header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

25: Eessumni Nikaaha hidhuu dandahaa?

Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo eessumni kiyya nikaaha na hidhe, ka maatiin kiyya ka gara Abbaa hin jirre nikeenni kiyya kun akkamii?

Deebisaa: Nikahan kankee fayyaadha. Ta duraa namni nikaaha nama hidhu nama waliyyii kankee ta’etu nikaaha si hidhuu danda’a. waliyyii jechuun irra caalatu abbaadha jenne malee, irra caalaa itti aanutu obboleessa jenne malee, irra caala itti aanutu, adeera ykn wasiila yookan akaakoodha jenne malee asliin wilayummaa, nama wilaayaa kankee harkaa qabu ka ati harka isaa jalatti guddattee, ka abbaa manaa haadha keetiillee ta’u jechu ka haadha kee fuudhe. Namuma abbaa fedhee haa ta’uu ka si guddisuudhaan, si yaaluudhaani ka tajaajila kankee harkaa qabu santu waliyyiidha jedha Shari’aan. Sun kaa duraa abbadhumatu ilmoo yaalee tajaajilaa,  ka itti aanu obboleessaa, adeera, akaakoodhaa, eessumatu itti aana .  Kanaaf Shari’aan eessumni dhufee nikaaha hin godhin haga jarri kun jiranitti jetti malee Shari’aan eessumni nikaaha godhu hin danda’u jechaa miti. Kanaaf baaba dhaalaa keessatti eessumni dhaalaan nama nama isa dhaalu hin qabneetii. Kanaaf gara mazaba imaamu shaafi’itti yeroo deemnu jechoota durii jarri jedhan keessatti. Akkuma dhaalli humna firoomatiin namni dura dabree waa dhaaluuni waliyyummaaniif nikaahanillee achumarraa fudhatamtii jedhan. Garuu Shari’aan akka walii galaani jirutti nama intala tokko tajaajila isiitiif guddisa isiititti ta’aabetu nikaaha isii godhuu waliyyii ta’uufii danda’aa jechatu jira. Kun kaa humna firoomni namaa nahutu waldura jiraa  walirra caaladhaa jechu. Wanni Shari’aan waliyyi malee nikahaan hin taaatu jedheef amaanaa isiitiif isiidhaa nahuuf bikka kami buusutti jira ilmoo tiyya tana bikka kam kaahutti jira intalata tiyya tana, nama akkamitti kennutti jira. Nama amaana isii naa eegu moo nama boru isii zallamu moo nama isii akkam godhu jedhee nama dhukkubsatu sanaaf Shari’aan agartaanii aanaafii nama namaaf dhukkubsatu ta’uu san yaala godhee jechuudha. Kanaaf jecha nikaahaan kankee nikaahaa bareedduudhaa Rabbiin SW waliin isin haa bulchu.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 264

Kanas dubbisi!

36: Abbaan warraa kiyya si wajjiin jiraachuu hin fedhu naan je’aa maaliin godha?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button