 219
🇸🇱Seeraaliyoon 2
🇹🇬Toogoo 41

 

Jum’aa, April 3, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 1,080,376 gahe. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii ammoo 58,110 kan dabre yoo tahu, namoonni 227,668 dhibee kana irraa bayyanatanii jiru.

Tamsa’ini Vayirasii Koroonaa yeroo ammaa Ameerikaa Kaabaa fi Awrooppaa keessatti too’annaan ala bahuun, guyyaa guyyaan lubbuu namoota kumaatamaan lakkaahamanii galaafataa jira. Ameerikaan kaleessa qofa guyyaa tokkotti namni 1,200 du’uu beeksiste. Ispeen ammoo sa’aa 24 keessatti lubbuun nama 932 dabruu gabaaste.

Chaayinaa kanaan dura weerara Vayirasichaa to’achuu kan ibsaa turte yoo tahu, Kutaa Henan jedhamu keessatti Vayirasichi haarayatti namoota irratti mul’atuu isaatiin walqabatee, weerarri dhibee COVID-19 haarayatti ka’a soda jedhu kan qabdu tahuu beeksiste. Haaluma kanaan magaalaa takka guutumaan guututti cufuun namoota Vayirasichaan qabaman addaa baasuu kan jalqabde tahuu gabaafame.

 

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii ammoo balaan hamaa addunyaa muudate kun reefuu jalqabaa jira waan taheef, guutuu addunyaa keessatti lolli geggeeffamaa jiru akka dhaabbatu waamicha dabarse. Keessaumattu biyyoota akka Suuriyaa, Liibiyaa fi Yaman keessatti lolli geggeeffamaa jiru hatattamaan yoo kan hin dhaabbanne tahe, werarri Vayirasii Koroonaa ummata miiliyonaan lakkaahamu galaafata jechuun akeekkachiise.

 

Odeeyfannoon ijoon kanneen biroo weerara Vayirasii Koroonaatiin walqabatu kan April 3, 2020 kanneen armaan gadiiti.

 

17:24GMT-Afrikaan Kibbaa tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf sochii ummataa eega uggurtee torbee tokko keessatti, namoota 50,000 irratti qorannaa geggeessiteen walumaa galatti namoota 1,462 Vayirasichaan qabaman adda baasuu beeksiste.

 

15:45GMT-Bulchaan Kutaa New York Andrew Cuomo naannicha keessatti guyyaa tokkotti namni 562 akka du’e beeksise. Hanqina maashina haafuura baafachuuf gargaaru (Mechanical Ventilator) muudataa jiruun ammas lubbuun namoota heddu dabraa jiraatuu ibsuun, mootummaan Federaalaa fi kutaaleen biyyattii biroo irraa maashinicha akka ergisaniif gaafate. Weerarri Vaayirasichaa kutaalee Ameerikaa hunda caalaa New York keessatti haala hamaa taheen tamsa’aa jira.

 

13:35GMT-Israa’el magaalaa Bnei Brak jedhamtu tan Yahuudonni baay’inaan keessa jiraatan guututti cufte. Magaalaan tun Telavivitti kan dhihaattu yoo tahu, Vayirasiin koroonaa haala hamaan keessatti faca’aa jiraatuu gabaafame. Isra’eel walumaa galatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 7,030 gahuu beeksiste.

 

11:49GMT-UK magaalaa London keessatti Hospitaalli namoota Vayirasii Koroonaatiin qabaman keessatti waldhaanuuf ijaarame hujii jalqabe. Hospitaalichi siree kuma 4 kan qabu yoo tahu, gamoon hospitaalichaa galma Konfiransii ture. Biyyattii keessatti hanga guyyaa har’aatti namoota 38,160 Vayirasii koroonaatiin qabaman jidduu 3,605 du’uu ibsame.

 

 

Mootummaan Siri Lankaa reefa namoota muslimaa gubuu isaatiin hawaasa muslimaa biyyattii dallansiisuu gabaafame

Mootummaan Siri Lankaa reeffa namoota muslimaa lama kanneen sababa dhibee Vayirasii Kooroonaatiin du’an, sirna awwaalcha Islaamaa dhoorkee gubuu (cremation) raawwachuu isaa hordofuun, dhaabbileen mirga namoomaa fi muslimoonni biyyatti gochi kun mirga amantaa kan cabse jechuun dallansuu isaanii ibsataa jiran.

 

Maatiin namoota du’anii akka jedhanitti, mootummaan reefa firoottan isaanii irratti Salatul Janaazaan akka hin salaatamne dhoorkuu qofa osoo hin taane, sirna awwaalcha isaanitis akka aadaa Islaamaatti akka hin raawwatamne dhoorkuudhaan gubuun (Cremation) raawwachuun sirrii akka hin tahin ibsan.

 

Ministeerri Fayyaa biyyattii Kiibxata dabre ibsa baaseen, “tamsa’ina Vayirasichaa to’achuuf jecha, reefa namoota du’anii hunda mootummaan haala addaatiin waan gubuuf, sirni awwaalchaa aadaa Islaamaa addatti kanaan dura geggeeffamaa tures hafee jira”jedhe.

 

Dhaabbilee mirga namoomaa kanneen akka Amnesty International dabalatee hoggantoonni hawaasa muslimaa biyyattii gama isaaniitiin,  qajeelfamni dhaabbata fayyaa addunyaa reeffi  namoota sababa Vayirasii koroonaatiin du’anii of eeggannoon akka awwaalamu kan hayyamu tahuu ibsuun, mootummaan fedhii hawaasaatiin ala reeffa namoota du’anii dirqiin akka hin gubne gaafatan.

 

 

Khamiisa, April 2, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii miiliyoona tokkotti dhihaatee jira. Haaluma walfakkaatuun lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa lubbuu dhaban 49, 200 dabree jira.
Ameerikaa keessatti weerarri Vayirasichaa guyyuma guyyaan hammaataa jira. Hanga guyyaa har’aatti lammiilee biyyattii 228,408 jidduu 5366 du’uu gabaafame. Xaaliyaan fi Ispeen keessattis lakkoofsi namoota du’anii ammas dabalaa jira.
Weerara dhibee Vayirasii Koroonaatiin wal qabatee odeeyfannoo ijoon April 2, 2020 kanneen armaan gadiiti.

17:05GMT-Lakkofsi lammiilee Turkiyaa Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 18,135 gahee jira. Namoonni 356 ammoo sababa Vayirasichaatiin du’anii jiru.

15:28GMT-Afayaa’iin Paarlamaa Iiraan Ali Larijani Vayirasichaan qabamuu ibsame.

15:22GMT-Kaanaadaan lakkoofsi lammiilee biyyatti Vayirasichi irratti argame 10,132 akkasumas lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaa du’an ammoo 127 gahuu beeksiste.

13:30GMT-Mootummaan UK hanga guyyaa har’aatti lammiilee biyyattii Vayirasiin Koroonaa irratti argame 33,718 jidduu 2,921 du’uu beeksise.

12:15GMT-Sa’uudiin Magaalota Kabajamoo Makkah fi Madinah keessatti labsii yeroo muddamaa baaste. Labsii kanaan sa’aatii 24 guutuu sochiin tokkolle hin hayyamamu. Haata’u malee labsiin kun hojjattoota dhabbilee ijoo fi namoota nyaataa fi dawaa bitachuuf socho’an hin ilaallatu. Hanga guyyaa har’aatti biyyattii keessatti namoota 1,885 Vayirasichaan qabaman jidduu 21 du’uu ibsame.

12:00GMT-Ministeerri Fayyaa Isra’el Vayirasii koroonaatiin qaabame. Muummichi ministeeraa Benjamiin Netaaniyaahuus torbee lama keessatti yeroo lammaffaaf kophatti baafamee jira.

10:00GMT-Iiraan lammiilee biyyattii 50,468 Vayirasichaan qabaman jidduu 3160 du’uu beeksiste.

09:45GMT-Ispeen keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasii koroonaa du’anii 10,003 gahuu beeksiste. Walumaagalatti lakkoofsi lammiilee biyyatti Vayirasichaan qabamanii 110,238 dabre.
06:45GMT-Griik keessatti baqattoonni 20 Kaampii Ritsona jedhamu keessa jiraatan Vayirasiii koroonaatiin qabamuun eega mirkanaahee booda, mootummaan biyyattii baqattoonni kampicha keessa jiraatan guyyaa 14 iddoo jireenya isaanii irraa gara birootti akka hin sochoone ajaje.
‘’

Wixata, March 31, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkoofsi Namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 800,000 dabree jira. Lakkoofsi Namoota sababa Vayirasichaa du’anii 39,000 kan dabre yoo tahu, namoonni bayyanatan ammoo 174,359 gahanii jiru.

Ameerikaa, Xaaliyaan fi Ispeen keessatti tamsa’ini Vayirasichaa hammaataa jira.
Ameerikaa: Namni Qabame 164,798 kan Du’e 3,178, Kan bayyanate 5,507
Xaaliyaan: Namni Qabame 101,739 kan Du’e 11,591, Kan bayyanate 14,620
Ispeen: Namni Qabame 94,417 kan Du’e 8,189, Kan bayyanate 19,259
Tamsa’ina weerara dhibee Vayirasii Koroonaa (COVID-19) wal qabatee, Odeeyfannoon ijoon March 31, 2020 kanneen armaan gadiiti.

13:15GMT- Doktorri torbee dabre dhimma COVID-19 ilaalchisee Prezdaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin Hospitaala Magaalaa Moskoo keessatti daaw’annaa hojii irra ture Vayirasichaan qabamuu gabaafame. Raashiyaa keessatti hanga Wixata har’aatti namoota 2,337 Vayirasichaan qabamn jidduu 17 du’anii jiru.
11:40GMT-Mootummaan Jaappaan tamsa’ini Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti hammataa dhufuun to’annaan ala bahaa jiraatuu labse. Muummichi ministeera biyyattii Shinzo Abe fi Itti aanaan isaa Vayirasichaaf akka hin saaxilamneef jecha kana booda wal gahii kaabinee irratti qaamaan kan hin hirmaanne tahuu dubbii himaan mootummaa biyyattii beeksise.
Jaappaan keessatti hanga Wixata har’aatti namoota 1,953 Vayirasichaan qabamn jidduu 56 du’anii jiru.

10:45GMT-Ministeerri Fayyaa Indoneezhiyaa lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 1,528 dabruu beeksise. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 136 gahe.

10:30GMT-10: Ispeen sa’aatii 24 dabran keessa qofa nama 849 irratti Vayirasichi argamuu beeksiste. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 94,417 gahuu ibsame. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 8,189 gahe.

10:00GMT-10:45GMT-Ministeerri Fayyaa Iraan lakkoofsi namoota sababa Vayirasii Koroonaatiin du’anii 2,898 gahuu beeksise. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamanii 44,605 kan dabre yoo tahuu, sa’aatii 24 dabran keessa qofa Vayirasichi nama 3,111 irratti argamuu. Mootummaan Iiraan guyyaa kaleessaa ibsa baaseen, lammiileen biyyatti qajeelfama tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf bahe hordofaa kan hin jirre tahuu ibsuun, biyyattii keessatti weerarri marsaa lammaffaa kan ammaa irra hamaa ta’e ka’uu mala jechuun akeekkachiise.

09:20GMT-Prezdaantii Koongoo Brazzaville kan duraanii Yihombi Opango dhibee Vayirasii koroonaatiin Faransaay keessatti du’uu gabaafame.

Afrikaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 5000 dabree jira. Ityoophiyaa keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 25 gahuu ibsame. Manni Maree Dhimmoota Islaama Ityoophiyaa tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf Masjiidonni hundi akka cufaman labsee jira.
Turkiyaa keessatti Vayirasichi haala yaaddessaa taheen tamsa’aa jira. Hanga guyyaa har’aatti lammiilee biyyattii 10,827 Vayirasichaan qabaman jidduu 168 du’anii jiru.
Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu ammoo :
Israa’el: Namni Qabame 4,831, Kan Du’e 17, kan bayyanate 163; (Qondaalli olaanaan mootummaa tokko Vayirasichaan eega qabamee booda, Muummichi ministeera biyyattii kophatti bahee hordoffiin godhamaafii jira.)
Sa’uudii: Namni Qabame 1,563, Kan Du’e 10, kan bayyanate 165
Qaxar: Namni Qabame 693, Kan Du’e 1, kan bayyanate 51
Emreets: Namni Qabame 664, Kan Du’e 6, kan bayyanate 61
Iraaq: Namni Qabame 630, Kan Du’e 46,Kan bayyanate 152
Bahreeyn: Namni Qabame 567, Kan Du’e 4, kan bayyanate 295
Lubnaan: Namni Qabame 463, Kan Du’e 12, kan bayyanate 35
Kuweeyt: Namni Qabame 289, Kan Du’e 0 , kan bayyanate 73
Falasxiin keessatti namoonni Vayirasichaan qabamn 117 gahanii jiru. Namni tokko ammoo du’e.

Wixataa March 30,2020

Lakkoofsi Namoota Dhibee Koroonaa Vaayirasiin du’anii guutuu Addunyaatti 36,204 gahe 
Dhibeen Koroonaa Vaayiras yeroo ammatti guutuu Addunyaatti saffisaan tatamsaa’a jira, hanga ammatti biyyoota 170 ol keessaatti kan argame yoo ta’u, guutuu Addunyaa irraa namoonni 752,189 dhibee kanaan qabamanii jiru, namoonni 36,204 sababa dhibee kanaan addunyaa irraa godaanuu, akkasumas namoonni 158,688 dhibee kana irraa bayyanachuu odeeyfannoo ni addeessa.
 Biyyoonni lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii guddaa qabachuun hanga March 30,2020 sadarkaa 1-10 irratti argaman
1.Ameerikaa
Namoonni 145,369 qabamanii jiru. 
Namoonni 2,611 kan du’an yoo ta’u, namoonni 4,574 fayyaanii jiru.
2.Xaaliyaan
Namoonni qabaman 101,739
kan du’an 11,591,
kan bayyanatan immoo 14,620 .
3.Ispeen
Kan qabame: 85,195
Kan du’e: 7,340
Kan bayyanatan: 16,780
4.Chaayinaa
Kan qabame:  81,470
Kan du’e:  3,304
Kan bayyanatan: 75,700
5.Jarmani
Kan qabame: 63,929
Kan du’e: 560
Kan bayyanatan:  9,211
6.Iiraan
 
Kan qabame: 41,495
Kan du’e: 2,757
Kan bayyanatan: 13,911
7.Faransaayi
Kan qabame: 40,174
Kan du’e: 2,606
Kan bayyanatan: 7,202
8.Biritaaniyaa
Kan qabame: 22,141
Kan du’e: 1,408
Kan bayyanatan: 135
9.Switzerland
Kan qabame: 15,526
Kan du’e: 333
Kan bayyanatan: 1,823
10.Beeljiyeem
Kan qabame: 11,899
Kan du’e: 513
Kan bayyanatan:1,527
Guutuu Addunyaatti namoonni yeroo amma dhibee kanaan dhukkubsatanii walaansa argatu jiran 558,311(95%) isaan jidduu sadarkaa yaaddessa irra kan jiran 28,707 (5%).
AFRIKKAA
 

Ardii Afrikaatti Itoophiyaa dabalatee biyyoota 46 keessatti kan argame yoo tahu namoonni qabaman 4,760, kan du’an 146 kan bayyanatan 335.

Itoophiyaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii walumaagalatti 23 yoo tahu, isaan jidduu namoonni 2 kan fayyaan tahuu ministeerri Fayyaa Itoophiyaa ibse.

Sabtii March 28,2020

Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 645,054, kan du’aanii 29,941 yoo tahu, kan bayyanatanii immoo 139,545.
Afrikkaa

Ardii Afrikkaatti biyyoota 46 keessatti hanga March 28,2020 namoonni 3,977 dhibee kanaan qabamanii jiru, namoonni 117 kan du’aan yoo tahu, namoonni 286 bayyanachuu odeeyfannoo ni addeessa.

Itoophiyaa

Itoophiyaatti namoota dhibee kanaan qabaman 16 keessaa namni tokko guutummaa guututti bayyanachuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Ministirri Fayyaa Dr Liyaa Taaddasaa walumaagalattis namoota vaayirasichaan qabaman 16 keessaa 13 ammallee bakka tursiifaman keessaa akka jiran himte.
Keeniyaa

Keeniyaatti guyyaa har’aa dabalataan namoonni 7 koronaan qabamuun mirkanaa’e

Ministeerri Fayyaa biyyatti Mutaahi Kaagiween namoonni torba dabalataa vaayirasiin irratti argamu mirkanaa’uu ibse.
Walumaagalattis biyyattii keessatti lakkoofsi namoota dhukkuba kanaan qabamanii 38 gaheera.
Keeniyatti hanga ammatti dhukkuba kana irraa namni tokko yeroo bayyanatu tokko immoo du’uun isaa ni yaadatama.
Ameerikaa
March 28,2020 Ameerikaatti guyyaa har’aa qofa namoonni 206 du’aanii jiru. lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii walumaagalatti 113,552, kan du’aanii walumaagalatti 1,906 , Kan bayyanatan 3,224 yoo tahu, Biyyoota Addunyaa keessaa Ameerikaan lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii guddaa galmeessuun sadarkaa jalqabaa irratti argamti.

Xaaliyaan

March 28 guyyaa Har’aa namoonni 889 dhibee Kanaan kan du’aan yoo tahu, walumaagalatti biyyattiitti lakkoofsi namoota du’aanii 10,023 gahe jira, Akkasumas Namoonni 92,472 qabamanii jiru, namoonni 12,384 immoo bayyanatanii jiru.
Xaaliyaan lakkoofsa namoota du’aanii guddaa galmeessuun sadarkaa jalqabaa, akkasumas lakkoobsa namoota dhibee kanaan qabamanii Ameerikaatti aanuun biyyoota Addunyaa keessaa lakkoobsa guddaa qabatuun sadarkaa lammaffaa irratti argamti.

Chaayinaa

March 28,2020 guyyaa Har’aa lakkoofsi Namoota Chaayinaa keessatti dhibee Koroonaa Vaayirasiin du’aanii 3 qofa, Walumaagalatti biyyattiitti namoonni 3,293 du’aanii jiru, namoonni 74,971 bayyanatanii jiru.

Chaayinaatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 81,394 qabatuun sadarkaa sadaffaa irratti argamti.

Ispeen

March 28,2020 guyyaa Har’aa qofa Ispeeniitti namoonni 674 du’aanii jiru, Walumaagalatti lakkoofsi namoota du’aanii 5,812 yoo tahu, namoonni qabaman immoo 72,248, akkasumas kan bayyanatanii immoo 12,285.

Dhibeen kun haga ammatti biyyoota addunyaa 170 keessatti argamu odeeyfannoon ni addeessa.

 

Jum’aa, March 27, 2020

Naannoo Oromiyaa magaalaa Adaamaatti namni vaayrasii koroonaatiin qabame tokko argamuu ibsame

Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa ibsa guyyaa har’aa kenneen namoonni 4 dabalataan Vayirasichaan qabamuu isaanii kan mirkanaahe tahuu ibsuun, namoota kanneen jidduu tokko jiraataa magaalaa Adaamaa tahuu beeksise. Haaluma kanaan biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argame 16 gahee jira.

Namoonni guyyaa har’aa qabamuun isaanii mirkanaa’e:-

1.Manguddoo lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 61 jiraataa magaalaa Adaamaa yoo ta’u, namoota alaa dhufan waliin wal qunnamtii nama qabu tahuu ibsame.

2. Dubartii lammii Ityoophiyaa umrii waggaa 28 tan Israa’eel irraa kan dhufte.

3.Dubartii lammii Ityoophiyaa umrii wagaa 24 tan namoota kanaan dura vayirasichaan qabaman waliin tuttuqaa kan qabdu.

4. Lammii Moriishes umrii waggaa 72 Koongoo Braazaaviil irraa dhufe tahuu ibsame.

Namoonni kunneen iddoo tursiisa addaa keessa galuun hordoffiin taasifamaafii kan jiru yoo ta’u, namoota isaan waliin tuttuqaa qaban 37f hordoffiin taasifamaa jiraachuu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksise.

Guutuu Addunyaa keessatti lakkofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 552,943, lakoofsi namoota du’anii ammoo 25,045 dabree jira. Namni 128,706 ammoo bayyanatanii jiru.

Odeeyfannoowwan March 27, 2020, Weerara Vayirasii Koroonaatiin wal qabatan ijoon kanneen armaan gadiiti.

13:30GMT-Muummichi ministeera UK Boris Johnson Vayirasii Koroonaatiin qabamuu beeksise.

13:25GMT-Neezarlaand guyyaa takkotti namoota 1,172 irratti Vayirasichi argamuu beeksiste. Lakkofsi lammiilee biyyattii vayirasichi irratti argamee 8603 gahee jira.

13:15GMT-Turkiyaan kutaa biyyattii Galaana Gurraacha (Black Sea) jedhamu keessatti tamsa’ina Vayirasii koroonaa to’achuuf magaalaa takkaa fi gandoota baadiyyaa 4 guutumaan guututti cufuuf tahuu beeksiste. Biyyattii keessatti namoota Vayirasichaan qabaman 3,629 jidduu 75 du’anii jiru.

13:00GMT-Ministeerri Fayyaa UK Vayirasii koroonaatiin qabamuu ibsame.

10:54GMT-Ispeen hanga guyyaa har’aatti lammiilee biyyattii 64,059 Vayirasichaan qabaman jidduu 4,858 du’uu beeksiste.

 

Khamiisa, March 26/2020

Keeniyaa keessatti ammoo Vayirasichi namoota 31 irratti argamuun mirkanaahee jira. Namni tokko ammoo du’ee jira. Mootummaa biyyattii tamsa’ina Vayirasichaa ittisuuf murtiiwwan jalqabaa jechuun dabarse jidduu Khamisaa har’aa irraa jalqabee galagala Sa’aa 1 irraa hanga Subhii sa’aa 11tti lammiileen biyyattii manaa akka hin baaneef labsee jira. Afrikaan kibbaa ammoo lammiileen biyyattii torbaan sadihiifguutumaan guututti manaa akka hin baane dhoorkitee jirti.
Biyyoota Afrikaa Vayirasichii saffisaan keessatti babal’ataa jiru jidduu Afrikaa Kibbaa, Masr, Aljeeriyaa, Botsiwaanaa, Tuniiziyaa fi Morkoon keessatti argamu.

Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Dhibeen Vayirasiin Koronaa (COVID-19) biyyoota 196 keessatti nama 503,218 ol irratti argamee jira. Namoonni 22,340 kan du’an yoo tahu, Namooni 121,227 ammoo bayyanatanii jiru.
Tamsa’ini Vayirasichaa yeroo ammoo Chaayinaa keessatti hir’atuun Awrooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti daran hammaatee jira. Keessumattuu Xaaliyaanii fi Ispeen Vayirasichaan akka malee hubamaa jiran

Ameerikaa keessatti hanga guyyaa kaleessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 68,500 dabree jira. Mootummaan Ameerikaa lammiileen biyyattii manaa akka hin baane kan gorsaa jiru yoo tahu, Kutaalee tokko tokko ammoo labsii yeroo muddamaa baasuun ummanni manaa akka hin baane seeraan ugguraa jiran. Kanuma hordofuun sochii diinagdee dadhabaa dhufe deeggaruu fi akkasumas lammiilee biyyattii hojiin ala ta’an gargaaruuf, deeggarsa maallaqaa Bulchiinsi Traamp gaafate Dolaara Triliyoona lama Kongirasiin hayyamee jira.
Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru ammoo :
Iraan, Kanaadaa, Awstiraaliyaa, BraaziilIsraa’el, Turkiyaa, Maleezhiyaa, Paakistaanm, Idoneezhiyaan wal duraa duubaan argamu.

Odeeyfannoowwan March 26, 2020 Vayirasii Koronaatiin wal qabatan kanneen biroo akka armaan gadii kana:
16:35GMT-Keeniyaan namni jalqabaa sababa Vayirasii koroonaatiin du’uu beeksiste.
16:10GMT-Chaayinaan lammiileen biyya alaa gara biyyattii akka hin seenne uggurte. Mootummaan Chaayinaa akka jedhutti namoonni haarayatti Vayirasichaan qabamaa jiran kanneen biyya biroo irraa dhufan tahuu ibsuun, sabtii dhuftu irraa eeggalee lammiileen biyya biroo gara Chaayinaa akka hin seene kan dhoorkitu tahuu beeksiste.

14:30GMT-Mootummaan UK namna Vayirasichaan qabamee jira jedhee Poolisoota, ogeeyyota fayyaa fi namoota dukkaa gurguran irratti itti yaadee fuula irratti qufa’u hunda adabbii hidhaa waggaa lamaa kan eeggatu tahuu labse.

14:39GMT-Waldaan Haakimoota Filiipiins hanqina meeshaalee ittisa Vayirasii irraa kan ka’e hanga guyyaa har’aatti Doktoroonni sagal du’uu beeksise.
07:15GMT-Kaashimiir namni jalqabaa sababa Vayirasii koroonaatiin du’uu beeksiste.

Arba’aa, March 25, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Dhibeen Vayirasiin Koronaa (COVID-19) biyyoota 196 keessatti nama 452,168 irratti argamee jira. Namoonni 20,494 kan du’an yoo tahu, Namooni 113,120 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 81,218, Kan Du’e 3,281, kan bayyanate 73,650; Chaayinaa keessatti yeroo ammaa namoonni hospitaala keessatti waldhaanamaa jiran 5,686 qofa.

Tamsa’ini Vayirasichaa yeroo ammoo Awrooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti daran hammaatee jira.
Italy: Namni Qabame 74,386, kan Du’e 7,503, Kan bayyanate 9,362 qofa. Biyyatti keessatti sa’a 24 dabre keessatti qofa nama 683 du’e.
Ispeen: Namni Qabame 47,610, Kan Du’e 3,434, kan bayyanate 5,367; Ispeen guutuu addunyaa keessatti Xaaliyaanitti aanuun lakkoofsa namoota sababa Vayirasichaa du’aniitiin lammaffaa irra jirti. Itti aanaan Muummicha Ministeera biyyattiitis Vayirasii Koroonaatiin qabame.

Jarman: Namni Qabame 35,740, Kan Du’e 186, kan bayyanate 3,540; Chansilariin Jarman Angeelaa Markeel qorannoo fayyaa yeroo lammataa godhameefiitiin Vayirasicha irraa bilisa tahuun isii mirkanaahee jira.

Faransaay: Namni Qabame 25,233, Kan Du’e 1,331, kan bayyanate 3,900; Ogeeyyonni Fayyaa biyyatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan du’anii kan gabaasamaa jiruu ol tahuu himan. Sababni isaatis Mangoddoonni manneen Kuusaa keessatti du’anii fi kanneen manneen jireenyaa keessatti du’an gabaasa mootummaa keessatti hin hammatamne.

Swiizarlaand :Namni Qabame 10,537, Kan Du’e 149, Kan Bayyanate 131

UK:Namni Qabame 8,227, Kan Du’e 433, Kan Bayyanate 135; Waamicha mootummaa biyyattii hordofuun lammiileen 400,000 hojii ittisa Vayirasichaa irratti dhaabbata tajaajila fayyaa biyyattiitiif tolaan kan hojjataa jiran tahuu ibsame. Gama biraatiin ammoo Ilmi mootitti Briteen, Dhaaltuun Gonfoo Biyyattii Prince Charles Vayirasii Koroonaatiin qabamuu mirkanaahee jira.

Biyyoota Awrooppaa kan akka Noorweey, Swiidin, Porchugaal, Deenmaark, Neezarlaand, Beeljiyeem, Ostriyaa keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira. Waluma galattii biyyoota kanneen turban keessattis namni 24,500 ol Vayirasichaan qabamee jira.

Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru ammoo
USA: Namni Qabame 61,808, Kan Du’e 859, Kan Bayyanate 387
Iraan: Namni Qabame 27,017, Kan Du’e 2,077, kan bayyanate 9,625
Kanaadaa: Namni Qabame 2,923, Kan Du’e 28, Kan Bayyanate 185
Awstiraaliyaa: Namni Qabame 2,431 , Kan Du’e 9, Kan Bayyanate 118
Braaziil:Namni Qabame 2,274, Kan du’e 47, Kan Bayyanate 2
Turkiyaa: Namni Qabame 1,872 , Kan Du’e 44 , Kan Bayyanate 26
Maleezhiyaa: Namni Qabame 1,796, Kan Du’e 20, Kan Bayyanate 199
Paakistaan: Namni Qabame 1,022, Kan Du’e 8, kan bayyanate 21
Indoneezhiyaa: Namni Qabame 790, Kan Du’e 58, Kan Bayyanate 31

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Israa’el: Namni Qabame 2,170, Kan Du’e 5, kan bayyanate 58
Sa’uudii: Namni Qabame 900, Kan Du’e 2, kan bayyanate 29
Qaxar: Namni Qabame 537, Kan Du’e 0, kan bayyanate 41
Bahreeyn: Namni Qabame 419, Kan Du’e 4, kan bayyanate 177
Iraaq: Namni Qabame 346, Kan Du’e 29,Kan bayyanate 103
Lubnaan: Namni Qabame 333, Kan Du’e 4, kan bayyanate 8
Emreets: Namni Qabame 333, Kan Du’e 2, kan bayyanate 52
Kuweeyt: Namni Qabame 195, Kan Du’e , kan bayyanate 43
Falasxiin keessatti namoonni Vayirasichaan qabamn 64 gahanii jiru. Namni tokko ammoo du’e.

Ardii Afrikaa keessatti tamsa’ini Vayirasii duraan salphaa ture ammaa haala yaaddeessaa taheen dabalaa jira. Haaluma kanaan Biyyoota Afrikaa 46 keessatti babal’atuuun namoonni 2,400 ol vayirasichaan qabamuun kan mirkanaahe yoo tahu, walumaa galatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaa du’anii 60 ol gahee jira.

Ityoophiyaa keessatti hanga Arba’aa har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 12 gahuu ibsame. Tamsa’ina Vayirasii Koroonaa ittisuudhaaf jecha hidhamtoonni 4000 mana hidhaa irraa akka gadi lakkifaman murtaahee jira.

Kiibxata, March 24, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 196 keessatti nama 395,157 ol irratti argamee jira. Namoonni 17,226 kan du’an yoo tahu, Namooni 103,710 ammoo bayyanatanii jiru.

Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa kibxata har’aa lakkoofsi namoota Vayirasiin Koroonaa irratti argamee 12 gahuu ibse

Dhibee Vayirasii koroonaa Ardii Afrikaa keessatti babal’ataa jiruun to’achuuf biyyoonni heddu tarkaanfiiwwan cimaa fudhataa jiran. Afrikaan Kibbaa guyyaa 21 tokkoof lammiileen biyyattii manaa akka hin baane uggurtee jirti. Biyyattii keessatti namoonni 550 ol Vayirasichaan qabamanii jiru. Torbaan tokko dura lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichi irratti argame 62 qofa ture.

Odeeyfannoon Vayirasii Koroonaa ilaallatan ijoon kanneen armaan gadiiti.
13:20GMT-WHO’n akka jedhutti, Weerarri Vayirasii Koroonaa Ameerikaa keessatti hammaataa jiraatuu akeekkachiise. Hanga guyyaa har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 46,168 dabre.

12:40GMT-Muummichi ministeera Briteen Boris Johonson tamsa’ina Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti hammaataa dhufe too’achuuf ummanni manaa akka hin baane dhorrkuun dirqama akka tahe beeksise. Mootummaan Briteen sochii ummataa ugguuruudhaaf rincicaa kan ture yoo tahu, lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii dabalaa dhufuu isaatiin murtii kana labse. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 6,650 dabree jira.

12:25GMT-Woldorgommiiin Olimipiikii Tokyoo June 23/2020tti jalqabamuuf karoorfamee ture waggaa tokko booda akka ta’u Koree Olimpiikii Addunyaa waliin walii galtee irra gahuu muummichi ministeera Jaappaan Shinzo Abe hime.

12:15GMT-Loltoonni NATO 4 Afgaanistaan keessatti Vayirasii Koroonaatiin qabamuu ibsame.

11:40GMT-Masri tamsa’ina Vayirasii koroonaa hir’isuuf labsii sochii ummataa ugguru kan torbee lama turu labsite. Haaluma kanaan lammiileen biyyattii Arba’aa boruu irraa jalqabee galgala Sa’a 7:00PM irraa hanga Subhii sa’aa 6:00AM manaa akka hin baane murtaahee jira. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamnii 366 dabre.

11:35GMT-Hogganaan Waajjira Prezdaantii Nayjeeriyaa Vaayirasi Koroonaatiin qabamuu Royters gabaase.

11:30GMT-Lakkoofsi lammiilee Iiraan sababa Vayirasii Koroonaatiin du’anii 2,000tti dhihaatuu gabaafame. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamnii 24,811 dabre.

11:10GMT-Ministeerri Fayyaa Ispeen guyyaa tokkotti lammiilee biyyattii 6,600 Vayirasichi irratti argamuu beeksise. Walumaa galatti biyyattii keessatti hanaga guyyaa har’aatti nama 39,673 Vayirasichaan qabaman jidduu 2,696 du’uu ibsame. Ispeen Awrooppaa keessatti Xaaliyaanitti aantee dhibee kanaan haala hamaan miidhamaa jirti.

10:30GMT-Maleezhiyaan lakkoofsi lammiilee biyyatti Vayirasichaan qabamanii 1,624 gahuu beeksiste.
10:00GMT-Indoneezhiyaan guyyaa tokkotti nama 107 irratti Vayirasichi argamuu himte. Walumaa galatti biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 686 dabree ibsame.

09:20GMT-Chaayinaan lakoofsi lammiilee biyyatti Vayirasichaan eega qabamnii booda gara biyyattii deebi’anii dabalaa jiraatuu beeksiste.
Mootummaan biyyattii kutaa Hube tan jalqaba Vayirasichi keessatti argame keessatti yeroo torbaan tokko caaluuf namni haarayatti Vayirasichaan qabame hin jiru jechaa ture. Haata’u malee dhaabbanni Odeeyfannoo biyyattii Caixin Global jedhamu qondaaltota magaalaa Wuhan eeruun akka gabaasetti, ammas guyyaa guyyatti yoo xiqqaate namooni 10 ol magaalatti keessatti Vayirasichaan kan qabamaa jiran tahuu beeksise.
Mootummaan Chaayinaa gama isaatiin biyyattiin Weera Vayirasichaa irraa ammas guututti bilisa tahuu dhabuu ibsuun, hojiin too’annaa Vayirasichaa kan itti fufu tahuu ibse.

Alhada, March 22, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 189 keessatti nama 335,157 irratti argamee jira. Namoonni 14,437kan du’an yoo tahu, Namooni 96,958 ammoo bayyanatanii jiru.

China: Namni Qabame 81,054, Kan Du’e 3,261, kan bayyanate 72,440; (Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan haarayatti qabaman hir’ataa kan dhufe yoo tahu, guyyaa kaleessaa namoonni 46 vayirasichi irratti argame jidduu 45 kanneen dhiheenya biyoota biroo irraa gara Chaayinaa galan tahuu mootummaan biyyatti beeksise.)

Tamsa’ini Vayirasichaa yeroo ammoo Awrooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti daran hammaatee jira.
Italy: Namni Qabame 59,138, kan Du’e 5,476, Kan bayyanate 7,024
Ispeen: Namni Qabame 28,603, Kan Du’e 1,756, kan bayyanate 2,125
Jarman: Namni Qabame 24,714, Kan Du’e 92, kan bayyanate 266
Faransaay: Namni Qabame 14,459, Kan Du’e 562, kan bayyanate 1,587
Swiizarlaand :Namni Qabame 7,230, Kan Du’e 85, Kan Bayyanate 131
UK:Namni Qabame 5,683, Kan Du’e 281, Kan Bayyanate 93

Biyyoota Awrooppaa kan akka Noorweey, Swiidin, Porchugaal, Deenmaark, Neezarlaand, Beeljiyeem, Ostriyaa fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.

Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru kanneen biroo ammoo
USA: Namni Qabame 35,746, Kan Du’e 392, Kan Bayyanate 178
Iraan: Namni Qabame 21,638, Kan Du’e 1,685, kan bayyanate 7,635
Kanaadaa: Namni Qabame 1,385, Kan Du’e 20, Kan Bayyanate 14
Awstiraaliyaa: Namni Qabame 1,353 , Kan Du’e 7, Kan Bayyanate 46
Maleezhiyaa: Namni Qabame 1,306, Kan Du’e 10, Kan Bayyanate 139
Turkiyaa: Namni Qabame 947 , Kan Du’e 21 , Kan Bayyanate 0
Paakistaan: Namni Qabame 646, Kan Du’e 3, kan bayyanate 13
Indoneezhiyaa: Namni Qabame 514, Kan Du’e 48, Kan Bayyanate 29

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Israa’el: Namni Qabame 945, Kan Du’e 1, kan bayyanate 37
Sa’uudii: Namni Qabame 511, Kan Du’e 0, kan bayyanate 17
Qaxar: Namni Qabame 481, Kan Du’e 0, kan bayyanate 27
Bahreeyn: Namni Qabame 332, Kan Du’e 2, kan bayyanate 149
Lubnaan: Namni Qabame 248, Kan Du’e 4,Kan bayyanate 8
Iraaq: Namni Qabame 233, Kan Du’e 20, kan bayyanate 57
Kuweeyt: Namni Qabame 188, Kan Du’e 0, kan bayyanate 27
Emreets: Namni Qabame 153, Kan Du’e 2, kan bayyanate 38

Bulchiinsi Falasxiin ammoo Jiraattonni magaalaa Gazzaa lama kanneen dhiheenya Pakistaan irraa debi’an Vayirasii koroonaatiin qabamuu beeksisan Waluma galatti West Bank fi Alqudsi dabalatee guutu Falasxiin keessatti namoonni 53 Vayirasichaan qabamuu odeeyfannoon ni addeesa.
Ardii Afrikaa keessatti tamsa’ini Vayirasii duraan salphaa ture ammaa haala yaaddeessaa taheen dabalaa jira. Haaluma kanaan Biyyoota Afrikaa 41 keessatti babal’atuuun namoonni 1, 000 ol vayirasichaan qabamuun kan mirkanaahe yoo tahu, Ertiraa dabalatee biyyoota baha Afrikaa hunda keessatti tamsa’uun mirkanaahee jira.

Ityoophiyaa keessatti hanga Alhada har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 11 gahuu ibsame. Keeniyaa keessatti ammoo Vayirasichi namoota 15 irratti argamuun mirkanaahee jira. Biyyoota Afrikaa Vayirasichii saffisaan keessatti babal’ataa jiru jidduu Masr, Afrikaa Kibbaa, Aljeeriyaa fi Morkoon keessatti argamu.

 

Sabtii, March 21, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti lakkkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 279,320 dabree jira. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaatiin du’anii ammoo 11,587 gahe.
Tamsa’ini Vayirasichaa yeroo ammoo Awrooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessatti daran hammaatee jira. Xaaliyaan keessatti halkan edaa qofa namoonni 627 du’anii jiru. Lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 47,021 akka gaheefi, Namoonni 4,032 ammoo du’uu ibsame. Ispeen keessatti lakkofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 21,571 kan dabre yoo tahu, Jarman keessattis ammoo namoonni 20,099 Vayirasichaan qabamanii jiru.

Dhibee Vayirasii koroonaa ilaalchisee odeeyfannoowwan ijoo March 21, 2020 kanneen armaan gadiiti.
09:30GMT-Iiraan lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 20,610 gahuu beeksiste. Namoonni 1,556 ammoo du’uu ibsame.
09:03GMT-Ministeerri fayyaa Indoneezhiyaa tamsa’ini Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti haala yaaddessaa irra gahuu beeksise. lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 450 akka gaheefi, Namoonni 38 ammoo du’uu ibsame.

08:04GMT-Turkiyaan tamsa’ina Vayirasichaa to’achuuf qajeelfama cimaa baasuu beeksiste. Qajeelfamni haaraya bahe Hoteelota, Restooraantii, manneen Kunuunsa Manguddootaa fi Dormitarii Barattootaa kan ilaallatu tahuu ibsame. Hanga Alhada Har’aatti lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 670 akka gaheefi, Namoonni 9 ammoo du’uu ibsame.

06:24GMT-Urdun labsi yeroo muddamaa hojii irra oolchuu jalqabde. Tamsa’ina Vayirasii koronaa ittiisuuf jecha lammiilee biyyattii manaa akka hin baane labsite. Dhimma guddaa irraa hafuun hin danda’amneen alatti namni labsicha cabse hidhaa hanga waggaa tokkoo gahuun kan adabamu tahuu ibsame. Labsicha hojii irra oolchuuf waraana biyyattiitiif aangoon guutuun kennamee jira.

23:45GMT-Prezdaantiin Ameerikaa Tamsa’ina Vayirasii Koroonaa to’achuuf seera yeroo waraanaa hojii irra oolchuu kan jalqabe tahuu beeksise. Hanga Sabtii Kaleessaatti lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan qabamanii 19,774 akka gaheefi, Namoonni 275 ammoo du’uu ibsame.

Jum’aa, March 20, 2020

15:45GMT-Bulchiinsi Kutaa New York Tamsa’ina Vayirasii Koroonaa ittisuu Manneen Dawaa fi Groosherii Nyaataatiin alatti dhaabbileen daldalaa hundi akka cufamanii fi hojjattoonnis manaa akka hin baane ajaje.

15:25GMT-Prezdaantiin Tuniiziyaa Qayiis Sa’id dhaamsa Televiziinaan kallattiin dabarseen, lammiileen biyyattii hamma danda’aniin manaa akka hin baane gorsuun, sochiin magaalaa tokko irraa gara birootti godhamu ammoo guututti ugguramuu labse. Biyyattii keessatti namni 36 vayirasichaan kan qabame yoo tahu, namni tokko ammoo du’ee jira.

15:20GMT-Mootummaan Braazil tamsa’ini Vayirasii koroonaa sadarakaa weeraraa irra gahe jechuun labsii yeroo muddamaa labse. Biyyattii keessatti namni 621 vayirasichaan kan qabame yoo tahu, namni torba ammoo du’ee jira.

13:30GMT-Mootummaan Urduun tamsa’ina Vayirasii koroonaa too’achuuf labsii yeroo muuddamaa baase. Labsii kanaan waraanni biyyattii tarkaanfiiwwan Vayirasicha too’achuuf barbaachisan hunda cimsuu irratti angoo guutuu argatee jira.

13:11GMT-Tamsa’ini Vayirasii Koroonaa biyyoota Awrooppaa keessatti hammaate Neezarlaands miidhaa jira. Qondaaltonni biyyattii guyyaa tokkotti namoonni 534 Vayirasichaan qabamuu mirkaneessan. Biyyattii keessatti namni 2,994 vayirasichaan kan qabame yoo tahu, namni 106 ammoo du’ee jira.

13:10GMT-Xaaliyaan Uggura guutuu biyyattii keessatti labsite cimsuuf loltoota dabalataa kan bobbaastu tahuu beeksiste. Biyyattiin yeroo ammaa weerara Vayirasichaatiin biyyoota hunda caalaa kan hubamaa jirtu yoo tahu, lammiilee Xaaliyaan 41,035 vayirasichaan qabaman jidduu 3,405 kan du’an tahuu ibsame.

09:51GMT-Maleezhiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii hedduu dabalaa jira. Guyyaa tokkotti namoonni 130 Vayirasichaan qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamnii 1,030 dabree jira. Namoonni 3 ammoo du’anii jiru.

Jum’aa, March 20, 2020

Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 182 keessatti nama 252,731 irratti argamee jira. Namoonni 10,405 kan du’an yoo tahu, Namooni 89,056 ammoo bayyanatanii jiru.

 

China: Namni Qabame 80,967,  Kan Du’e  3,248, kan bayyanate 71,150 ; (Chaayinaa keessatti guyyoota lamaan dabran namoonni Vayirasichi haarayatti irratti argame kanneen biyya biraa irraa garas seenan qofa.)

Italy: Namni Qabame 41,035, kan Du’e 3,405, Kan bayyanate 4,440

Ispeen: Namni Qabame 19,980, Kan Du’e 1,002, kan bayyanate 1,588

Iraan: Namni Qabame 19,644, Kan Du’e 1,433, kan bayyanate 5,979

Jarman: Namni Qabame 16,626, Kan Du’e 44, kan bayyanate 115

Faransaay: Namni Qabame 10,995, Kan Du’e 372, kan bayyanate 1,295

Swiizarlaand :Namni Qabame 4,222, Kan Du’e 43, Kan Bayyanate 15

UK:Namni Qabame 3,269, Kan Du’e 144, Kan Bayyanate 65

 

Biyyoota Awrooppaa kan akka Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, Beeljiyeem, Ostriyaa fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.

 

Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru kanneen biroo ammoo

USA: Namni Qabame 14,366, Kan Du’e 217, Kan Bayyanate 125

Maleezhiyaa: Namni Qabame 1,030, Kan Du’e 2, Kan Bayyanate 87

Awstiraaliyaa: Namni Qabame  876, Kan Du’e 7, Kan Bayyanate 46

Kanaadaa: Namni Qabame 873, Kan Du’e 12, Kan Bayyanate 11

Paakistaan: Namni Qabame 456, Kan Du’e 3, kan bayyanate 13

Indoneezhiyaa: Namni Qabame 369, Kan Du’e 32, Kan Bayyanate 17

Turkiyaa: Namni Qabame 359 , Kan Du’e 4 , Kan Bayyanate 0

 

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:

Israa’el: Namni Qabame 705, Kan Du’e 0, kan bayyanate 15

Qaxar: Namni Qabame 460, Kan Du’e 0, kan bayyanate 10

Bahreeyn: Namni Qabame 284, Kan Du’e 1, kan bayyanate 110

Sa’uudii: Namni Qabame 274, Kan Du’e 0, kan bayyanate 8

Iraaq: Namni Qabame 192, Kan Du’e 13, kan bayyanate 49

Lubnaan: Namni Qabame 163, Kan Du’e 4,Kan bayyanate 4

Kuweeyt: Namni Qabame 159, Kan Du’e 0, kan bayyanate 22

Emreets: Namni Qabame 140, Kan Du’e 0, kan bayyanate 31

 

Keeniyaa, Suudaan, Somaaliyaa, Jibuutii fi Ityoophiyaa dabalatee lakoofsi biyyoota Afrikaa Vayirasichi keessatti argame  36 gahuu mirkanaahee jira.

 

 

Ityoophiyaa keessatti hanga Jum’aa har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 9.

Khamiisa, March 19, 2020

15:30GMT-WHO’n Biyyoonni Afrikaa hatattamaan akka of qopheessan akeekkachiise. Dhaabbatichi akka jedhutti Vayirasichi guyyoota kurnan dabran keessaa Ardii Afrikaa keessatti saffisaan babal’atee jira. Guyyaa 10 dura Vayirasiin Koroonaa biyyoota Afrikaa 5 qofa keessatti argamuu kan mirkanaahe yoo tahu, amma ammoo biyyoota 34 keessatti namoota 650 irratti argamuu mirkanaahee jira.

15:00GMT-Ityoophiyaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii Koroonaatiin qabamuun mirkanaahe 7 gahe. Vayirasichi Lammii Awstraaliyaa guyyaa sadi dura Geneva irraa Finfinnee seene irratti kan argame akka taheefi yeroo ammaa Hospitaala Yakkaatti kan yaalamaa jiru tahuu Addis Fortune gabaase.

15:05GMT-Iiraan keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 18,407 yoo tahu, namni du’e 1,284 gahuu mootummaan biyyattii beeksise.

14:15GMT-Xaaliyaan halkan tokkoon namni 475 du’uu beeksisite. Biyyattii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 35,713 yoo tahu, namni du’e 2,978 gahuu mootummaan biyyattii beeksise.

12:40GMT-Somaaliyaan biyyoota addunyaa hunda caalaa dhibee Vayirasii koronaatiin miidhamti sodaa jedhu kan qaban tahuu ogeeyyonni Fayyaa biyyattii beeksisan. Ogeeyyonni Fayyaa akka jedhanitti biyyattii keessatti weerara Vayirasichaa ittisuuf qophiin gahaan godhamaa hin jiru; akkasumas meeshaaleen Vayirasicha qorannoon adda baasuuf gargaaran tokkollee biyyattii keessa hin jiru.

12:10 GMT ““Indiyaan imala gara biyyattii hunda March 22/2020 irraa eegaltee kan uggurtu tahuu beeksiste. Biyyattiin ummata biiliyoona 2 ol qabdu Vayirasiin Koroonaa sadarkaa weerara irra yoo gahe deebistee too’achuuf humna gahaa kan hin qabne tahuu ibsame.

11:52 GMT-Ministeerri Fayyaa Ispeen lamiileen biyyattii 209 sababa Vayirasii koroonaatiin halkan tokkotti du’uu beeksise. Haaluma kanaan lakkoofsi lammiilee biyyattii vayirasichaan du’anii 767 kan gahe yoo tahu, lammiileen Ispeen 17,147 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe.
09:57GMT-Srilaankaan Filannoo April 25/2020tti karoorfattee turte sababa Vayirasii koroonaatiin haquu beeksiste.
09:22 GMT-Lammiileen Falasxiin 4 mana hidhaa Israa’el keessatti dhibee Vayirasii Koroonaatiin qabamuu gabaafame.

09:22GMT- Maleezhiyaan Weerara Vayirasii Koroonaa biyyattii keessatti hammaate to’achuuf daangaa biyyoota ollaa waliin qabdu hunda cufte
Konfiransii Da’awaa guddaa xumura ji’a dabree geggeeffame booda Vayirasichi haala weerararaatiin kan tatamsa’e tahuu mootummaan biyyattii beeksise. Konfiransiin kun Masjiida guddaa magaalaa Kuwalaalaampur keessatti guyyaa 4 kan geggeeffame yoo tahu, lammiilee biyyoota alaa 1,500 dabalatee ummanni kuma 16 konfirasicha irratti kan hirmaatee ture tahuu gabaafame.
Kanuma hordofuun guyyoota lamaan dabran keessa namoota sagantaa Da’awaa kana irratti hirmaatanii turan jidduu 500 ol Vayirasichaan kan qabaman tahuu ministeerri Fayyaa biyyattii beeksise. Ammas ummata kumaatamaan lakkaahamu addatti hordoffiin fayyaa kan godhamaafii jiru tahuu ibsame. Walumaa galatti Maleezhiyaa keessatti lakoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 900 ol gahuu odeeyfannoon ni mul’isa.

Kamiisa, March 19, 2020

Madda vaayirasii kanaa kan taate Chaayinaa magaalana Wuuhaan vaayirasii kanarraa waan qulqulloofte fakkaata. Arba’a kaleessaa March 18,2020 namni vaayirasichaan qabamee galmaaye hin jiru. guyyaa arraa (Kamiisa) namoota dhukkubsatanii ciisan qofatu wal’aanamaa jira. Lammiilee Chaayinaa Dhukkuba Kanaan qabaman 80,928 keessaa namoonni 70,420 dhibee kanarraa dandamatanii fayyanii jiru. namoonni 3,245 kan du’an yoo tahu, yeroo ammaa nama 7,263 qofatu hospitaala jira. Kana keessaa namoonni 2,274 haala yaaddessa keessa jiru. walumaa galatti haala amma jirurra dhaabbannee yoo laalle, chaayinaan dhibee kana toohattee jirti. Wanti amma rakkoo isitti tahe namoota biyya alaa irraa dhufan qofa. Guyyaa arraa nama 34tu dhukkuba kana wajji gara chaayinaa sene.

Arba’aa, March 18, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 170 keessatti nama 208,421 irratti argamee jira. Namoonni 8,273 kan du’an yoo tahu, Namooni 82,902 ammoo bayyanatanii jiru.

China: Namni Qabame 80,894, Kan Du’e 3,237, kan bayyanate 69,614
Italy: Namni Qabame 31,506, kan Du’e 2,503, Kan bayyanate 2,941
Iran: Namni Qabame 17,361, Kan Du’e 1,135, kan bayyanate 5,389
Ispeen: Namni Qabame 13,910, Kan Du’e 623, kan bayyanate 1,081
Jarman: Namni Qabame 11,302, Kan Du’e 27, kan bayyanate 86
Faransaay: Namni Qabame 7,730, Kan Du’e 175, kan bayyanate 602
UK:Namni Qabame 2,626, Kan Du’e 71, Kan Bayyanate 65

Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, Beeljiyeem, Ostriyaa fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.

Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru kanneen biro ammoo
USA: Namni Qabame 7,538, Kan Du’e 117, Kan Bayyanate 106
Maleezhiyaa: Namni Qabame 790, Kan Du’e 2, Kan Bayyanate 60
Kanaadaa: Namni Qabame 598, Kan Du’e 8, Kan Bayyanate 12
Awstiraaliyaa: Namni Qabame565, Kan Du’e 6, Kan Bayyanate 43

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 442, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Israa’el: Namni Qabame 433, Kan Du’e 0, kan bayyanate 11
Bahreeyn: Namni Qabame 255, Kan Du’e 1, kan bayyanate 88
Sa’uudii: Namni Qabame 171, Kan Du’e 0, kan bayyanate 6
Iraaq: Namni Qabame 164, Kan Du’e 12, kan bayyanate 41
Kuweeyt: Namni Qabame 142, Kan Du’e 0, kan bayyanate 15
Lubnaan: Namni Qabame 133, Kan Du’e 4,Kan bayyanate 4
Emreets: Namni Qabame 113, Kan Du’e 0, kan bayyanate 26

Keeniyaa, Suudaan, Somaaliyaa, Jibuutii fi Ityoophiyaa dabalatee lakoofsi biyyoota Afrikaa Vayirasichi keessatti argame 34 gahuu mirkanaahee jira.
Ityoophiyaa keessatti hanga Arba’aa har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 6.

Kiibxata, March 17, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 162 keessatti nama 187,404
irratti argamee jira. Namoonni 7,478 kan du’an yoo tahu, Namooni 80,848 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 80,881, Kan Du’e 3,226, kan bayyanate 68,709
Italy: Namni Qabame 27,980, kan Du’e 2,158, Kan bayyanate 2,749
Iran: Namni Qabame 16,169, Kan Du’e 988, kan bayyanate 5,389
Ispeen: Namni Qabame 11,279, Kan Du’e 497, kan bayyanate 1,028
Jarman: Namni Qabame 7,974, Kan Du’e 20, kan bayyanate 67
Faransaay: Namni Qabame 6,633, Kan Du’e 148, kan bayyanate 12
Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem, Ostriyaa fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.
Biyyoonni Biroo Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti babal’ataa jiru kanneen biro ammoo
USA: Namni Qabame 4,744, Kan Du’e 93, Kan Bayyanate 74
Maleezhiyaa: Namni Qabame 673, Kan Du’e 2, Kan Bayyanate 49
Awstiraaliyaa: Namni Qabame 452, Kan Du’e 5, Kan Bayyanate 27
Kanaadaa: Namni Qabame 441, Kan Du’e 4, Kan Bayyanate 11

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 439, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Israa’el: Namni Qabame 324, Kan Du’e 0, kan bayyanate 11
Bahreeyn: Namni Qabame 237, Kan Du’e 1, kan bayyanate 81
Iraaq: Namni Qabame 154, Kan Du’e 11, kan bayyanate 21
Sa’uudii: Namni Qabame 133, Kan Du’e 0, kan bayyanate 6
Kuweeyt: Namni Qabame 130, Kan Du’e 0, kan bayyanate 12
Lubnaan: Namni Qabame 120, Kan Du’e 3,Kan bayyanate 3
Emreets: Namni Qabame 98, Kan Du’e 0, kan bayyanate 26

Keeniyaa, Suudaan, Somaaliyaa fi Ityoophiyaa dabalatee lakoofsi biyyoota Afrikaa Vayirasichi keessatti argame 30 gahuu mirkanaahee jira.

Hogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa dabalatee namoonni 21 Vaayirasii Koronaa irraa bilisa tahuu ibsame
Hogganaa Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dr.Tolaa Bariisoo dabalatee namoota lammii Jaappaan jalqaba Ityoophiyaa keessatti vaayrasiin Koroonaa irratti argame waliin wal arganii turan, kophaatti adda bahanii hordofiin kan godhamaafii jiru tahuu ibsamee ture. Haaluma kanaan Dr.Tolaa dabalatee namoonni 21 qoronnoo godhameen Vaayirasicha irraa bilisa tahuu ibsame.

“Haata’u malee bu’aan qorannoo bilisa ta’us, yeroon addatti tursiifamuu qabu guyyoota 14 xumuruun hojii idileetti ni deebi’a”jechuun Dr.Tolaa Bariisoo BBCtti hime.

Namoota lammii Jaappaan waliin tuttuqaa qabanii fi qorannoo taasifameen bilisa ta’an keessaa 21 hojjettoota seektara barnootaa ta’uus odeeyfannoon ni addeessa.

Ityoophiyaa keessatti hanga Kiibxata har’aatti lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamee 5.

March 16, 2020

Muummichi ministeeraa Dr. Abiy Ahmad tamsa’ina Vayrasii koroonaa ittisuuf har’aa eegalee guyyoota 15’f manneen barnootaa akka cufaman ajajni dabruu beeksise. Dabalataanis Barattoota yuunvarsiititiif bakka jiranitti hordoffiin kan godhamuuf tahuu ibsame.
Haaluma wal fakkaatuun guutuu biyyattii keessatti sochiiwwan ispoortii fi walgahiiwwan adda addaa kan dhoorkaman yoo tahu, Waltajjiiwwan xixiqqaan beekamtii fi hordoffii Ministeera Fayyaatin gaggeeffamuu akka qabanis ibsuu isaa FBC’n gabaase.

Kana malees Vayirasii kana ittisuu Meeshaalee qulqullinaa, saamunaa, alkoolii fi kanneen biro barabaachisaa tahan mootummaan kan raabsuu tahuu beeksise.

Hanqina Traanspoortii hir’isuuf, konkolaattonni mootummaa, dhaabbilee fi namoonni dhuunfaa konkolaattota qabanis tumsa akka godhan muummichi ministeeraa kan gaafate tahuus odeeyfannoon ni addeessa. Dhaabbileen amantaa ammoo hordoftoonni isaanii akkaataa walitti qabaman irratti of eeggannaa akka godhan dhaamame.

Ityoophiyaa keessatti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman 5 kan gahan yoo tahu, namni shanaffaan Duubaayi irraa kan dhufe tahuu ibsame.

 

Alhada, March 15, 2020
Guutuu Addunyaa keessatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 156 keessatti nama 162,578 irratti argamee jira. Namoonni 6,069 kan du’an yoo tahu, Namooni 75,968 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 80,849, Kan Du’e 3,199, kan bayyanate 66,931
Italy: Namni Qabame 21,157, kan Du’e 1,441, Kan bayyanate 1,966
Iran: Namni Qabame 13,938, Kan Du’e 724, kan bayyanate 4,339
Ispeen: Namni Qabame 7,753, Kan Du’e 291, kan bayyanate 517
Jarman: Namni Qabame 5,426, Kan Du’e 11, kan bayyanate 48
Faransaay: Namni Qabame 4,499, Kan Du’e 91, kan bayyanate 12
USA: Namni Qabame 3,083, Kan Du’e 60, Kan Bayyanate 56
Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.
Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 337, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Bahreeyn: Namni Qabame 211, Kan Du’e 0, kan bayyanate 60
Israa’el: Namni Qabame 200, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Kuweeyt: Namni Qabame 112, Kan Du’e 0, kan bayyanate 9
Iraaq: Namni Qabame 110, Kan Du’e 10, kan bayyanate 26
Sa’uudii: Namni Qabame 103, Kan Du’e 0, kan bayyanate 2
Emreets: Namni Qabame 86, Kan Du’e 0, kan bayyanate 20

Keeniyaa, Suudaan fi Ityoophiyaa dabalatee lakoofsi biyyoota Afrikaa Vayirasichi keessatti argame 25 gahuu mirkanaahee jira.

Lammiin Jaappaan Ityoophiyaa keessatti Vayirasiin Koroonaa irratti argame, Wixata, Gurraandhala 30/2012 Godina Arsii Aanaa Dododtaa keessatti daaw’annaa Manneen Barnootaa lama irratti kan argamee ture tahuu Kominikeeshiiniin aanichaa beeksise. Dabalataanis ogeeyyonni Barnootaa Godinaa fi Aaanaatis nama kana waliin daaw’annaa hojiitif garasitti kan imalan tahuu ibsame. Dabalataanis Itti gaafatamaan Waajjira Barnoota Oromiyaa Obbo Tolaa Bariisoo Dabalatee namoonni 15 ol nama kana waliin wal qunnamuun mirkanaahe kophatti hordoffiin godhamaafii jiraatuu ibsame. Ityoophiyaa keessatti Lakkofsi namoota Vayirasiin qabamanii 4 gahuu ibsame.

Sabtii, March 14, 2020

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tamsa’inni vaayirasii koroonaa chaayinaa keessatti akka xiqqaatee fi biyyoota Awrooppaa keessatti ammoo haala hamaa irra gahuu beeksise. Haluma kanaan biyyoonni akka Jarman, Ispeen fi Faransaay labsii yeroo muddamaa baasa jiran.

Walumaa galatti hanga guyyaa har’aatti Vayirasichi biyyoota 149 keessatti nama 148,502 irratti argamee jira. Namoonni 5,544 kan du’an yoo tahu, Namni 72,572 ammoo bayyanatanii jiru.
China: Namni Qabame 80,824, Kan Du’e 3,189, kan bayyanate 65,569
Italy: Namni Qabame 17,660, kan Du’e 1,266, Kan bayyanate 1,439
Iran: Namni Qabame 12,729, Kan Du’e 611, kan bayyanate 3,529
Ispeen: Namni Qabame 5,232, Kan Du’e 133, kan bayyanate 193
Jarman: Namni Qabame 3,758, Kan Du’e 8, kan bayyanate 48
Faransaay: Namni Qabame 3,661, Kan Du’e 72, kan bayyanate 12
USA: Namni Qabame 2,329, Kan Du’e 50, Kan Bayyanate 41

Biyyoota Awrooppaa kan akka Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.

Biyyoota Baha Jiddu Galeessaa Vayirasichi keessatti babal’ataa jiru jidduu:
Qaxar: Namni Qabame 337, Kan Du’e 0, kan bayyanate 0
Bahreeyn: Namni Qabame 211, Kan Du’e 0, kan bayyanate 60
Israa’el: Namni Qabame 164, Kan Du’e 0, kan bayyanate 4
Iraaq: Namni Qabame 101, Kan Du’e 10, kan bayyanate 24
Kuweeyt: Namni Qabame 100, Kan Du’e 0, kan bayyanate 5
Sa’uudii: Namni Qabame 86, Kan Du’e 0, kan bayyanate 1
Emreets: Namni Qabame 85, Kan Du’e 0, kan bayyanate 20

Keeniyaa, Suudaan, Giinii fi Ityoophiyaan biyyoota Afrikaa Jum’a kaleessa namni Vayirasii qabame biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessan yoo tahan, walumaagalatti Vayirasichi Biyyoota Afrikaa 18 keessatti tamsa’uu mirkanaahee jira.

Lammiin Jaappaan Ityoophiyaa keessatti Vayirasiin Koroonaa irratti argame, Wixata, Gurraandhala 30/2012 Godina Arsii Aanaa Dododtaa keessatti daaw’annaa Manneen Barnootaa lama irratti kan argamee ture tahuu Kominikeeshiiniin aanichaa beeksise. Dabalataanis ogeeyyonni Barnootaa Godinaa fi Aaanaatis nama kana waliin daaw’annaa hojiitif garasitti kan imalan tahuu ibsame.

JUM’AA March 13, 2020
13:21GMT-Suudaan lammiin isii Vayirasii Koronaatiin qabame du’uu beeksiste. Namtichi Khamisa kaleessaa du’e kun jalqaba ji’a kanaa gara Emreets imalee akka ture ibsame. Suudaan kanaan dura Vayirasichi biyya isii seenuu dhoksitee turte.
11:35GMT-BREAKING: Namni Dhibee Vayirasii Koronaatiin qabame magaalaa Finfinnee keessatti argamuu mirkanaahe. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Obbo Taakkala Uumaa fuula Feesbuukii isaa irratti, nama lammii Jaappaan Finfinnee jiraatu tokko irratti vayirasichii argamuu mirkanaahee jira jedhe.

11:03GMT-Iiraan keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 11,360 dabruu ibsame. Lakkoofsi namoota du’anii ammoo 514 gahuu ibsame. Humni waraana biyyattii guyyaa boruu irraa jalqabee sochii hunda ugguruuf kan qophaayaa jiru tahuu beeksise.
07:35GMT-Keeniyaan lammiin biyyattii Ameerikaa irraa deebite takka Vayirasii Koronaatiin qabamuu beeksiste.
01:54GMT-Haati warraa muummicha ministeera Kaanaadaa Vayirasii koronaatiin qabamuu ibsame. Muummicha ministeera biyyattii ammoo kophatti hordoffiin godhamaafii jira.

 

March 13. 2020

Tamsa’inni vaayirasii koroonaa chaayinaa keessatti xiqqaataa jira. Biyyoota Awrooppaatiifi Ameerikaa keessatti ammoo haalaan babal’ataa jira.

China: Namni Qabame 80,814,  Kan Du’e  3,177, kan bayyanate 64,118

Italy: Namni Qabame 15,113, kan Du’e 1,016, Kan bayyanate 1,258

Iran: Namni Qabame 10,075, Kan Du’e 429, kan bayyanate 3,276

USA: Namni Qabame 1,762, Kan Du’e 41, Kan Bayyanate 31

Biyyoota Awrooppaa kan akka Jarman, Faransaay, Swiizarlaand, Noorweey, Swiidin, Deenmaark, Neezarlaand, UK, Beeljiyeem fii kanneen biroo keessattis dhukkubni kun haalaan faca’aa jira.

March 12, 2020: Sa’uudiin lammiileen isii Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota hedduu akka hin imalle uggurte
Mootummaan Sa’uudii dhibee Vayirasii Koronaa biyyattii keessatti babal’ataa dhufe to’achuuf jecha, lammiileen isaa Ityoophiyaa dabalatee gara biyyoota hedduu akka hin imalle uggure. Biyyoota uggurri irra kaahame jidduu biyyoota Gamtaa Awrooppaa, Indiyaa, Paakistaan, Srii Laankaa, Filipiins, Suudaan, Suudaan Kibbaa, Ityoophiyaa, Jibuutii fi Somaaliyaa tahuu Ejensiin Odeeyfannoo biyyattii Maddeen Ministeera Biyya keessaa eeruun gabaase.

Uggura Kanaan biyyoota tarreeffaman irraa gara Sa’uudii seenuunis dhoorkamee jira.

Uggurri kun ogeeyyota Fayyaa Filipiins fi Indiyaa irraa gara Sa’uudii seenan, akkasumas meeshaalee bu’uuraa biyyoota kanneen irraa seensisuu kan hin ilaallanne tahuus ibsame.
Sa’uudii keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 45 gahuu mootummaan beeksise.

 

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dhibeen Vayirasii Koronaa Sadarkaa Weerara ol’aanaa irra gahuu labse

Arba’aa, March 11, 2020

16:29GMT-Dayirektarri Fayyaa Addunyaa WHO Dr. Tedroos Adahanom ibsa kenneen Dhibeen Vayirasii Koronaa Sadarkaa Weerara ol’aanaa irra gahuu labse.
WHO akka jedhetti torbee lamaan dabran keessa tatamsa’ini Vayirasichaa Chaayinaan alatti dacha 13 dabale.
15:46GMT-Kuweeyti imala xiyyaara gara biyyoota Galoo Galaana Arbiyaatti geggeessitu hunda haquu beeksiste. Haata’u malee uggurri kun meeshaalee bu’uuraa deddeebisuu kan hin ilaallane tahuu ibsame.
15:41GMT-Qaxar lammiileen biyya alaa biyyattii keessattihojii gara garaa irratti bobba’an 238 Vayirasichaan qabamuu beeksiste. Haaluma kanaan lakkofsi namoota biyyattii keessatti Vayirasichaan qabamanii guyyaa tokkotti 24 irraa gara 262 ol guddatee jira.
14:07GMT-Lakkofsi lammiilee Briteen Vayirasichaan qabamanii 456 gahuu labsame.
13:30GMT-Lakkofsi lammiilee Iiraan Vayirasichaan qabamanii 9,000 gahuu labsame. Lakkofsi namoota du’anii ammoo 354 gahuu ibsame.

Guutuu Addunyaatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 124,775, kan du’an 4585 kan bayyanatan ammoo 67,050 gahanii jiru.
Chaayinaa keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 80,790, kan du’an 3158, kan bayyanatan ammoo 61,661 gahee jira.
Xaaliyaan lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 12,462, kan du’an 827 , kan bayyanatan ammoo 1,045 gahanii jiri
Iiraan keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 900, kan du’an 354 kan bayyanatan ammoo 2959 gahanii jiru.
Kooriyaa Kibaa keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabaman 7755, kan du’an 60, kan bayyanatan ammoo 288 gahanii jiru.
Spain keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 2188, kan du’an 49 kan bayyanatan ammoo 183 gahanii jiru.
Jarman Keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 1853, kan du’an 3 kan bayyanatan ammoo 25 gahanii jiru.
Faransaay keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 1784, kan du’an 33 kan bayyanatan ammoo 12 gahanii jiru.
Ameerikaa keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamani 1016, kan du’an 31 kan bayyanatan ammoo 15 gahanii jiru.

March 9, 2020

Vayirasichi Chaayinaan ala hanga ammaa biyyoota 100 ol keessatti argamuu mirkanaahee jira. WHO’n akka jedhutti vaayirasichi keessumattuu biyyoota Baha Eeshiyaa fi Baha jiddu gala akkasumas Awrooppaa fi Ameerikaa Kaabaa keessattis too’annaan ala bahaa jira. Chaayinaan alatti biyyoonni Vayirasichi haala yaaddeessaa taheen keessatti hammataa dhufe Kooriyaa Kibbaa, Iiraan fi Xaaliyaa yoo ta’an, Ameerikaa Kaabaa, Faransaayii fi Jarman keessattis lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii saffisaan adabalaa jira.
Hanga guyyaa har’aatti Lammiilee Kooriyaa Kibbaa 7478 Vaayiraasichaan qabaman jidduu 53 kan du’an yoo tahu, Iiraan keessatti ammoo namoota Vaayirasichaan qabaman 6,566 jiddu 164 du’uu ibsame.
Tamsa’ini Vayirasii Koroonaa biyyoota Awrooppaa heddu keessattis daran hammataa dhufee jira. Keessumattuu dhibeen kun Xaalyan haala hamaa taheen kan hubaa jiru yoo tahu, hanga Alhada kaleessatti lammiilee biyyattii 7,375 Vaayiraasichaan qabaman jidduu 366 kan du’uu gabaafame. Kanuma hordofuun mootummaan naanna Kaaba biyyatti ummanni miiliyoona 16 ol keessa jiraatu keessatti sochii hunda ugguree jira.
Jarmanii fi Faransaay keessattis walumaa galatti nammoonni 2300 Vayirasichaan kan qabaman yoo tahu, Ispeen keessattislakkofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 674 gahuu gabaafame. Haaluma wal fakkaatuun Vayirasichi Ameerikaa keessatti kan babal’ataa jiru yoo tahu, hanga ammaa kutaalee biyyattii 30 ol keessatti namoonni 554 vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jira. Lakkoofsi namoota sababa Vayirasii kanaatiin du’anii ammoo 22 gahuu wajjirri fayyaa Ameerikaa beeksise.
Sa’uudii fi Falasxiin dabalatee Biyyoota Baha jiddu galeessaa Iiraaniin ala jiran 12 ol keessattis Vayirasichi kan argame tahus, hanga ammaa dhibeen kun to’annoon ala kan hin bahin tahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Dhibeen Vayirasii Koronaa babal’ataa dhufe kun guutuu addunyaa keessatti sochiilee hawaasummaa, diinagdee, siyaasaa fi amantaa hunda danqaa jira. Tatamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf biyyoonni sagantaalee ummanni heddu irratti hirmaatu haqaa jiran.

Kaampaaniwwan Daandii qilleensaa heddu gara biyyoota Vayirasichaan miidhamanii imaluu dhiisaa jiran.

Haaluma wal fakkaatuun biyyoonni heddu ummanni sagantaalee amantaan wal qabataniif bakka tokkotti akka walitti hin qabamne dhoorkuu dabalatee, qajeelfama adda addaa baasaa jiran.

Biyyoota Islaamaa dabalatee kanneen birootis hawaasni salaataaf gara Masjiidaa yeroo dhufu qeejalfama hordofuu qabu baasaa jiran.
Haaluma wal fakkaatuun, Sa’uudiin muslimoota guutuu addunyaatis tahee lammiilee isii Umraa godhuu barbaadan yeroodhaaf kan hin keessummeessine tahuu beeksistee jirti. Dabalataanis Sochii Masjiidota Kabajamoo lamaan Makka fi Maadinaa keessattis godhamu sa’aatii murtaahe keessatti akka tahu qajeelfama haaraya baastee jirti.
Gama biraatiin ammoo Dhibeen Vayirasii Koroonaa rakkoo fayyaa qofa tahuu bira dabree diinagdee addunyyaatis akka malee miidha jira.
Gabaa fi sochiin diinagdee addunyaa haalaan walitti hidhamaa tahuu isaatiin wal qabatee, akkasuma Vayirasichi biyya oomisha meeshaalee fi handhuura daldala addunyaa taate Chaayinaa keessaa ka’uu isaatiin wal qabatee hanqinni meeshaalee akka elektrooniksii, dawaalee fi meeshaalee waldhaansa fayyaa gara garaa fi kanneen biroo hundi addunyaa keessatti hammaataa jira.

Hanga ammaatti addunyaan sababa dhibee kanaatiin sochii diinagdee maallaqa doolaara Triiliyoona 2.7 shallagamu akka dhabdes miidiyaaleen addunyaa gurguddoon gabaasaa jiran.
Dhibeen kun addunyaa keessatti saffisa amma babal’ataa jiruun yoo itti fufe ammoo dinagdeen addunyaa daranuu kufaatii hamaa keessa gala sodaan jedhu guddaadha.

Sabtii, March 7, 2020

Biyyoota 92 keessatti lakkofsi namoota Vayirasichaan qabamanii 100,000 kan dabre yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii ammoo 3,500 tti dhihaatee jira.

15:45GMT-Germany keessatti lakkoofsi namoota Vayirasii koroonaatiin qabamanii 684 gahuu ibsame. Vayirasichi biyyattii keessatti saffisaan kan babal’ataa jiru yoo tahu, torbee tokko dura lakkoofsi namoota Vayirasichi irratti argamuu mirkanaahe 66 qofa ture.

15:30GMT-Chaayinaa magaalaa Quanzhou jedhamtu keessatti hoteelli namoonni Vayirasichaan qabamuu shakkamanii keessatti hordoffiin godhamaafii jiru tokko jiguun yoo xiqqaate namni 70 jijjiiggaa gamoo jalatti awwaalamuu gabaafame.

14:34GMT-Mootummaan UK lammiilee biyyattii 202 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe jidduu 2 du’uu beeksise.

12:15GMT- Hogganaan Paartii Gamtaan Xaaliyaan bulchaa jiruu Nicola Zingaretti dabalatee lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasii Koroonaatiin qabamanii 4,636 gahee jira. Lakkofsi lammiilee biyyttii sababa Vayirasichaatiin du’anii ammoo 197 gahuu ibsame. Xaaliyaan hanga ammaatti Chayinatti aanuun biyyaa namoonni heddu Vayirasichaan keessatti du’an taatee jirti.

10:45GMT-Iraan keessatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasichaatiin du’anii 145 gahuu gabaafame. Lakkoofsi lammiilee biyyatti Vayirasichi irratti argame ammoo 5823 kan gahe tahuu ministeerri Fayyaa Iiraan beeksise. Haaluma kanaan baayi’ina namoota Vayirasichaan qabamaniitiin Chaayinaa fi Kooriyaa Kibbaatti aanuun sadarkaa sadaffaa irra jirti.
10:31GMT-Veetnam keessatti kanaan dura namoonni 16 Vayirasichaan qabamanii turan hundi waldhaansa eega argatanii booda fayyuun hospitaalaa bahanii turan. Haata’u malee guyyoota lamaan dabran biyyattii keessatti Vayirasichi namoota biroo lama irratti argamuu ibsame.

8:23GMT-Kooriyaa Kibbaa keessatti lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii ammas saffisaan dabalaa jira. Namoota guyyaa kaleessaa Vayirasichi irratti argame dabalatee lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamuun mirkanaahe 7041 gahee jira. Namoonni du’an ammoo 48.

04:00GMT-Ameerikaa kutaa Florida keessatti namooni Vayirasii Koroonaatiin qabaman lama du’uu gabaafame. Lakkoofsi Lammiilee Ameerikaa Vayirasichaan qabamanii 335 kan gahe yoo tahu, hanga ammaatti namoonni 17 sababa Vayirasichaatiin du’anii jiru. Dabalataanis Markaba Ameerikaa Grand Princess jedhamtu tan qarqara kutaa Kaliforniyaa irra dhaabbate takka irratti sakkatta’iinsa godhameen hanga ammaatti namoonni 21 Vayirasichaan qabamuu mirkanaahee jira.

Jimaata March 6, 2020

“‹Guutuu Addunyaatti lakkoofsi namoota dhibee Vayirasii Koronaan qabamanii 100,000 ol tahuu gabaafame

Dhibeen vayirasii Koronaa yeroo ammaa guutuu Addunyaatti saffisaan faca’aa jira, haga ammatti guutuu Addunyaatti namoonni 100,000 ol dhibee kanaan kan qabaman yoo tahu, Chaayinaatti lakkoofsi namoota du’anii 3,015 gahu, akkasumas kutaa Addunyaa gara garaatti immoo namoonni 267 du’uu fi irra hedduun isaanii Xaaliyaan fi Iiraan irraa tahuu beekame.

Ministeerri Fayyaa Iiraan sa’aa 24 keessaatti namoonni 1, 200 dhukkuba kanan qabamuu fi hanga Vaayirasiin biyyattiitti dhagahame irraa kun halaan guddaa tahuu, Akkasumas lakkoofsi namoota du’aanii immoo walumaagalatti 124 gahuu ibse.

Faransaayiitti har’a qofa namoonni 200 ol dhibee kanaan qabamanii jiru, Indiyaa fi Kooriyaa kibbaatti lakkoofsi namoota faalamanii saffisaan dabalaa jiraatuu beekame.

Kaameruun,Toogoo,Sarbiyaa fi Vaatikaan keessatti namoonni dhibee kanaan qabamanii argamu qondaaltoonni ministeera Fayyaa biyyoota kanniinii beeksisan.

Kaameruun fi Toogoo dabalatee ardii Afrikkaa biyyoota 9 keessatti argame jira. Isaanis Naayijeeriyaa, Aljeeriyaa, Masri, Morokoo, Afrikkaa kibbaa, Tuniisiyaa fi Seenegaal.

Ameerikaatti lakkoofsi namoota qabamanii 150 gahe jira, namoonni du’aan 14 yoo tahu, Prezidaant Traamp, dhibee kana ittisuuf doolaara biliyoona 8.3 ramaduu beeksise.

Walumaagalatti Dhibeen kun biyyoota 96 ol keessatti argame jira, guutuu Addunyaatti lubbuu nama 3,412 galaafate, namoota 100,000 ol immoo qabatuu fi namoonni 55,996 fayyuu odeeyfannoon ni addeessa.

Khamiisa March 5, 2020

16:00GMT- Ameerikaa Kuta Seattle keessatti Sodaa Vayirasii Koroonaatiin wal qabatee, manneen barnootaa naannawa Northshore jedhamu keessatti argaman torbaan lamaaf kan cufaman tahuu ibsame.
Naannawa Seattle keessatti qofa Vayirasichi namoota 39 irratti kan argame yoo tahu, namoonni 10 ammoo du’anii jiru.

15:50GMT- Dhaabbanni Daandii Qilleensa Germany Lufthansa jedhamu karoora hanga xumura Ji’a March qabate jidduu imala 7,100 haquu beeksise. Dhaabbatichi akka beeksisetti imaltoonni dhabamuu isaaniitiin Alhada dhuftu irraa eegalee imala gara Isra’el hunda hanga March 28 kan addaan kutu tahuus beeksise.

15:25GMT- Faransaay hanga Khamiisa har’atti lammiilee biyyatti Vayirasichaan qabaman 377 jidduu 6 du’uu beeksiste.
12:20GMT-Masri lammiin isii Awrooppaa irraa deebi’e Vayirasichaan qabamuu beeksiste. Kanan duras Vayirasichi nama lammii biroo gara Masri seene tokko irratti argamuu gabaafamee ture.

12:00GMT-Afrikaan Kibbaa lammiin isii Xaaliyaan irraa deebi’e tokko Vaayirasichaan qabamuu beeksiste. Namtichi haadha warraa isaa waliin gara Xaaliyaan imalee kan ture yoo tahu, March 1, 2020 gara biyyaa deebi’e. Guyyaa lama booda dhukkubsatee gara mana yaalaa eega dhaqee booda Vayirasichaan qabamuu mirkanaahe. Mootummaan biyyattii Doktara yaala kenneef dabalatee namota eega namticha gara biyyaatti deebi’ee asitti naannawa isaa turan hunda addatti hordofuuf kan murteesse tahuu ibse.

10:54GMT- Bulchiinsi Falasxiin Tuistoonni biyya alaa hundi gara naannichaa akka hin seenne uggure. Bulchiinsi Falasiin murtii kana kan dabarse Turistoota Hoteela Magaalaa Beyt Laham keessa qubatan jidduu afur irratti mallattoon dhibee koroonaa eega mul’atee booda.

10:44GMT-Iran lakkoofsi lammiileen biyyattii Vayirsichaan qabamanii 3513 akka gaheefi, namoonni 107 ammoo du’uu beeksiste.

March 4, 2020
Guutuu Addunyaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -94,255 ol
Lakoofsi namoota du’anii-3220 ol
Lakkoofsi namoota fayyanii/bayyanatanii-51202

Chaayinaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-80,282 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2981
Kooriyaa Kibbaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -5,621
Lakoofsi namoota du’anii-34
Jaappaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -319 fi Markaba Jaappaan-705
Lakoofsi namoota du’anii-6

Xaaliyaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -2502
Lakoofsi namoota du’anii-79
Mootummaan Xaaliyaan babal’ina Vayirasichaa hir’isuuf Yunivarsitiiwwan dabalatee manneen barnootaa hundi akka cufaman ajaja dabarse.
Ameerikaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-128 yoo tahu, namoonni 9 du’anii jiru.

Biyyoonni Baha Jiddu Galaa fi Kaaba Afrikaa Vayirasichi keessatti argame 14 yoo tahu,
Iiran: miseensi Paarlaamaa biyyattii Vayirasiichaan qabamee ture dabalatee namoota du’anii 92 gahee jira. Miseensota Paarlaamaa 23 dabalatee, lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamanii ammoo 2922 gahuu ibsame. Mootummaan biyyattii akka jedhutti, Vayirasichi kutaa Iiraan hunda keessatti babal’ate.
Biyyoonni naannichaa kanneen biroo Vayirasichi keessatti argamuu mirkaneessan:
Emreets-27, Masri -1, Bahreeyn-49, Omaan-12, Kuweeyt-56, Iraq-32 qabame, namni 1 du’e, Lubnaan-13, Aljeeriyaa-8, Qaxar-8, Urdun-1, Sa’uudii-1, Morokoo-1,Tuniiziyaa-1, Israa’el-15 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Afganstaan fi Pakistaan keessattis Vayirasichi kan argame yoo tahu, biyyoonni lamaanuu daangaa Iiraan waliin qaban cufanii jiru.

 

Miseensonni Paarlaamaa Iiraan 23 dhibee Vayirasii Koronaatiin qabamuu gabaafame

March 3, 2020

Itti aanaan afayaa’ii paarlaamaa Iiraan Abdul Reza Masri ibsa kenneen, “miseensonni Paarlaamaa 23 dhibee vayirasii koroonaatiin qabamuun mirkanaahee jira”jedhe. Kanuma hordofuun miseensonni paarlaamaa kanneen hafanis ummataa waliin akka hin makamnee fi hordoffiin fayyaa akka godhamuuf kan murtaahe tahuu beeksise.
Kanuma hordofuun mootummaan Iiraan humni waraana biyyattii jidduu loltoonni 300,000 ol duula to’annaa dhibee kanaatiif, ministeera fayyaa waliin qindaayanii akka hojjatan kan ajaje tahuu beeksise.
Dhibeen Koronaa Chaayinaan ala biyyoota saffisaan keessatti babal’ataa jiru jiddu Iiraan adda duree yoo taatu, hanga wixata har’aatti lammiilee biyyattii 2336 vayirasichi irratti argame jidduu 77 du’uu odeeyfannoon ni addeessa.

 

March 1, 2020
Chaayinaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-79,355 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2744
Kooriyaa Kibbaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -3,736
Lakoofsi namoota du’anii-17
Jaappaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -236 fi Markaba Jaappaan-705
Lakoofsi namoota du’anii-5

Xaaliyaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -1128
Lakoofsi namoota du’anii-29
Ameerikaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-62 yoo tahu, guyyaa kaleessaa namni tokko du’uu ibsame.

Biyyoonni Baha Jiddu Galaa Vayirasichi keessatti argame 12 gahanii jiru.
Iiran: miseensi Paarlaamaa biyyattii Vayirasiichaan qabamee ture dabalatee namoota du’anii 43 gahee jira. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabamanii ammoo 593 gahuu ibsame.
Afgaanistaan: namni tokko Vayirasichaan qabamuu fi Pakistaan ammoo namoonni 5 qabamuu beeksisan. Biyyoonni lamaanuu Vayirasichi Iiraan irraa garasitti seenuu himan.
Paakistaan kanaan dura daangaa Iiraan waliin qabdu kan cufatte yoo tahu, haaluma wal fakkaatuun daangaa Afgaanistaan waliin qabdu cufuuf tahuu beeksiste.
Biyyoonni naannichaa kanneen biroo Vayirasichi keessatti argamuu mirkaneessan:
Emreets-19, Masri -1, Bahreeyn-38, Omaan-6, Kuweeyt-45, Iraq-13, Lubnaan-7, Aljeeriyaa-1, Qaxar-1, Israa’el-5 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Guutuu Addunyaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -86,000 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2900 ol

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa tamsa’ini dhibee Vayirasii Koroonaa Sadarkaa yaaddeessaa irra gahuu akeekkachiise

February 27, 2020

Daayrektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr. Tedroos Adihanom ibsa Khamiisa har’aa kenneen, biyyoonni Addunyaa tamsa’ina Vayirasicha ittisuudhaaf hatattamaan tarkaanfii cimaa yoo kan hin fudhanne tahe, gaga’amni hamaan muudatuu mala jechuun akeekkachiise. Dr. Tedroos itti dabaluudhnis biyyi kamiyyuu Vayirasichi gara keenna hin seenu jedhee yoo kan yaadu tahe, balaa hamaaf kan of-saaxilaa jiru tahuu ibse.
Vayirasichi hanga ammaa biyyoota 48 keessatti argamuu mirkanaahee jira. Dabalataanis Chaayinaan alatti lakoofsi namoota haarayatti vaayirasichaan qabamanii ammoo, yeroo jalqabatiif lakoofsa namoota Chaayinaa keessatti vaayirasichaan haarayatti qabaman kan caale tahuu gabaafame.
Haaluma kanaan hanaga har’a February 27, 2020 tti:
Chaayinaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-78,497 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2744
Kooriyaa Kibbaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -1766
Lakoofsi namoota du’anii-13
Jaappaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -189 fi Markaba Jaappaan-705
Lakoofsi namoota du’anii-5

Xaaliyaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -528
Lakoofsi namoota du’anii-14
Ameerikaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-60 gahanii jiru.

Biyyoonni Baha Jiddu Galaa Vayirasichi keessatti argame 11 gahanii jiru.
Iiran: itti aanaan ministeera Fayyaa biyyattii Iraj Harirchi Vayirasii Koronaatiin qabamee jira. Akkasuma miseensi Paarlaamaa biyyattii tokko fi Itti aantuun Prezdaantii biyyattiitis Vayirasiichaan qabamanii jiran. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabaman 245 akka gaheefi, lakkoofsi nammoota du’anii ammoo 26 gahuu ibsame.
Afgaanistaan fi Paakistaan: Kutaa biyyootni lamaan Iiraan waliin wal daangessan keessatti namoonni heddu Vayirasichaan qabamuu mirkanaahee jira. Biyyoonni naannichaa kanneen biroo Vayirasichi keessatti argamuu mirkaneessan:
Emreets-13, Masri -1, Bahreeyn-33, Omaan-4, Kuweeyt-43, Iraq-6, Lubnaan-2, Aljeeriyaa-1, Israa’el-3 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Guutuu Addunyaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -81,300 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2800 ol

 

February 26, 2020
Chaayinaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-78,150 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2717
Kooriyaa Kibbaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -1261
Lakoofsi namoota du’anii-11
Jaappaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -179 fi Markaba Jaappaan-705
Lakoofsi namoota du’anii-5

Xaaliyaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -374
Lakoofsi namoota du’anii-7

Biyyoonni Baha Jiddu Galaa Vayirasichi keessatti argame 11 gahanii jiru.
Iiran: itti aanaan ministeera Fayyaa biyyattii Iraj Harirchi Vayirasii Koronaatiin qabamee jira. Akkasuma miseensi Paarlaamaa biyyattii tokkos Vayirasiichaan qabamee jira. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabaman 139 akka gaheefi, lakkoofsi nammoota du’anii ammoo 24 gahuu ibsame.
Afgaanistaan: Kutaa biyyattii Iiraan waliin wal daangessu keessatti namni tokko Vayirasichaan qabamuu mirkanaahee jira. Naannicha keessatti labsiin yeroo muddamaa labsame.
Biyyoonni naannichaa kanneen biroo Vayirasichi keessatti argamuu mirkaneessan:
Emreets-13, Masri -1, Bahreeyn-26, Omaan-2, Kuweeyt-25, Iraq-5, Lubnaan-1, Aljeeriyaa-1, Israa’el-2 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Guutuu Addunyaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -81,264 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2770

 

 

February 25, 2020

Chaayinaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii-77,749
Lakoofsi namoota du’anii-2595
Kooriyaa Kibbaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -893
Lakoofsi namoota du’anii-8
Jaappaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -159 fi Markaba Jaappaan-691
Lakoofsi namoota du’anii-5

Xaaliyaan: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -229
Lakoofsi namoota du’anii-7

Biyyoonni Baha Jiddu Galaa Vayirasichi keessatti argame 10 gahanii jiru.
Iiran: itti aanaan ministeera Fayyaa biyyattii Iraj Harirchi Vayirasii Koronaatiin qabamee jira. Lakkoofsi lammiilee biyyattii Vayirasichaan qabaman 95 akka gaheefi, lakkoofsi nammoota du’anii ammoo 15 gahuu ibsame.
Afgaanistaan: Kutaa biyyattii Iiraan waliin wal daangessu keessatti namni tokko Vayirasichaan qabamuu mirkanaahee jira. Naannicha keessatti labsiin yeroo muddamaa labsame.
Biyyoonni naannichaa kanneen biroo Vayirasichi keessatti argamuu mirkaneessan:
Emreets-13, Masri -1, Bahreeyn-1, Omaan-2, Kuweeyt-3, Iraq-1, Lubnaan-1, Israa’el-2 vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Guutuu Addunyaa: Lakkoofsi namoota Vayirasichaan qabamanii -80,000 ol
Lakoofsi namoota du’anii-2700

 

Dhibeen Vayirasii Koroonaa biyyoota Baha Jiddu Galeessaa keessatti saffisaan babal’ataa jira
February 24, 2020
Dhibeen Vayirasii Koroonaa biyyoota Baha Jiddu Galeessaa keessatti haala yaaddessaa taheen kan babal’ataa jiru yoo tahu, biyyoonni kanaan dura namoonni vayirasichaan qabaman biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessan Emreets, Lubnaan fi Iraan turan. Wixata har’aa ammoo Kuweeyt fi Bahreeynis vayirasichi gara biyya isaanii seenuu mirkaneessannii jiru. Haaluma wal fakkaatuun Masri fi Israa’el keessattis namooni Vayirasichaan qabaman jiraatuu gabaafame.
Keessumatti mootummaan Iiraan guyyaa afur dura February 19/2020 namoonni lama dhibee kanaan du’uu eega ibsee booda, Vayirasichi biyyattii keessatti saffisaan babal’ataa jira. Mootummaan Iiraan akka gabaasetti hanga Wixata har’aatti lammiileen biyyattii 48 dhibee Vayirasii Koroonaatiin qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, namoonni 9 sababa dhibee kanaatiin du’anii iru.

Kanuma hordofuun mootummaan Iiraan tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf kan carraaqqaa jiru yoo tahu, manneen barnootaa fi iddoowwan namoonni baay’inaan itti wal gahan cufaa jira. Iiraan akka jettutti Vayirasichi namoota hojii daldalaatiif Chaayinaa irraa gara biyyattii seenaniin kan babal’ate tahuus beeksiste. Gama birootiin ammoo biyyoonni ollaa Iiraan daangaa isaanii cufataa jiran. Biyyoota yeroodhaaf daangaa Iiraan waliin qaban cufuu ibsan jidduu Turkiyaa, Paakistaan, Afgaanistaan fi Armeeniyaan keessatti argamu.
Chaayinaan ala biyyoonni biroo Vayirasichi haala hamaa taheen keessatti babal’ataa jiru Kooriyaa kibbaa fi Xaaliyaan yoo tahan, Kooriyaa kibba keessatti hanga Wixata hara’aatti namoota dhibee kanaan qabaman 763 jidduu namni torba du’uu gabaafame. Xaaliyaan keessatti ammoo nammoota 152 dhibeen kanaa qabaman jidduu 3 du’uu mirkanaahe.
Lakkoofsi lammiilee Chaayinaa dhibee kanaan qabamanii ammoo 77,000 ol kan dhaqqabe yoo tahu, lakkoofsi lammiilee biyyattii sababa Vayirasii kanaatiin du’anii ammoo 2600 ol tahu mootummaan biyyattii beeksise. Walumaa galatti guutuu addunyaa keessatti namoonni 79,000 ol vayirasichaan qabamuu gabaafame.

February 23, 2020

Namni du’e 2500 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 77,000 ol

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa Dhibeen Vaayirasii Koroonaa Chaayinaan ala biyyoota biroo keessatti saffisaan babal’ataa jiraatuu akeekkachiise
February 22, 2020

Dayirektarri Dhaabbata Fayyaa Addunyaa(WHO) Dr. Teedroos Adhaanom Jum’aa kaleessaa ibsa kenneen, “Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota Vaayirasichaan haarayatti qabaman hir’ataa kan jiru tahus, dhibeen kun biyyoota biroo keessatti ammoo saffisaan babal’ataa jira”jechuun akeekkachiise. WHO’n akka jedhutti vaayirasichi keessumattuu biyyoota Baha Eeshiyaa fi Baha jiddu galaa keessatti too’annaan ala bahaa jira.

Haaluma kanaan Kooriyaa Kibbaa keessatti namoota kanaan dura Vayirasichi irratti argamuun mirkanaaheen ala, guyyaa tokkotti harayatti namoota 87 irratti kan argame yoo tahu, walumaa galatti biyyattii keessatti namoonni dhibee kanaan qabaman 433 dhaqqabuu mootummaan biyyattii beeksisan. Qondaaltonni fayyaa Kooriyaa Kibbaa akka jedhanitti, namootni Vayirasii Koroonaatiin haaraya qabaman jidduu walakkaa ol, magaalaa Deeguu jedhamtu keessatti namoota sirna amantaa Bataskaana tokko irratti hirmaataniin kan wal qabatu tahuu ibsan.

Haaluma wal fakkaatuun Vayirasichi lammiilee Jaappaan 93 irratti argamuu kan mirkanaahe yoo tahu, dabalataanis Markaba Jaappaan Turistoota biyyoota adda addaa fe’atte takka irratti sakkatta’iinsa godhameen, namni 634 vaayirasichaan qabamuu ibsame. Irra hedduun namoota Markabattii keessa turanii lammiilee Jaappaan tahuus ibsame.

Naannawa Addunyaa Vayirasichi haala yaaddessaa taheen saffisaan keessatti babal’ataa jiru kan biroo ammoo biyyoota Baha Jiddu galeessatti. Haaluma kanaan Israa’el, Iraan, Lubnaan fi Emreets Vayirasichi biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessanii jiru. Biyyoota Kaaba Afrikaa keessaa ammoo Masri keessatti namni tokko Vayirasichaan qabame jira. Keessumatti mootummaan Iiraan guyyaa afur dura February 19/2020 namoonni lama dhibee kanaan du’uu eega ibsee booda, dabalataan February 22, 2020 namni biroo sadi du’uu fi kanneen biroo 28 ammoo Vayirasichaan qabamuu ibse.

Waluma galatti hanga February 22, 2020 biyyoonni Addunyaa Vayirasichi namoota heddu irratti argamuu mirkaneessan: Chaayinaa 76,300, Kooriyaa Kibbaa 433, Jaappaan 96 ol, akkasumas Markaba Jaappaan irratti namoonni 634, Singaapor 86, Taayilaand 35, Ameerikaa 26, Taayiwan 24, Maleezhiyaa 22, Iiraan 18, Xaaliyaan 17, Germany 16, Vietnam 16 akkasumas Faransaay namoota 12 irratti argamuu mirkaneessanii jiru.

February 21, 2020

Namni du’e 2235 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 75,400 ol

Lammiileen Iiraan lama dhukkuba Vaayirasii Koronaatiin qabamanii turan du’uu gabaafame

February 20, 2020

Qondaaltonni ministeera fayyaa Iiraan akka jedhanitti, namni lama dhibee Vayirasii Koroonaatiin qabamuun isaanii eega mirkanaahee booda, magaalaa Qom keessatti kan yaalamaa turan tahus, lamaanuu Arba’aa kaleessaa kan du’an tahuu beeksisan. Biyyoonni Baha jiddu galeessaa dhukkubni Vaayirasii koroonaa keessatti argamuu mirkaneessaan Emreet fi Iiraan yoo tahan, biyyoota Kaaba Afrikaa keessaa ammoo Masri keessatti argamuu mirkanaayee jira. Haata’u malee naannichatti kanaan dura dhibee kanaan lubbuun namaa dabruu hin gabaafamne.

Dhukkubni Vayirasii Koroonaa jalqaba Chaayinaa keessatti ka’e kun yeroo ammaa gara biyyoota 28 kan babal’ate tahuu gabaasni Dhaabbata Fayyaa Addunyaa WHO ni addeessa. Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii 75,000 ol kan dhaqqabe yoo tahu, lakkoofsi namoota du’anii ammoo 2000 ol tahuu mootummaan biyyattii beeksise. Gama biraatiin ammoo namoota dhibee kanaan qabamuun isaanii eega mirkaanaahee booda kophatti waldhaansi godhamaafii ture jidduu, namoonni 14,000 bayyanatanii Hospitaalaa kan bahan tahuunis ibsame.

 

February 19, 2020

Namni du’e 2000 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 75,000 ol

February 15, 2020

Namni du’e 1500 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 67,000 ol

February 14, 2020

Namni du’e 1480 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 64,000 ol

February 13, 2020

Namni du’e 1300 ol
Namni Dhukkubaan Qabame 60,000 ol

 

February 6, 2020

Namni du’e 563
Namni Dhukkubaan Qabame 28,018

 

 

Namoonni dhiheenya kana mallattoon dhibee Koronaa irratti argamuun shakkaman Vaayirasicha irraa bilisa tahuu ibsame

January 30, 2020

Qondaaltonni ministeera fayyaa Ityoophiyaa Kiibxata dabre ibsa kennaniin, barataa lammii Ityoophiyaa Chaayinaa irraa deebi’e tokko irratti mallattoo mulidhateen wal qabatee hiriyyoota isaa kanneen biroo 2 waliin hordoffiin fayyaa godhamaafii jira jedhan. Dabaltaanis lammii Chaayinaa tokkos addatti hordoffiin fayyaa kan godhamaafii jiru yoo tahu, samudni namoota afran irraa fuudhatame qorannoo dabalataatiif gara Afrikaa Kibbaatti kan ergame tahuus beeksisan.
Ministeerri Fayyaa Ityoophiyaa ibsa guyyaa har’aa baaseen akka beeksisetti ammoo, bu’aan qorannaan samuudaa Afrikaa Kibbaatti ergamee turee deebi’uu ibse. Haaluma kanaan namoonni afranuu vaayrasicha irraa bilisa ta’uu isaanii mirkanaahuu odeeyfannoon ni addeessa.
Dhibeen Vaayrasii Koronaa jedhamuun nama irra namatti darbu, hanga ammaa lammiilee Chaayinaa 7800 ol kan qabate yoo tahu, lakkoofsi namoota biyyattii keessatti dhibee kanaan du’anii ammoo 170 akka gahe mootummaan biyyattii beeksise. Vaayirasichi yeroo ammaa Kutaalee Chaayinaa hunda keessatti akka babal’ateefi, lakkoofsi namoota haarayatti qabamaniitis ammas kan hin hir’atin tahuu gabaafame.
Kanuma hordofuun biyyoonni heddu lammiilee isaanii Chaayinaa keessaa baasuuf carraaqaa jiran. Haaluma wal fakkaatuun Kaampaaniwwan daldalaa Idil addunyaa heddu waajjiraalee fi Wiirtuulee daldalaa Chaayinaa keessaa qaban kan cufaa jiran tahuu odeeyfannoon ni mul’isa. Dabalataanis Kaambaaniiwwan Xiyyaaraa imala gara Chaayinaa addaan kutaa jiran.
Vayirasiin jalqaba Chaayinaa keessatti argame kun yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti Chaayinaan alatti Vaayirasichi gara biyyoota 17 ol kan seene tahuu gabaafame.

Namoonni Vaayirasichi irratti argame hundinuu kanneen dhiheenya Chaayinaa irraa deebi’an tahuu gabaafame. Mootummaan Jaappaan ammoo Vayirasichi lammiilee isaa 7 irratti argamuu ibsuun, isaan keessaa namni tokko gonkuma gara Chaayinaa kan hin imalin tahuu beeksise.

Breaking News: Namoonni dhibee Vayirasii Koronaatiin qabaman Ityoophiyaa keessatti argamuu gabaafame.

January 28, 2020

Gaazexaan Capital jedhamu Itti aantuu Ministeera Fayyaa Ityoophiyaa Dr. Liyaa Taaddase eeruun akka gabaasetti, sakatta’iinsa fayyaa keellaa buufata xiyyaara Boolee keessatti godhameen Vaayirasichi namoota sadi irratti kan argame tahuu ibsame.

Haaluma kanaan namoota dhibee kanaan qabaman yaaluudhaaf Hospitaala Phaawloos keessatti qophiin bal’aan godhamaa jiraatuu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhibeen Vaayrasii Koronaa jedhamuun nama irra namatti darbu, hanga ammaa lammiilee Chaayinaa 4500 ol kan qabate yoo tahu, ogeeyyota fayyaa dabalatee namoonni 106 dhibee kanaan du’uu mootummaan biyyattii beeksise.

Vayirasiin jalqaba Chaayinaa keessatti argame kun yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti biyyoota namoonni Vaayirasii kanaa qabaman argamuu ibsan jidduu, Ameerikaa, Kaanaadaa, Awustraaliyaa, Faransaay, Maleezhiyaa, Taaywaan, Jaappaan fi Neeppaal keessatti argamu. Namoonni Vaayirasichi irratti argame hundinuu kanneen dhiheenya Chaayinaa irraa deebi’an tahuu gabaafame.

 

Dhibeen Vaayirasii Koronaa jedhamuun daddarbu guutuu addunyaa keessatti saffisaan babal’ataa jiraatuu ibsame
January 25, 2020

Dhibeen Vaayrasii Koronaa jedhamuun nama irra namatti darbu, hanga ammaa lammiilee Chaayinaa 1300 ol kan qabate yoo tahu, ogeeyyota fayyaa dabalatee namoonni 41 dhibee kanaan du’uu mootummaan biyyattii beeksise. Kanuma hordofuun Vayirasii saffisaan tatamsa’aa jiru kana too’achuuf, mootummaan Chaayinaa imala gara magaalota 18 olitti godhamu ugguree jira. Haaluma kanaan magaalota ummanni miiliyoona 56 ol keessa jiraatu kanneen seenuu fi bahuunis dhoorkamee jira.

Dabalataanis Chaayinaan guutuu biyyattii keessatti buufataalee xiyyaaraa, Baaburaa fi konkolaataa dbalatee iddoowwan daldalaa keessatti keellaa too’annoo dhaabuun namoota Vaayirasichaan qabaman adda baasuuf kan carraaqaa jirtu tahuu gabaafame. Naannawa biyyattii Hubei jedhamu kan jalaqaba Vayirasichi keessatti mulidhatetti labsiin yeroo muddama kan labsame yoo tahu, ogeeyyonni fayyaa humna waraana biyyattii 450 ol gara magaalaa Wuhan kan bobbaafaman tahuu ibsame.

Vayirasiin jalqaba Chaayinaa keessatti argame kun yeroo ammaa guutuu addunyaa keessatti babal’ataa jira. Haaluma kanaan hanga ammaatti biyyoota namoonni Vaayirasii kanaa qabaman argamuu ibsan jidduu, Ameerikaa, Awustraaliyaa, Faransaay, Maleezhiyaa, Taaywaan, fi Neeppaal keessatti argamu. Namoonni Vaayirasichi irratti argame hundinuu kanneen dhiheenya Chaayinaa irraa deebi’an tahuu gabaafame.

Vaayirasichi hanga ammaatti gara Afrikaatti tamsa’uu kan hin gabaafamin tahus, hanqina teeknolojii, ogeeyyootaa, sirna ittisaa fi too’annoo dadhabaa biyyoota Afrikaatiin wal qabatee Vayirasichi tasa miliqee seennaan lammiilee Afrikaa heddu galaafatuu mala sodaan jedhu jiraachuu ibsame. Haaluma kanaan Biyyoota Afrikaa too’annoo dhibee kanaa dursanii cimsan jidduu Keeniyaa, Afrikaa Kibbaa, Naayijeeriyaa fi Masri keessatti argaman. Mootumman Ityoophiyaatis buufata xiyyaara Boolee keessatti keellaa too’annoo Vaayirasichaa kan dhaabu tahuu Jum’aa kaleessaa beeksise jira.

Barattoonni Lammiilee Afrikaa Chaayinaa keessatti rakkoo hamaaf saaxilamuu gabaafame
February 5, 2020

Dhibee Vaayirasii Koronaa Chaayinaa keessatti saffisaan babal’ataa jiruun wal qabatee, barattoonni lammiilee Afrikaa magaalaa Wuhan keessa jiran rakkoo hamaaf saaxilamuu gabaafame. Biyyoonni Ardiilee biroo heddu lammiilee isaanii magaalaa Wuhan keessaa kan baasaa jiran akka taheefi, barattoonni lammiilee Afrikaa garuu magaalatti keessatti danqamuun, sodaa dhibeen qabamuu qofa osoo hin taane, rakkoolee nyaata gahaa dhabuu fi tasgabbii dhabuutiif saaxilamaa jiraachuu ibsuu isaanii Aljaziiraan gabaase.
Rakkoon lammiilee Afrikaa kun bal’inaan eega gabaafamee booda, Keeniyaan barattoota isii 85 magaala Huwaan keessatti sababa Vaayirasii Koronaatiin danqaman biyyatti deebisuuf sochii jalqabuu beeksiste.

Paarlaamaa Keeniyaatti hoggantuun koree dhimmoota fayyaa Dr. Meersii Miwaangaangii ibsa kenniteen, “tamsa’ina vaayirasichaa too’achuuf uggurri mootummaan Chaayinaa magalaa Wuhan keessatti labse akkuma ka’een, barattoonni kun biyyatti deebi’anii bakka addaa qophaa’utti hordoffiin ni godhamaaf”jette.

Gama birootiin ammoo lammiileen Ityoophiyaa ijoolleen isaanii magaalaa Wuhan keessatti jalaa danqaman, guyyaa har’aa waajjira ministeera haajaa alaa dhaquun “ijoolleen keenna gara biyyaatti nuuf haa deebifaman”jechuun hiriiraan sagalee dhageessisuu gabaafame. Chaayinatti itti gaafatamaan Qonsilaa Ityoophiyaa Obbo Anteneh Taarikuu dhimmicha irratti yaada kenneen, “Barttoonni rakkoo isaan muudataa jiru ilaalichisee Xalayaa kan barreeffatan tahuus, mootummaa Chaayinaa waliin tahuun rakkoon nyaataa fi dhugaatii akka isaan hin muudanne haala mijeessuuf qonsilichi yaalaa jira”jedhe. Obbo Anteneh akka jedhetti, mootummaan Ityoophiyaa barattoota Chaayinaa irraa gara biyyaatti deebisuuf ammatti karoora hin qabu. Naannawa Huwan qofa barattoonni lammiilee Ityoophiyaa 300 ol Kan argaman tahuus odeeyfannoon ni addeessa.

Dhaabbanti Fayyaa Addunyaa ammoo to’annoo Vaayirasii kanaa irratti qophaa’inni biyyootni Afrikaa qaban na yaaddessaa jedheera. Laaboraatooriin Vaayirasii kana qorannoon adda baasuu danda’u Afrikaa keessaa Naayijeeriyaa, Gaanaa, Madagaaskar, Seeraaliyoon fi Afrikaa Kibbaa qofa keessatti argama. Laaboraatooriin Afrikaa Kibbaa jiru hanga ammaatti saamuda namoota biyyoota Afrikaarraa shakkamanii 71 kan qorate yoo ta’u, hundinuu dhibee irraa bilisa tahuu ibsame.

Dhibeen Vayirasii Koronaa hanga ammaatti lammiilee Chaayinaa 21,000 ol akka qabatee fi namoonni 430 ammoo dhibee kanaan du’uu mootummaan biyyattii beeksise. Haata’u malee lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii dacha hedduu kan mootummaan ibsu kan caalu tahuu miidiyaaleen gara garaa gabaasaa jiran.

 

Dhibeen hafuuraan daddarbu Chaayinaa keessatti lubbuu namoota hedduu galaafatuu gabaafame

January 21, 2020

Dhibeen qufaan hafuura nama kutu kun Vaayrasii ‘Koronaavaayiras’ jedhamuun nama irra namatti kan daddarbu yoo tahu, qufaa hamaan sirna hargansuu (respiratory system) kan hubu ta’uu ibsame. Qondaaltoonni Chaayinaa akka jedhanitti, namoota vaayirasichaan qabaman jidduu hanga ammaatti namoonni 6 qofti kan du’an akka taheefi, mootummaan weerara Vaayirasichaa too’achuuf sochii cimaa kan godhaa jiru tahuu beeksisan.

Haata’u malee magaalota gurguddoo Chaayinaa kannen akka Beejiingii fi Sheenziin keessatti qofa namoonni 300 ol ta’an vaayrasichaan kan qabaman yoo tahu, haaluma wal fakkaatun bulchiinsa Wuhaan keessattis ogeessota fayyaa 15 dabalatee nammoonni heddu vaayrasiichaan kan qabaman tahuu ibsame.

Dhaabbileen fayyaa hawaasaa biyyoota hedduu Chaayinaa keessatti lakkoofsi namoota vaayrasii kanaan qabamanii kan mootummaan biyyattii ibsee ol jechuun, buufataalee xiyyaaraa keessatti keellaa too’annoo Vaayirasichaa kan dhaabaa jiran tahuunis beekamee jira. Keessumattuu dhibeen kun biyyoota ollaa Chaayinaa kanneen akka Taayilaand, Koriyaa Kibbaa fi Jaappaan keessattis mul’atuu isaatiin gara weerara hamaatti babal’aatuu mala sodaan jedhu jiraachuu ibsame. Haaluma kanaan Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa WHO’n dhimmicha irratti mari’achuuf koree eksipartootaa wal gahii hatattamaa Arba’aa boruutti yaamee jira.

Dhaabbati Fayyaa Addunyaa akka jedhutti dhibeen kun bineensota irraa namatti daddarba.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button