header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
AfrikaaOdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Masri Dhimma Guutinsa Bishaan Laga Abbaay ilaalchisee, Manni Maree Nageenyaa akka jidduu seenu gaafatte

Mariin torban dabre keessa biyyoota sadeen, Itoophiyaa, Masrii fi Suudaan jidduutti jalqabame waliigaltee malee xumuramuu dhabuus, guyyaa bishaaniin guutuuf itti Karoorfameetti, guutuu irraa wanti isii daangessuu danda’u tokko kan hin jire tahuu Itoophiyaan beeksiste.

Ministeerri Haajaa alaa Itoophiyaa ibsa Jimaata kaleessaa , hojiin hidhicha bishaaniin guutuu, guyyaa karoorfamee ture irratti hunda’uun ji’a dhufu keessa kan jalqabu tahuu ibse.

Haaluma kanaan, Mootummaan Masri, karoora Itoophiyaan ji’a dhufu keessa hidhicha bishaaniin guutuu jalqabuuf baaste ilaalchisee, Manni Marii Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka jidduu seenu iyyaannoo galfatu gabaafame.

Ministeerri Haajaa alaa Masri iyyaannoo, Mana Maree Nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif galche irratti, Hanga mariin biyyoota sadeen jidduutti geggeeffamaa jiru, waliigaltee tokko irra gahuutti, Manni Marichaa jidduu seenuun dhiibbaa akka godhu gaafatte.

Itti dabaluunis, marii hanga ammaatti geggeeffameen biyyoonni sadan waliigaltee irra akka gahaniif Itoophiyaan kutannoo siyaasaa hin agarsiisne jechuun yakkite.

Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin, maddi laga Naayiil 85% Itoophiyaa keessa ta’e osoo jiruu, Masri dhimmicha mana marii nageenya Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniif geessuun, fudhatama hin qabu jechuun kan kuffise tahuu Associative press gabaase.

Mariin dhimmicha irratti yeroo gara gaaratti biyyoota sadeen jiddutti geggeeffame, walii galtee malee xumuramuun immoo, sababa faayidaa biyya ofii Kabajsiisuu jedhuun, Keessumattu Itoophiyaa fi Masri jiddutti waldhabbii hammeessuu mala sodaa jedhu uumee jira.

3 Comments

  1. Aswrwb gaffii qabaa = anii garuu bakkii jiraadhuu dubai Emirates jiraadha qur.annas nii baraas amiraa garee Qur’anatilee garuu wontii baradhuu samuun koo naaf hin qabatuu waani kalesaa baradhee har,aa hin yadadhu mee duwayii naaf godhaa
    nuralhudaa sooraa qaliib muslma isin jaladhaa heddu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button