header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

DhDUO maqaa isaa gara PDO jijjiiruu ibse

Paartiin Naannoo Oromiyaa bulchaa jiru DH.D.U.O kora isaa 9ffaa magaalaa Jimmaatti kan geggeessaa jiru yoo tahu, guyyaa har’aa maqaa paartichaa DhDUO irra gara PDO(Paartii Dimokiraatawaa Oromootti) kan jijjiire tahuu, hogganaan Ijaarsa siyaasaa Baadiyyaa paartichaa Obbo Addisuu Araggaa fuula feesbuukii isaa irratti beeksiise.

Obbo Addisuun itti dabaluun hoggantoonni Paartichaa yeroo dheeraaf tajaajilaa turanis kan geggeefaman tahuu ibse.

Hoggantoonni geggeefaman kunniin:
1. Obbo Abbaa Duulaa Gammadaa
2. Obbo Geetaachoo Badhanee
3. Obbo Kumaa Dammaqsaa
4.Obbo Girmaa Birruu
5. Obbo Dirribaa Kumaa
6.Obbo Isheetuu Dasee
7.Obbo Tafarii Xiyyaaruu
8. Obbo Daggifee Bulaa
9. Obbo Shifarraa Jaarsoo
10.Obbo Abarraa Hayiluu
11.Obbo Suleeymaan Daddafoo
12.Obbo Ittafaa Tolaa
13. Obbo Daanyaachoo Shifarraa fi
14. Aadde Giiftii Abbaa Siyyaa ta’uun beekameera.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button