header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Mana keessan qabroota hin godhinaa

© Usmaan Abdullaxiif

Ammaa amma deddeebi’aa Qur’aana itti qara’aa.

Qur’aanni gaarii nutti harkisee, hamtuu nurraa ittisa. Mana Qur’aanni keessatti qara’amu Sheyxaanni ni baqata! Dandahee hin dhuunfatu. Waan Qur’aanaan adda fagaate ammoo Sheyxaanaatu itti dhihaata. Qur’aanni qaceelloo haqaati! Dawaa qalbii fi qaamaati. Manaafi nama Qur’aanaan faayame balaan hin dandeessu. Kanaaf yeroo baatanii-galtan, yeroo raftanii-kaatan Qur’aana qara’aa. Karaa deemaa Qur’aana qara’ulleen Sunnaadha.

Keessattuu yeroo hirribaaf deemtan Aayata maayyii 2n Suuraa Baqraa qara’aa. Hadiisa inb Mas’uud gabaaseen ergamaan Rabbii Muhammad(SAW) “Namni Aayata lamaan maayyii Suuraa Baqraa qara’e, halkan san isaaf geessi” ja’e. Aayanni 2n sun bu’aa guddoo mul’attuufi hin mul’anne nuuf qabdi. Bakka dhaabbata halkanii nuuf bu’uu malti. Hamtuu Sheyxaana Jinnii fi namaa irraahis halkan saniif nu eewalti. Isii qara’uu qofaan, akka nama Qur’aana dubbisaa buleetti herregamna. ‘Isaaf geessi’ jechaa Ulamaan akkanatti hiikan. Kanaaf carraan ajaa’ibaa Aayata 2n kana qofa dubbisuun arkannu tun nu hin dabrin.
عن ابن مسعود رضي الله عنه قال: قال النبي(SAW) : (من قرأ بالآيتين من آخر سور البقرة في ليلة كفتاه) رواه البخاري ومسلم

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button