header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaaOdeeyfannoo

Indoneezhiyaa keessatti namoota 2,200 ol mallattoon dhibee Koroonaa eega irratti mul’atee booda kan du’an tahuu gabaafame

Naannolee Indoneezhiyaa 34 jidduu ragaalee Hospitaalota fi bulchiinsa naannolee 16 irraa argame irratti hundaayuun Rooyters akka gabaasetti, biyyattii keessatti namoonni 2,200 ol mallattoon dhibee Koroonaa eega irratti argamee booda kan du’an tahus, mootummaan daataa namoota sababa Vayirasichaan du’anii keessatti hin galmeessine.

Mootummaan Indoneezhiyaa hanga ammaatti lakkoofsi namoota sababa Vayirasii koroonaatiin du’anii 765 tahuu kan gabaase tahus, ogeeyyonni fayyaa biyyattii garuu gabaasni mootummaa kun dhugaa jiru kan agarsiisuu miti jechuun qeeqan. Biyyattii keessatti qorannoon namoota Vayirasichaan qabaman adda baasuuf godhamu xiqqaa tahuun wal qabatee, namoonni mallattoon dhibee kanaa irratti argame hedduun, osoo qorannoon labraatoorii hin godhaminiif kan du’aa jiran tahuus gabaafame. Haaluma kanaan mootummaan biyyattii namoota haala kanaan du’an, koodii “PDP”jedhu qofa itti kennuun, namoota dhibee hin beekaminiin du’an jechuun kophatti kan galmeessaa jiru tahuullee gabaasichi ni addeessa.

Qondaalli ol’aanaan mootummaa biyyattii garee to’annoo dhibee Vayirasii koroonaa hogganu Wiku Adisasmito gabaasicha kan hin haalin tahus, namoota Koodii “PDP”jedhu jalatti galmaayan jidduu hangamtu Vayirasii koroonaatiin du’e, gaaffii jedhuuf garuu deebisaa hin kennine. Qondaalli kun akka jedhetti, naannolee biyyattii heddu keessatti hanqini meeshaalee laabraatoorii fi ogeeyyotaa waan jiruuf, samudaan heddu osoo hin qoratamin dhukkubsattoonni du’an. Haaluma kanaan mootummaan qorannoo samudaa namoota mallattoon irratti argamee jidduu, kanneen lubbuun jiraniif dursa kennuu beeksise.

COVID1

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button