header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Waldayni Tola Ooltummaa Wahdaa Ummataa Yaa’ii lammaffaa Gaggeesse

Nuuralhudaa October 9, 2022

Hundeeffamni isaa Baatii 6 dura kan ta’e Waldayi tola Ooltummaa Wahdatul Ummaah; Godinaalee Torba (7) Godina Wallaggaa Afran, Shawaa Lixaa, Shawaa kibba Lixaa fi Shawaa Kaabaa irraa bakka bu’uudhaan hundeeffame.

 

Dhimmi waldichi irratti hojjachuuf hundeeffames; Rakkoo godinaaleen kunniin qaban kan gama amantaafi misoomaatiin jiru furuuf, Barnoota Islaamummaa godinaalee kanniin keessatti babaldhisuufi Namoota rakkoo keessa jiran gargaaruuf, Meeshaalee barnoota diiniifi idilee hawaasa godinaalee kanniiniitiif raabsuuf, Leenjiiwwan gara garaa kennuun rakkoo hawaasichatti gama hundaan dhufu furuuf fi Tokkummaadhaan Islaamaa ijaaruu kaayyeffatee hundeeffame.

 

Sagantaa kana sababeeffachuun; Majlisa Federaalaa, Majlisa Oromiyaafi Majlisa Magaalaa Finfinnee dabalatee keessummoonni hedduun Saganticha irraa qooda fudhatanii jiru. Sagantaan kun Keessummoota Majlisa irraa bakka bu’anii fi Namoota dhuunfaa garagaraatiif badhaasa kennuun goolabame.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button