header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Ajjeechaan Falasxiin irratti raawwatamu itti fufeera

Oolmaya Falasxiin November 17,2023

Mootummaan Israa’el Gazzaa irraa waan hunda addaan kutee jira. Tajaajilli telefoonaa bakka hedduu hin jiru. Ministeerri fayyaa biyyattii odeeffannoo barbaadu sassaabuurratti hedduu rakkateera. Aljaziiraan gama isaatiin kutaawwan Gazzaa garagaraa irraa odeeyfannoo tokko tokko sassaabuun gabaasuurratti argama. Haleellaan Israa’el Gazzaa irratti raawwattu ammas hammaatee itti fufeera. Waraanni Israa’el waan gara kaabaa jiru hunda too’ataa jira. Kanaanis hammeenyi garasitti dalagamaa jiru jabaataa jira.

Haleellaa guyyaa kaleessaa Kaampii baqattoota Jabaliyaa irratti raawwatameen falasxiinonni 11 ajjeefamaniiru. Haleellaan kun manneen jireenyaa irratti kan raawwatame akka ta’es gabaafameera. Dabalataan haleellaa waraanni Israa’el xayyaaraan geggeesseen eddoon daabboo itti tolchan tokkoo fi kuusaan midhaanii barbadeeffameera. Amma Gazzaa keessatti warshaan daakuu oomishuu danda’u tokko qofatu hafe.

Waraanni Israa’el haleellaa kibba Gazzaa magaalaa Khaan Yuunis cinatti raawwateenis namoonni 10 ajjeefamaniiru. Hedduun isaanii ijoollee fi daa’imman akka ta’an himameera. Haleellaan kunis haleellaa mana jireenyaa irratti raawwatame akka ta’e Aljaziiraan gabaase. Naannawa daangaa Gazzaa fi Masri kan taatee Raafaah irratti haleellaan raawwatameera. Haleellaan tokko eddoo horsiisa lukkuu irratti kan raawwatame yoo ta’u, falasxiinonni 7 ajjeefamaniiru.

Waraanni mootummaa Israa’el Hospitaala Al Shifaa weeraruun isaa ni yaadatama. Lammiileen Falasxiin hedduunis hospitaalicha keessatti ugguramaniiru. Akka odeeyfannoon kallattii garagaraan argamu agarsiisutti, namoonni hedduun midhaanii fi bishaan dhabanii rakkataa jiru. Hospitaalicha keessaa bahuun dhoorkamee waan jiruuf namni akki itti gad bahee waa barbaadatu hin jiru.

Gama biraatiin Kaabaa Gazzaa daandiiwwan garagaraa irratti reefki karaa guutee ciisaa akka jiru himameera. Namoota haleellaa misaa’elaa fi qawwee waraana mootummaa Israa’eliin ajjeefaman namni isaan fuudhu dhabamee karama irratti reefki miidhamaa jira. Namni fuudhuudhaaf yaalii taasises qawwee israa’eliitiin ajjeefama.

Gama kaaniin haleellaa fi duulli west Bank irratti raawwatamus hammaatee jira. Keessattuu magaalaan Janiin xiyyeeffannaa keessa galuudhaan haleelamaa jirti. Haleellaa dirooniidhaan guyyaa kaleessaa raawwatameen falasxiinonni 3 ajjeefamaniiru. Waraanni mootummaa Israa’el Janiinittis hospitaala Ibn Siinaa marsee jira. Hospitaala weeraruudhaaf waan deemuuf, hojjattoonni gad lakkisanii akka bahan ajaja dabarseera. Haa ta’u malee hojjattoonni hospitaalichaa gad lakkisanii bahuu didaniiru. Waraanni mootummaa Israa’elis hojjattoota fayyaa lama hidhee jira.

Muummichi Ministeeraa Israa’el Beniyaamin Netaaniyaahuu gaafii fi deebii CBS News waliin taasiseen “waraana kana namoota nagayaa xiqqoo qofa ajjeefnee goolabuu karoorfanneeyyu. Garuu akka yaadne lakkoofsa namoota nagayaa ajjefamanii xiqqeessuu hin dandeenye” jechuun dubbate. Kanaanis namoonni nagayaa hedduun ajjeefamuu amaneera. Dhaabbileen mirga namoomaa hedduun Israa’el of eeggannaa taasisaa hin jirtu, ta’e jettee lammiilee nagayaa ajjeesaa jirti jechuun himataa turaniiru. Haga ammaatti Israa’el lammiilee nagayaa 11,400 ol ajjeeftee jirti.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button