header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Eeshiyaa

Dhibeen Vayirasii Koroonaa biyyoota Baha Jiddu Galeessaa keessatti saffisaan babal’ataa jira

Dhibeen Vayirasii Koroonaa biyyoota Baha Jiddu Galeessaa keessatti haala yaaddessaa taheen kan babal’ataa jiru yoo tahu, biyyoonni kanaan dura namoonni vayirasichaan qabaman biyya isaanii keessatti argamuu mirkaneessan Emreets, Lubnaan fi Iraan turan. Wixata har’aa ammoo Kuweeyt fi Bahreeynis vayirasichi gara biyya isaanii seenuu mirkaneessannii jiru. Haaluma wal fakkaatuun Masri fi Israa’el keessattis namooni Vayirasichaan qabaman jiraatuu gabaafame.
Keessumatti mootummaan Iiraan guyyaa afur dura February 19/2020 namoonni lama dhibee kanaan du’uu eega ibsee booda, Vayirasichi biyyattii keessatti saffisaan babal’ataa jira. Mootummaan Iiraan akka gabaasetti hanga Wixata har’aatti lammiileen biyyattii 48 dhibee Vayirasii Koroonaatiin qabamuu kan mirkanaahe yoo tahu, namoonni 9 sababa dhibee kanaatiin du’anii iru.

Kanuma hordofuun mootummaan Iiraan tamsa’ina Vayirasichaa too’achuuf kan carraaqqaa jiru yoo tahu, manneen barnootaa fi iddoowwan namoonni baay’inaan itti wal gahan cufaa jira. Iiraan akka jettutti Vayirasichi namoota hojii daldalaatiif Chaayinaa irraa gara biyyattii seenaniin kan babal’ate tahuus beeksiste. Gama birootiin ammoo biyyoonni ollaa Iiraan daangaa isaanii cufataa jiran. Biyyoota yeroodhaaf daangaa Iiraan waliin qaban cufuu ibsan jidduu Turkiyaa, Paakistaan, Afgaanistaan fi Armeeniyaan keessatti argamu.
Chaayinaan ala biyyoonni biroo Vayirasichi haala hamaa taheen keessatti babal’ataa jiru Kooriyaa kibbaa fi Xaaliyaan yoo tahan, Kooriyaa kibba keessatti hanga Wixata hara’aatti namoota dhibee kanaan qabaman 763 jidduu namni torba du’uu gabaafame. Xaaliyaan keessatti ammoo nammoota 152 dhibeen kanaa qabaman jidduu 3 du’uu mirkanaahe.
Lakkoofsi lammiilee Chaayinaa dhibee kanaan qabamanii ammoo 77,000 ol kan dhaqqabe yoo tahu, lakkoofsi lammiilee biyyattii sababa Vayirasii kanaatiin du’anii ammoo 2600 ol tahu mootummaan biyyattii beeksise. Walumaa galatti guutuu addunyaa keessatti namoonni 79,000 ol vayirasichaan qabamuu gabaafame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button