header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Godina Harargee Lixaa Magaalaa Mi’eessootti Qaama Miidhamtootaaf Deeggarsi Wiilcharaa Godhame

Dhaabbanni Tola Oltummaa Ahdii jedhamu sabtii hardhaa Wiilcharii 135 qaamaan miidhamtootaaf kennee jira. Hundeessituu fi hoggantuun waldaa tola ooltummaa Ahdii Aadde Nuuriyaa Muusaa, fuulduraaf meeshaalee qaamaan miidhamtoota gargaaran baldhinaan dhiheessuudhaaf karoora qabaachuu himan. Qaamaan miidhamtoonni deeggarsa kana argatan, deeggarsa meeshaa godhameef ilaalchisuun gammachuu isaanitti dhagayame kan ibsatan yoo tahu, dabalataanis qaamaan miidhamuu jechuun sammuun miidhamuu jechuu akka hin tahin beekee, awaasni ilaalcha qaamaan miidhamtootaaf qabu akka sirreeffatu dhaamanii jiran.

Sirna deeggarsa kennuu kana irratti keessummoonni hedduun argamanii jiran. Haaluma kanaan Jiilli mana marii dhimmoota Islaamummaa Naannoo Oromiyaa Sheikh Jamaal Muusaatiin durfamu, hogganaan Majlisni Godina Harargee Lixaa Sheikh Muhammad Abdurrahmaan, hogganaan Majlisa Aanaa Mi’eessoo Sheikh Jamaal Ahmad, hogganaan Majlisa Magaalaa Mi’eessoo Ustaaz Salaahaddiin Abdallaa fi akkasumas qaama mootummaa irraa bakka buutuun waajjira dhimma hojjataa fi hawaasummaa Godina Harargee Lixaa Aaddee Gannoo Abraahiim, itti gaafatamaa Waajjira Bulchiinsaa ObbooToowfiiq Muhammad, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Mi’eessoo Obboo Muhammad Taajuu fi kanneen biroo heddu argamanii jiru.

2 Comments

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button