header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Sirni Awwaalcha Sheikh Zubeeyr Huseen Godina Arsii Bahaa Magaalaa Asallaatti raawwattame.

Odeeyfannoo Nuuralhudaa October 16, 2022

Waggoota 19 guutuuf dhibee kaansarii hamaan dararamaa kan turan Sheikh Zubeeyr Huseen guyyaa kaleessaa aakiramuun isaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan sirni awwaalcha isaanii magaalaa Asallaa bakka hawaasni Muslimaa hedduminaan argametti raawwatamee jira.

 

Ganama har’aa October 16, 2022 Isteediyeemii magaalaa Asallaa keessatti, sagantaan gargaarsaa ilmaan Sheikh Zubeeyr irraa du’aniif qophaahee ture. Sagantaa kanarratti hawaasni hedduminaan kan hirmaate yoo tahu, keessummoonni gurguddoonis saganticharratti argamuun dhaamsa adda addaa hawaasaaf dabarsanii jiru. Eega sagantaan deeggarsa ilmaanii Isteediyeemii Asallaa keessatti gaggeeffamee booda, sirni awwaalchaa kan raawwatame tahuu odeeffannoon arganne ni addeessa.

 

Hawaasni sirna awwaalchaa kanarratti argame, “Sheikh Zubeer nama ilmaan teenna ija nuuf banachiise” jechuun imimmaan harcaasaa eenyummaa sheikh Zubeeyr ragaa bahaa oole. Amma duras dargaggoonni heddu wal’aansa sheikh Zubeeyriif mallaqa walitti qabuuf osoo imalarra jiran, makiinaan garagalee barattoonni 8 du’uufi kanneen hafan madaayuunis ni yaadatama.

 

Sirna Awwaalcha Sheikh Zubeeyr Sababeeffachuudhaan keessummoonni gurguddoon Majlisa Federaalaa fi Majliisa magaalota adda addaa, akkasuma keessummoonni gurguddoon heddu magaalaa Finfinnee, Adaamaa, Shaashamannee, Roobee Baalee, Hasaasa, Dodola, Leemmuu fi Bilbilo, Shirka, Asallaa fi Naannawa isii akkasuma Iddoowwan hedduu irraa hirmaachuun sirna awwalcha isaanii irratti hirmatanii jiru.

 

Sheikh Zubeeyriif Rahmata kadhanna. Maatiifi hawaasa isaan dhabeef Jajjabina Hawwina.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button