header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Majliisni Godina Arsii Lixaa Yaa’ii Walii Galaa Gaggeesse

October 15, 2022

Manni maree dhimmoota islaamummaa godina Arsii Lixaa yaa’ii marsaa 3ffaa magaalaa shaashamanneetti kan gaggeesse yoo tahu, walgahii kanarratti hoggantoonni Majliisa Oromiyaa, Hoggantoonni Majliisa Aanaa, Ulamaa’onniifi keessummoonni gurguddoon heddu hirmaatanii jiru.

 

Keessummoota yaa’ii idilee kanarratti hirmaatan jidduu; Miseensa Koree Fatwaa kan tahan Haaji Yuusuf Ciroo; akkasuma Sheikh Abdallaah Biiftuu, Sheikh Hasan Ahmadiifi keessummoonni gurguddoon biroo heddu yaa’icha irratti hirmaatanii jiru.

 

Sagantaa kanarratti muudamni garagaraatis gaggeeffamee jira. haaluma Kanaan Sheikh Habiib Huseen Dura Taa’aa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Arsii Lixaa, Doktor Gammachuu Eda’oo itti aanaa, Sheikh Muhammad Badhaasoo barreessa Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa Godina Arsii Lixaa tahuun kan muudaman yoo tahu, Koreewwan birootiifis muudamne adda addaa kennamee jira.

 

Gama birootiin godinaalee hojii fakkeenyummaa qabu hojjataniif badhaasni garagaraa kennamee jira. Haaluma Kanaan Aanaan Heeban sadarkaa 1ffaa, Aanaan Qoree sadarkaa 2ffaa, Aanaan Shaallaa ammoo sadarkaa 3ffaa bahuudhaan, tajaajila hawaasa Muslimaa keessatti hojii fakkeenyummaa guddaa qabu hojjataniif badhaafamaniiru.

 

Yaa’ii kanarratti dubartoonni hoggansa Majlisa dubartootaatis kan hirmaatan tahuu odeeffannoon arganne ni addeessa.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button