header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Waraanni Israa’el kibbattis haleellaa hammeessee itti fufeera

Olmaya Falasxiin November 14,2023

Erga waraanni Israa’el haleellaa gara jabinaa Gazzaa irratti raawwatuu jalqaberraa kaasee, ummanni gara kibba Gazzaa baqatuu irratti argama. Mootummaan israa’elis jiraattonni Gazzaa kaabaatti argaman gara kibbaa akka baqatan ajaja irra deddeebiin dabarseera. Kanuma bu’uura godhachuun lammiileen Gazzaa hedduun gara Khaan Yuunis fi kaampiilee kibba biyyattiitti argamaniitti baqatanii jiru, baqataas jiru. Haa ta’u malee waraanni israa’el haleellaa isaa kan kibbaatis addaan hin kunne. Namootni gariin osoma gara kibbaa deeman daandii gubbatti boombiin ajjeefamanii jiru. Amma ammoo Magaalaa Khaan Yuunis dabalatee kaampiileen garagaraatis haleelamaa jiru.

Akka tajaajila oduu Falasxiinitti guyyaa harraa haleellaa mana lama irratti raawwatameen namoonni 13 ajjeefamuun isaanii himameera. “Kibbi nagaya jedhamus, Gazzaa keessa garuu nageenyi hin jiru” jechuun jiraattonni Kibba Gazzaatti argaman dubbataniiru. “Israa’el osoo waan tokko adda hin basin walumatti qabdee haleellaa irratti raawwataa jirti” jechuun dubbatan.

Kun osoo Kanaan jiru lammiileen Falasxiin hedduun gara kibba Gazzaatti baqatan rakkoo hedduuf saaxilamaniiru. Rooba cimaa guyyaa harraa roobeenis dukkaanonni xixiqqoon feestaalaan tolfaman jalaa ciccitee meeshaan qaban jalaa miidhameera. Namoonni kuma dhibbaan lakkaawaman kan kaampiilee yeroof qophaayan keessa jiraataa jiran sababa rooba Kanaan rakkoo cimaaf saaxilamaniiran. Gargaarsi hatattamaa guddaan akka barbaachisus himameera.

Hospitaalli Al Shifaa kan Kaaba Gazzaatti argamu ammas akkuma marfametti jira. Waraana Israa’elii fi loltoota Hamaas jidduttis lolli cimaan fageenya dhihoo hospitaalichaatti geggeeffamaa akka jirus himameera. Akka dubbii himaan ministeera fayyaa Falasxiin Ashraf Al Qudraa dubbatetti hospitaala keessatti rakkoon cimaa mudatuu irratti argama. “Erga waraanni Israa’el hospitaalicha marseen booda, namoonni ajjeefaman haga ammaa hin awwaalamne. Amma garuu reefki hafuura dhahuu jalqabeera. Kun ammoo fayyaa namoota kaawaniirratti dhiibbaa fiduu irratti argama. Namootni 120 ta’an daddaffitti awwaalamuu qabaatu. Haa ta’u malee haga ammaatti waraana Israa’el irraa hayyama hin arganne. Kanaafuu itti gaafatama dhuunfaa keenyaa fudhannee dallayuma hospitaalichaa keessatti awwaaluu murteessineerra. Dallaya keessatti yeroo boolla qotnu Isnaayipparoota Israa’eliin dhawamuu dandeenya. Garuu filmaata biraa waan hin qabneef filannoo qabnu kanatti fayaydamna” jechuun dubbate.

Gama kaaniin haleellaa fi duulli West Bank irratti godhamus hammaatee itti fufeera. Magaalaa XulKaram keessatti halkan irraa kaasee haleellaa waraana Israa’eliin taasifameen lammiileen Falasxiin 7 ajjeefamanii jiran. Akka walii galatti gaafa Israa’el duula jalqabderraa kaasee magaalaa Xulkaram keessatti falasxiinonni 32 ajjeefamanii jiru. Dargaggeessi wagga 20 Muhammad Abdulmajiid ammoo magaalaa Khaliil (Hebron) keessatti waraana mootummaan ajjeefameera. Erga qawween dhawameen booda qaamoleen fayyaa qarqaaruuf yaaliin taasisanis waraana mootummaan dhoorkameera. Saa’aa dheeraaf eega dhiigni keessaa yaa’een booda du’uu isaa tajaajilli oduu falasxiin gabaaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button