header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Ityoophiyaa, Suudaanii fi Masri dhimma hidha Laga Abbaay ilaalchisee marii kanaan dura addaan kutan jalqbuuf walii galan

Ministeeronni haajaa alaa biyyoota sadanii bakka Afrikaan Kibbaa, Gamtaan Awrooppaa fi Ameerikaan taajjabdummaan argamanitti, kaleessa June 09, 2020 toora Viidiyoo Konfirensiitiin marii gaggeessuu ibame.

Biyyoonni sadanuu dhimmoota ijoo fi haala sirna marii irratti yaada isaanii akka dhiyeessanii fi haaluma fuulduraaf itti fufiinsaan marii gaggeessuuf walii galuu isaanii Odeeyfannoon Ministeera Bishaan, Jallisii fi Iinarjii irraa argame ni muul’isa.

Dhimmoota ijoo Marii Kiibxata kaleessaa jidduu, ga’een taajjabdootaa maal ta’uu qaba qabxii jedhu ilaalchiise waliigaltee irra kan hin ga’amin yoo ta’u, mariin kun Arba’aa har’aas kan itti fufu tahuun beekamee jira.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button