header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Janiinitti lammiileen Falasxiin Sagal ajjeefaman

Oolmaya Falasxiin Nov 9,2023

Waraanni mootummaa Israa’el haleellaa fi duula ummata Falasxiin irratti raawwatu hammeessee itti fufeera. Gazzaa irratti guyyuu boombiitu rooba. Guyyuu daa’immanii fi dubartoota akkasumas maguddootatu ajjeefamaa jira. Gama biraatiin waraana Hamaas waliinis karaa lafootiin wal waraanuurratti argaman. Gama kaaniin West Bank irratti ammoo waraanni mootummaa Israa’el magaalota Falasxiin irratti duula geggeessuudhaan lammiilee hiraarsuurratti argama. Ijoollee xixiqqoo dabalatee namoonni gurguddoonis waraana mootummaatiin ajjeefamaa jiru. Gama biraatiin qubattoonni karaa seeraan alaatiin lafa Falasxiinotaarratti qubatanis, meeshaa mootummaan kennameefitti fayyadamanii lammiilee nagayaa galaafatuu irratti argaman.

Waraanni mootummaa Israa’el duula magaalaa Janiin irratti taasisu haalaan cimseera. Dhukaasni fi dhoohinsi garagaraatis dhagahamaa jira. Guyyaa harraa qofa jiraattonni Janiin sagal ajjeefamuu isaanii ministeera dhimma fayyaatu beeksise. Janiin magaalaa mallattoo qabsoo Falasxiinotaati.  Magaalaan tun Kaaba West Bankitti argamti. Wayta Israa’el bara 1948 hundooftutti lammiileen Falasxiin kan qe’ee isaanii irraa humnaa buqqifaman magaalaa tanatti kaampii tolfatanii qubatan.

Ammatti magaalaa tana keessatti ganda qubattootaatu jira. Lammiileen 14,000 ta’anis kaampii kana keessa jiraatan. Yeroo qabsoon Falasxiinotaa jiru hunda jiraattonni Janiinis keessaa hin hafan. Kaampiiwwan baqattootaa 19 west Bank keessatti argamu keessaallee eddoo lammiileen dalagaa hin qabne hedduun keessa jiraataniidha. Waraanni Israa’elis yeroo hunda magaalaa tanaa fi kaampii isii irratti xiyyeeffatee duulaa fi haleelaa geggeessa. Haala Kanaan harra lammiileen 9 ajjeefamuu danda’an. Guyyoota dabran keessatti bifuma Kanaan falasxiinonni ajjeefamaa turan.

Dabalataan xayyaaronni Israa’el haleellaa guyyaa harraa Gazzaa bakka Deer Al Balaah irratti raawwataniin lammiilee nagayaa 7 ajjeesanii jiru. Namoonni hedduun miidhamanii caccaba jalattis awwaalamanii jiru. Kanaafuu lakkoofsi kun dbaalauu akka danda’u himame.

Magaalaan qarqara Israa’el irratti argamtu Eliat guyyaa harraa rookkeettiin haleelamtee jirti. Magaalaa tana irratti dabalataan haleellaan raawwatamuu akka danda’amus himameera. Torbaan darbe keessa gareen Huusii haleellaa misaa’elaa magaalaa tana irratti raawwatuu isaa beeksise. Israa’el ajjeechaa lammiilee nagayaa Falasxiin irratti raawwattu yoo hin dhaabnee haleellaa isaa cimsee akka itti fufu akeekkachiisee ture.

Poolisiin mootummaa Israa’el, Araboota Israa’el irratti xiyyeeffannaa godhuun hidhuurratti argama. Falasxiinonni, Israa’el keessa jiraatan Araboota Israa’el jedhamuun beekaman. Warra kanaaf beekamtiin kennameefii, paarlaamaa keessas seenanii jiraataa jiran. Amma garuu warri kun tarkaanfii mootummaa Israa’el balaaleeffatuudhaan waraanni akka dhaabbatu gaafataa jiran. Kanuma bu’uura godhachuudhaan poolisiin Israa’el namoota bebbeekamoo hidhuu jalqabeera. Miseensa Paarlaamaa duraanii kan ta’e Muhammad Baaraakeh guyyaa harraa magaalaa Naazreet keessatti hidhamee jira. Akkasumas paartii mormituu biraa keessaallee namoonni 4 hidhamanii jiran. Israa’el guutumaan guututti namoota waraana Gazzaa irratti godhamu morman irratti tarkaanfii fudhatuudhaaf dhaadattee jirti.

Haleellaa ji’a tokko caale Kanaan lammiileen Gazzaa 10,500 ol ta’an ajjeefamanii jiran. Kana keessaa hedduun isaanii ijoollee xixiqqoodha. Ammas ijoolleen 1,400 ol ta’an caccaba jalatti awwaalamanii akka jiran himameera.

 

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button