header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Magaalaa Dirree Dhawaatti Majliisa Federaalaatiif Simannaan Taasifame

Odeeyfannoo Nuuralhudaa October 30, 2022

Jilli Mana Maree Dhimmoota Islaamummaa kan Sheikh Hajjii Ibraahimiin durfamu, guyyaa kaleessaa magaalaa Dirree Dhawaa kan seenan yoo tahu, Yeroo Dirree Xayyaara Magaalaa Dirree Dhawaa gahanitti, Kantiibaa Magaalaa Dirree Dhawaa Obboo Kadiir Jawaar Dabalatee Angaawonni Mootummaa, akkasuma Miseensonni Majlisa Magaalaa Dirre dhawaa simatanii jiru.

 

Guyyaa Har’aatis October 30, 2022 Isteediyeemii Magaalaa DirreeDhawaa keessatti sagantaan guddaan gaggeeffamaa oolee jira. Sagantaa kanarrattis Kantiibaa Magaalaa DirreDhawaa, Angawoota Mootummaa, Miseensota Majliisa DirreDhawaatii fi Hawaasni Lakkofsaan hedduu tahe hirmaatee jira.

 

Jilli Shiekh Hajjii Ibraahimiin durfamu kun Tokkummaa Hawaasa DirreDhawaa hedduu dinqisiifachuun, fuulduraafis hawaasa kana haqaan tajaajiluu kan itti fufan tahuu waadaa galanii jiru.

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button