header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Tana Quba Qabduu

Biyyoota garagaraa keessatti hooggantoota arrabsuun adabbii akkamii qaba?

Hooggantoonni biyyaa kabajaa guddaa qabu. Ni sodaatamuus. Seerri mootummaatis bakka addaa isaaniif kenna. Eegumsi isaaniif godhamus kan addaati. Kun hundi sababaa mataa isaa qaba. Hooggantoonni heddu akkuma deeggartoota isaan deeggaran qabanitti, diina isaan dhabamsiisuuf carraaqus hedduu qabu. Inumaa diinni hooggantoota hedduu ni heddummaata. Bara zulmiin babal’atee, hooggantoonni akka fedhii isaaniitti bulchan kanatti nama heddu mufachiisuun isaanii waan hin oolamne. Ummannis kallattii danda’een isaan balaaleeffatuufi qeequun quuqaa isaa ibsata. Ka danda’e ammoo mormiin aangoorraa fonqolchuuf tattaaffata. Barruu tanaan biyyoota garagaraa keessatti hooggantoota arrabsuun adabbii akkamii akka hordofsiisu ilaalla.

Poolaand

Poolaand biyya Ardii Awrooppaa keessatti argamtuudha. Biyya tana dhaqanii hoogganaa biyyattii arrabsanii nagayaan galuun waan hin yaadamne. Namni badii akkanaa dalage hidhaa waggaa sadihiitiin adabama. Poolaand keessatti hogganaa biyyattii qofa osoo hin taane, Hooggantoota biyya biroo kan biyya san daaw’ataa jiran arrabsuunis adabbiif nama saaxila. Fakkeenyaaf bara 2005tti lammiileen Raashiyaa 28 kan poolaand keessa jiraatan, Prezdaantiin Raashiyaa Vlaadmiir Puutin daawwannaa hojiitiif gama poolaand dhufnaan mormanii qeeqaa turan. Mootummaanis namoota 28 kan Keessummaa biyyattii qeeqan hidhatti darbe. Poolaand keessatti hoggantoota biyyaa qoosaafis yoo tahe arrabsuun dhoowwaadha. Ciigoonis arrabsuun hin hayyamamu. Fakkeenyaaf yeroo tokko namni filannoo biyyattii rratti hirmaate tokko, maqaa Preezidaantii yeroo sanii eega yaame booda, dubbii isaa addaan kutee hafuura baafate (ni dhuufe). Namichi kun gocha isaa kanaaf hidhamee jira.

The Netherlands

Biyyoota bilisummaa waa dubbachuu qabna jedhan keessaa takka tan taate Neezarlaands, hooggantoota biyyattiitiif eegumsa jabaa gooti. Hammeenyaan isaan maqaa dhahuun rakkoof nama saaxila. Namuu waan fedhe dubbachuu, waan barbaade bareessuu mirga qaba. Mirgi kun garuu gaafa hooggantuu biyyattii bira gahu daangaa qaba. Isii hamtuun dubbachuun hin tahu. Isii xiqqeessuufi arrabsuun yakka guddaadha. Namni waahee isii hamtuu dubbate hidhaa waggaa shaniitiin adabama. Dhaaltuu goonfoo akkasumas kaadhimaa isii arrabsuun ammoo waggaa 4 hidhaa keessa nama bulcha. Adabbiin kun hidhaa qofaan hin dhaabbatu. Adabbii maallaqaatis ni qaba. Fakeenyaaf bara 2007tti dubartiin takka hoggantuu yeroo sanii “Sagaagaltuu”jettee waan arrabsiteef hidhaa fi adabbii maallaqa doolaara 400 akka kafaltu godhamtee jirti.

Taaylaand

Taaylaand Sirna Paarlaamaatiin bulti. Hoogganaan biyyattiis Muummicha Ministeeraati. Muummicha ministeeraatii olittis hoggantoota haala aadaa biyyaatiin dur irraa kaasanii biyya bulchaa jirantu jira.  Biyya tana keessatti Mootii biyyaa arrabsuun waggaa 15 nama hiisisa. Seerri kun jalqaba jaarraa 19ffaa keessa kan baafame yoo tahu, yeroo sanitti hammeenya arrabaa irratti hundaa’ee, namni mootiii biyyattiitiifi fira isaa arrabse gorra’amee ajjeefama.  Yoo arraba laaftuun arrabse ammoo harka ykn miila, yookaahuu gurratu irraa murama. Bara 1958 irraa kaasee adabbiin kun hidhaa waggaa 13 hanga 15 akka tahu taasifameera. Akka seera Taaylaanditti yeroo ammaa kana Facebook irratti arraba moototni arrabsaman LIKE godhuunis adabbii qaba. Seerri kun waan ajaa’ibaatis qaba. Mootota lubbuun jiran qofa osoo hin taane, warra du’ee biyyee uffatees qeequun adabbbii walfakkaataa qaba.

Sa’uudii

Sa;uudii keessatti Mootii arrabsuun gochaa shoorarkeessummaa jedhamee fudhatama. Seera farra shoorarkeessummaa bara 2014 baafameen, mootii biyyaa arrabsuun tokkummaa biyyattii miidhuu fi hawaasa jeequu waan taheef, namni badii kana raawwate hidhaa hamaan adabamaa.

Lubnaan

Lubnaan keessatti hooggantoota biyyatti arrabsuun seeraan dhoorkamaadha. Seerri biyyatti karaa qajeelaanis tahe karaa Miidiyaatiin hoogganaa arrabsuu dhoorkeera. Seerri wagggaa 30f dalagaa irra jiru kun arraba Facebook fi Twitteris ni dabalata. Namni badii kana dalage hidhaa waggaa lamaa fi maallaqa guddaan adabama. Namni badii kana dalagee dubbii kabajaa hoogganaa biyyattii xiqqeessu fayyadamuun hoogganaa arrabse, hidhaa waggaa lamaa fi maallaqa biyyattii Paawundii miiliyana 100 akka kafalu godhama.

Bahreeyn

Biyya tana keessatti Amiira biyyattii arrabsuun dhoorkaadha. Adabbiin isaatis hamaadha. Namni badii kana dalage hidhaa waggaa 7 fi maallaqa biyyattii diinaara 10,000 akka kafaluu godhama. Akka seera kanaatti namni sun qajeela mooticha dura dhaabbatee yoo arrabse ammoo adabbiin haalaan hammaata.

 

Kuweet

Kuweet keessattillee Mootichi qulqulluu jedhama. Isa qeequun dhoorkaadha. Waan inni hin feene dubbannaan adabbiin isaa hamaadha. Yoo xiqqaate namni badii tana raawwate hidhaa waggaa shaniitiin adabama. Yoo dubbiin isaa haalaan hamtuu taate ammoo zalaalam biyya san keessa akka hin jiraanne godhamee ariyama. Haga ammaatis namni tokko biyyaa ariyamee jira. Namni kun haga mootichi kunii fi seerri kun jirutti gara biyya sanii deebi’uu hin danda’u. Dubbii Amiirtichi dubbate hayyama isaatiin maletti miidiyaa irratti maxxansuunis dhoorkaadha. Namni badii tana dalage haga diinaara 20,000 adabama.

Iiraan

Biyyoota nama yakka dalage adabbii hamaan adaban keessa Iiraan isii takka. Hoogganaa biyyatti ayaatolaa Alii khoomeenii, Prezdaantii biyyattii fi hooggantoota mootummaa arrabsuun adabbii qaba. Namni badii tana dalage hidhaan adabama. Dabalataanis yeroo 74 garafama. Akkaasumas adabbiin mallaqaatis ni jira.

Qophii Abu Ibtisam 

Back to top button