header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
KoroonaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Paarlaamaan “filannoo dhuftu ilaalchisee yaadni furmaataa heera biyyattii irratti qofa hundaayee akka dhihaatu”yaada jedhu raggaasisuu gabaafame

Filannoon bara kanaa sababa weerara COVID-19 kan hin geggeeffamne tahuu eega ibsamee booda, akkaataa heera biyyattiitiin xumura ji’a Fulbaana dhufuu booda mootummaan biyya bulchaa jiru beekamtii Heeraa waan dhabuuf, danqaan siyaasaa muudatuu mala sodaan jedhu qaamota gara garaa irraa ka’aa ture.

Haaluma kanaan mootummaan torbee dabre bakka Muummichi Ministeeraa Dr Abiy Ahmad argametti, danqaa kana keessaa bahuuf “filannoowwan 4″dhiheessee, paartiilee morkattootaa waliin kan mari’ate tahuun ni yaadatama. Danqaa siyaasaa kana furuuf filannoowwan furmaataa afran mootummaan dhiheessee ture:

1. Barri hojii heeraan kenname osoo hin xumuramin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa diiguu/bittinsuu;
2.Labsii yeroo muddamaa labsuu;
3.Heera mootummaa fooyyessuu;
4. Keeyyatoota Heeraa irratti Hiikkaa heera mootummaa gaafachuu; kanneen jedhan turan.
Mootummaan marii kana irratti, akkasumas marichaan booda miidiyaalee irratti ibsa kennaa tureen, seeraa fi haala qabatamaan jiru wal simsiisuun barbaachisaa waan taheef, filannoo afraffaa “Keeyyata heeraa irratti hiikkaa heera mootummaa gaafachuu”jedhu kan filatu tahuu ibsa ture.

Kanuma hordofuun Paarlaamaan walgahii addaa har’a geggeesse irratti Yaada koreen seeraa, haqaa fi dimokrasii dhiheesse, “filannoo dhuftu ilaalchisee yaadni furmaataa heera biyyattii irratti qofa hundaayee akka dhihaatu”kan jedhu sagalee caalmaan raggaasisuu gabaafame. Haaluma kanaan keeyyatoota  heera mootummaa sadi irratti hiikkaan akka kennamu kan jedhu mormii 25 fi sagalee deeggarsaa caalmaa taheen ragga’uu ibsame.

Haata’u malee paartiilee morkattootaa heddu filannoon mootummaan dhiheesse afranuu fudhatama seeraa kan hin qabaanne waan tahaniif, danqaa heeraa kana furuuf marii siyaasaa qaama hunda hirmaachise qofatu furmaata taha jechuun ibsa ijjannoo baasaa jiran.

Gama biraatiin ammoo koreen hojii raawwachiiftuu Paartii naannoo Tigraay bulchuu-TPLF walgahii kaleessaa geggeesse booda ibsa baaseen, murtii mootummaa Federaalaa filannoon bara kanaa akka dabru jedhu kan hin fudhanne tahuu ibsuun, naannichi kophatti filannoo geggeessuuf qophii jalqabuu beeksise.

Filannoo dhuftuu

6 Comments

  1. ASSALAMU ALEYKUM WARAHMATULLAHI WABARAKAATUHU hayyootaan keenya mashaa Allah jzk baraakalaa fiikum rabbiin isiin faan haa jiraatu halumaa kanaa itti fufaa

  2. وعليكم السلام ورحمة الله وبركاته ماشاء الله تبارك الله جزاكم الله خيرا.

  3. اسلام اليكم ورحمت الله وبركاته

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button