header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

184: Imaama jarjarutti akkamitti salaata hidhatan?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo imaamni jarjaree yoo ma’amuumaan wajjiin deemuu dadhabe akkamitti salaata irraa baafachuu danda’anii, salaata kana akkam godhuu danda’an?

 

 

Deebisaa: Imaama beekaa Rabbi soodaatu yoo ta’e haqqii salaataa guutuu qaba. Xumaaninaan jechuun harkaana salaataa irraa tokko. Xum’aaniinaa jechuu sabataanii yookaa ragga’anii suutaa ruku’allee haqa isaa guutanii sujuudallee haqa isaa guutanii, yoo namtichi kana hundaa wallaalummaan akkuma lukkuu firii guurattuutti dhahe irraa hiikkachuun ni danda’ama. Maaliif jennaan namni xum’aaninaa hin qabne, sabatee salaata isaa eeggachuu hin dandeenne suuta suutaan hin salaanne salaataayyuu hin qabu. Wanni wajiin fiigaa oolaniif hin jiru ispoortii miti kun. Kanaafuu irraa hiikkatanii salaata ufii ta lubbuu qabdu nagayaan salaatuu barbaachisa. Kanaaf Rabbiin guddaan warroota salaata isaanii irraa dantaa hin qabne jedhe, warra waqtii isii dabarsu taanaanuu, warra haqqii salaataa guutuu dadhabe tanaan warra akkana kanaaf ibidda wayli jedhamtutu sabatee jiraaf jedha Rabbiin ????????????. kanaafuu salaata keenya eeggachuudha qabnaa saffii keenya eeggachuudha qabna , wudu’arraa qabne, janaabarraa qabnee, salaata isaa haqqii isaa guutuudha qaba. Jalqabni guyyaa qiyaamaa namni irraa herreegamu salaata. Yoo salaanni tolte ibaadaa biraallee Rabbiin ni tolcha. Yoo salaata akkuma fedhan daddarbatanii ka ilmii malee salaatan taate faayidaan tokkollee hin jiruu kasaaraa guddatu nama mudata Rabbi nu haa tiksu.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 293

Kanas dubbisi!

186: Salaata duhaatiif salaata Asrii sunnaan isaa akkami?
182: Waqtiin salaata ishaa’ii eessarra jalqabee eessatti dhumata?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button