header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTafakkur

Dusky Dolphin

Uumamni hardhaaf ilaallu gosa qurxummiiti. Maqaan isaa Afaan ingiliffaatiin Dusky Dolphin jedhama. Uumamni kun Sanyiiwwan Dolfin bishaan keessatti argaman keessaa isa xiqqaadha. Dolfiinota kaawwan irra, qaamni isaa kan Qurxummitiin waliti dhihaata. Akkasumas uumamni kun Hoosiftoota keessatti ramadama. Fakkaataa isaa dhaluudhaan, mucha hoosisaa ilmoo isaa guddisa. Sanyiiin uumama kanaa gosa sadihitu jira.

Dheerinni qurxummii kanaa meetira lama hin caalu. Ulfaatinni isaatis Kilograamaa dhibbaa gadi. Wanti biraa kan Dolfiinota irraa adda isa godhu gogaa isaati. Akka Dolfiinota kaawwanii rifeensa gogaa irraa hin qabu. Qaamni isaa qulqulluudha. Gogaan isaa gama gubbaatiin argamu bifa gurraacha, daalacha, akkasumas gurraacha gara cuquliisaa dabu kan qabu yoo ta’u, garaa jalaatiin ammoo daalacha gara adii dhihaatu ykn ammoo guutumaan guututti adiidha. Eegee irraa qaama fluke jedhamu qaba. inni kunis daakuudhaaf tajaajila guddaa kenna. Duyda gubbaa ammoo koola dorsal fin jedhamu qaba. Inni kun ammoo yeroo bishaan daaku kallattii jijjiiruudhaaf isa gargaara. Bifti qoffee isaa gurraacha. Akkasumas bocni isaa geengoo yoo ta’u, kanaanis Dolfiinota biroo irraa garagarummaa qaba. Qurxummiin kun ilkaan haga 36 qaba.

Dusky Dolphin bishaan hoo’a jiddu galeessa qabu keessa jiraatuu filata. Hedduminaanis qaamman bishaanii heemisfeera kibbaatti argaman keessa qubata. Uumamni kun akka Dolfiinota kaawwanii hin godaanu. Haa ta’u malee soorata barbaacha qe’ee isaa irraa fagaatee deemuu ni danda’a.

Dusky Dolphin garee uumee qubsuma isaa keessa jiraata. Gareen tokko miseensota haga 12 kan qabu yoo ta’u, yeroo adamsuu barbaadanitti garuu garee biraa irraa walitti dhufuudhaan miseensota haga 1000 ta’u uumu. Kana booda qurxummiilee marsuudhaan wal tahanii adamasu. Inni tokko yeroo qurxummiilee ari’u kan biraa ammoo dhaabbatee eegee qaba. Walumaa galatti uumamni kun uumama nagayaan akkaan walitti dhihaatee jiraatu jechuu ni dandeenya. Eega soorata adamasanii booda, waan adamsan waliin sooranii, waliin taphatanii booda irratti garee gareen adda faca’u.

Dusky dolphin bishaan keessa gad seenee sakandii 90 ol turuu hin danda’u. Ol deebi’ee qilleensa bishaan gubbaa fudhatuu qaba. Kanaaf yeroo heddu bishaan gubbatti ol dhihaatee jiraata.

Akkaataan walqunnamtii walhormaata Dusky Dolphin haga ammaatti qorannoodhaan ragaan quubsaan hin argamne. Dhiiraa fi dhaltuun haala kamiin akka wal qunnaman heddus hin beekamu. Haa ta’u malee rimeeyni uumama kanaa ji’a 11f tura. Haadhoonis ilmoo takka dhalati. Ilmoon dhalate kun haga waggaa sadih guututti haadhuma wajjiin tura. Haga ilmoon isii kun guddatee garee biraa uumee haadha irraa fagaatutti, haadhoon sun walqunnamtii wal hormaataa hin raawwattu. Haadhoon takkas umrii isii guututti ilmoolee 4 haga 5 dhalti.

Dusky Dolphin warra foon sooratu keessatti ramadama. Kanaafuu bineensota biraa adamsuudhaan soorata. Uumamaalee bishaan keessaa kan guddina qaamaatiin isaa gad ta’an hunda adamasee soorata.

Akkuma ofii isaatii bineensota biraa qabatee sooratu, Dusky Dolphinis uumama biraatiin adamsama. Bineensota guddina qaamaatiin isa caalan, kanneen akka Shaarkii fi Whale diina uumama kanaati. Haa ta’u malee diinni isaa hamaan ilma namaati. Ilmi namaa uumama kana kiyyeessee foon isaa soorata. Akkasumas qubsuma isaa kan ta’e, bishaan keessatti balfa garagaraa gatuun naannoo jiraatu irraa akka baqatu taasisutti jira.

Dusky dolphin bineensota Abshaala ta’an keessaa isa tokko. Miseensota isaa waliinis sagalee garagaraa baasuudhaan walii galuu danda’a. Akkasumas sochii qaamaa garagaraatis ni fayyadama. Qaamni uumama kanaa akka inni fedhetti kan ajajamuuf yoo ta’u, akka barbaadetti garanaa fi garas nanaanneessuu danda’a.

Qophii Abu Ibtisam

Back to top button