header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Odeeyfannoo

Lakkoofsi Lammiilee Oromoo Qe’ee Isaanii irraa buqqa’anii 603,933 gahe.

Lakkofsi lammiilee Oromoo weerara liyyyuu poolisiitiin qeyee isaanii irraa buqqa’an 603,933 kan ga’e yoo tahu , kana keessaa namoonni 145,445 kanneen naannoo Somaalee keessa  jiraataa turaniif qe’ee isaanii irraa ar’iaman. Namoonni 458,488 ammoo lammiilee Oromoo daangaa irra jiraataa turan kanneen weerara Liyyuu poolisitiin qe’ee isaanii irraa buqqa’an akka ta’e,gabaasni Biiroon dhimmoota Komunikeeshiinii Mootummaa naannoo Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

Lammiilee Oromoo qa’ee isaanii irraa buqqa’an kanneen deebisaanii ijaaruuf, hawaasni  biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan deggarsa godhaa jiran cimsanii itti fufaaniiru.

Fulbaana 8/2010 irraa kasee hanga Sadasaa 1/2010 yeroo jiru keessaatti, lammiilee kanneen  deebisanii ijaaruuf jecha lakkoofsa herreega baankii baname irratti, birriin miliyoona 324,732,538 galuu Biroon, Koomishiinii  hoggansa sodaa balaa Oromiyaa waabeffachuun gabaseera.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button