header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Israa’el Hospitaalota irratti haleellaa raawwate

Oolmaya Falasxiin November 10, 2023

Kamisa kaleessaarraa jalqabee haleellaan waraanni Israa’el Hospitaalotarratti raawwatu hammaatee itti fufeera. Namoonni hedduun qe’ee fi qabeenya isaanii irraa buqqa’anii hospitaala keessatti daheeffatanii jiran. Warri haleellaa misaa’elaatiin miidhames hospitaalootuma keessatti wal’aanamaa jira. Haa ta’u malee waraanni Israa’el achittis isaan duuka bu’ee haleellaa irraan gahutti jira. Haleellaa Hospitaala Al Shifaa irratti raawwatameen namoonni 13 ajjeefamuu isaanii mootummaatu beeksise. Halkan kaleessaatis haleellaa dallaya hospitaalaa keessatti raawwatameen namoonni hedduun miidhamanii jiran.

Halkan kaleessaa irraa jalqabee waraanni Israa’el kan Taankiidhaan durfamu hospitaalota afur kan Gazzaa gama Kaabaa keessatti argaman marsee jira. Hospitaalli Al Raantis, Hospitaalli Al Naasir, Hospitaalli ijaa kan mootummaa fi Hospitaalli dhukkabsattoota sammuu waraana Israa’eliin marfamanii jiru. Namni keessaa bahuu fi seenuus hin danda’u. Jum’aa harraatis namootni muraasni hospitaalota kanniin keessaa uffata adii qabatanii harka ol qabanii bahuudhaaf yaalanis dhukaasa itti banameen hospitaalichatti deebi’uuf dirqamanii jiran. Ministeerri dhimma alaa Falasxiin “israa’el hospitaalota keessatti namoota argaman akka booji’amtootaatti fudhataa jirti” jechuun himate.

Guyyaa kaleessaarraa kaasee lammiileen Gazzaa hedduun qe’ee isaanii gad lakkisanii baqataa jiru. Keessattuu daandii guddicha Salahaddiin qabatuudhaan Gazzaa kaabaa irraa gara Kibbaa baqataa jiran. Mootummaan Israa’el karaan kun qulqulluu waan ta’eef karaa kana qabadhaa bahaa jechuun ajaja dabarse. Namoonnis kanuma amananii deemsa jalqaban. Harra garuu taankiiwwan Israa’el irraa haleellaa cimaatu isaan mudate. Falasxiinonni hedduunis ajjeefamuun isaanii himameera. Kanneen miidhamanis gara Hospitaala Al Quds fi dhaabbilee fayyaa biroo kan karaa guddicha salahaddiinitti dhihaatanii geeffamanii jiran. Lakkoofsi namoota ajjeefamanii haga ammaatti ifatti hin himamne.

Dadhabnee jirra. Dallanneetis jirra. Wanti mootummaan israa’el jedhu waan amanamu tokkollee hin qabu. Karaan kun karaa nagayaati karaa Kanaan bahuu ni dandeettu jedhanii manaa nu baasan. Wanti isaan jedhan hundi kiyyoo keessatti nu galfachuudha” jechuun baqataan haleellaa kanarraa hafe Al Ajaziiraatti hime.

Dhaabbanni Addeessa diimaa Falasxiin akka beeksisetti Isnaayipparoonni Israa’el hospitaalotarratti xiyyeeffachuun dhukaasa banuu isaanii beeksiseera. Dhukaasa Hospitaala Al Quds irratti banameen namni tokko ajjeefamuu fi 20 kan ta’an ammoo madaayuun isaanii himameera.

Haleellaa fi hanqina boba’aa irraa kan ka’e hospitaalonni 21 guutumaan guututti dalagaa dhaabuu isaanii ministeera fayyaatu ibse. Akka Ministeerri fayyaa Gazzaa ibsetti lammiileen Falasxiin ajjeefaman 11,078 gaheera. Kan keessaa 4,506 kan ta’an ijoollee xixiqqoodha.

One Comment

  1. Malo obboolleewani falastiini du,aayi hedfuummeesa Akka Rabbiin himna ofiitin isaan bira dhabaatu Rabbiin isaani ha birmaatu fixuf dhayxe isra,iil Dhumte Rabbiin nu ha dhageesiisu goftaan Kanaan jabeena isaatin miskinaan kanaafu nuf ha birmaatu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button