header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannoo

Prezdaantiin Taanzaaniyaa Parlaamaa Biyyattii diige

Bara 2015tti aangoo biyyattii kan qabate Prezdaant John Magufulii, filannoo biyyoolessaa onkololeessa dhufu keessa ni geggeeffama jedhamee eegamun duraatti Paarlamaa biyyattii diiguu gabaafame.

Prezidaant John Magufuli sababa piroojektoota bu’uuraalee misoomaa gurguddoo biyyattii keessatti jalqabaman, galmaan baasuuf jedhuun tarkaanfii kana kan fudhate tahuu Rooyteers gabaase.

Akka Gabaasa Rooyteers kanaatti, Prezdaantiichi eega aangoo qabatee bu’uuraalee misoomaa kaniin akka daandii, bishaanii fi humna Elektrikii irratti jijjiirama guddaa kan galmeesse tahuu mul’isa.

Hata’uu malee mormitoonni paartii Siyaasaa biyyattii keessatti argaman, Prezdaantiicha yakka sarbamiinsa mirga namummaatiin himattu.

Haaluma kanaan Prez John Magufuli filannoo Taanzaaniyaa baatii onkololeessa 2021 keessa geggeeffamu irrattis yeroo lammaffaaf kan dorgomu tahuu ibsame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button