header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Iiraan Midiyaalee Hawaasaa muraasa uggurte



Iiraan mormii biyyattii keessatti ka’e too’achuudhaaf, miidiyaalee hawaasaa fi Appilikeeshiinota muraasa kan uggurte tahuu gabaasni Televiziyoona mootummaa biyyattii irraa argame ni mul’isa.

Akka gabaasa kanaatti miiidiyaaleen Telegram fi Instgram biyyattii keessatti yeroodhaaf kan ugguraman tahuu gabaasni kun ni mul’isa. Mootummaan Iiraan guyyaa kaleessaa mormii seeraan alaa kamiyyuu humnaan kan dhaabsisu tahuu beeksisee kan ture tahus, Sabtima kaleessaa Yunivarsiitii Tehraan fuulduratti mormiin cimaa tahee gaggeeffamuu Rooyters gabaase.

Mootummaan Iiraan ibsa baaseen mormii guyyoota afur lakkofsise kana irratti namoonni sadi rasaasaan rukutamanii kan du’an tahuu beeksisee jira.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button