header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaKoroonaa

Iiraan talaallii COVID-19 biyya keessatti hojjatte yaaluu jalqabde

Iiraan Biyyoota Baha Jiddu galeessaa weerara dhibee koroonaatiin akka malee miidhaman jidduu adda duree tahuun ni beekama. Haata’u malee qoqqobbii Ameerikaan biyyatii irra keetteen, talaallii vaayirasii koroonaa yeroo ammaa biyyoota dagaagan keessatti hojjataman haala gayaa taheen argachuu hin dandanye.
Mootummaan biyyattii jalqabuma irraa rakkoo kana hubachuun, talaallii vaayirasichaa biyya keessatti tolchuuf qorannoo cimaa kan geggeessaa ture yoo tahu, haaluma kanaan talaalliiwwa gosa 7 qorannoo irra turan keessaa kan jalqaba yaalii duraatiif kan dhaqqabe tahuu ibsame.

Ministeerri Fayyaa Iiraan namoota hayyamamoo 56 irratti yaalii jalqabaa geggeessuuf waamicha godhe hordofuun, sa’aa muraasa keessatti namoonni 60,000 ol galmaayuu odeeyfannoon ni addeessa. Haaluma kanaan Kiibxata har’aa namoota hayyamamoo tahan irratti yaaliin duraa jalqabamee jira.

Qondaaltonni fayyaa biyyattii Iiraan talaallii biyya keessatti tolchuu muuxannoo akka qabdu ibsuun, talaalliin ammaa kunis kan biyyoota biroo heddu caalaa bu’a qabeessa akka tahu abdii qabaachuu beeksisan.
Dabalataanis talaallii jalqabaa kaampaaniin Shifa Pharmed jedhamu tolche, kan IranCovid Bereket jedhamee moggaafameen alalttis, kanneen biroo jaha yaaliin bineensota irratti godhame milkaahuun, qorannoo sadarkaa itti aanutti dabruu qondaaltonni fayyaa biyyattii ibsan.

Weerarri Vaayirasii koroonaa waggaa tokko dura Chaayinaa keessatti ka’e, hanga ammaatti addunyaa guutuu keessati lubbuu namoota miliyoona 1.75 ol galaafate. Tarkaanfii to’annoo bal’aa fudhachuun ji’oota muraasa dura biyyoonni heddu tamsa’ina vaayirasicha xiqqeessuu labsanii turan. Haata’u malee dhiheenya kana weerarri vaayirasichaa haala haarayatti ka’e biyyoota heddu keessatti yaaddoo hamaa tahee itti fufee jira.

5 Comments

  1. Ani gama kotiin hojjin kessan baay,ee nama boonsa jabadha itti fufaa jechaa

    Media kana keessa isiin wajjin hojjachu fedha waan danda,en yoo naf hayyamtan

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button