Gaafii: intala takka jaaladhee abbaan kiyya naa dhaqee nikaah naaf godhe. Yeroo xiqqoo booda intala fuudhee manattiin galadhe. Wayta manaan gahadhu intalti ulfa garaa qabdi. Osoma isiin ulfa nama biroo garaa qabdu wajji jiraadhe. Maaltu narra jira?
Deebisaa Gabaabduu
Namni bultii jaaru tokko yoo dhugumaan nama haraam ifirraa eegu tahe, halkanuma aruuza seenu san maalummaa intala sanii ni beeka. Intalti sun dubra tahuufi tahuu dhabuu halkanuma san adda baafachuu dandeeysa. Akka isiin ulfa nama biroo garaa qabdus beeytee jirta. Silaa yeroma san intala gara maatii isii galchuu qabda. Nikaan keessan sirrii miti. intala tanaan hatattamaan adda bahuu qabdan. Yoo intala tana wajji jiraachuu fedhii qabaatte. Amma maatii isiitti deebistee, gaafa isiin ilmoo dhalte nikaaha haarayaan fuudhuu mirga qabda. eega tawbatteen boodatti.
Dr. Liwaa’ulislaam
Deebisaa Ulamaa’ii biyya Alaa
Intala ulfa garaa qabdu fuudhuun shari’aa islaamaa keessatti dhoorkaadha. Osoo intalti ulfa garaa qabdu yoo nikaah godhan, nikaan sun fudhatama hin qabu.
Rabbiin guddaan Qur’aana isaa keessatti akkana jedhe.
“Dubartoota keessan irraa isaan xuriin laguu (haydiin) irraa dhaabbate iddaan isaanii ji’a sadi qofa. Isaan haydii arguu hin jalqabinis (akkasuma). Warri ulfa ta’an immoo iddaan isaanii ulfa san dahuudha. Nama Rabbiin sodaatu (Rabbiin) dhimma isaa irraa laafina isaaf godha”
Suuraa Xalaaq 65:4
Akka Aayaata qur’aanaa keessatti ibsametti, dubartii ulfa garaa qabdu iddaan isii dahuumsa isiiti. Namni intala ulfa garaa qabdu fuudhuu fedhu, hanga isiin ilmoo dhaltutti eeguu qaba. Osoo ilmoo garaa qabdu nikaah godhuun sirrii miti.
Sheikh Saalah Al Munajjid
saad jihaad bakketti wal jaallachun nii ta.a