header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Salaata

Salaatni ibaadaa muslimni tokko nama muslima hin tahin irraa adda ittiin ta’u. Salaataan malee namni tokko muslima tahuu hin danda’u. Namni salaatni isaa jalaa bade carraan jannata seenuuf qabu xiqqaa dha. Dalagaan biraa wantoota akka sadaqaatiin guutamuu danda’a. Salaatni garuu waan takkaanillee guutamuu hin danda’u. Kanaaf salaata keenyarratti xiyyeeffannaa gochuu qabna. Namni salaatni isaa hin tolin booddeen isaa khasaaraa dha. Kanumaaf jecha arruma dhimma salaata keenyaa irratti xiyyeeffannaa gochuu qabna. Dhaamsa arraatiinis wantoota salaata keenya nu jalaa balleessan keessaa muraasa ilaalla.

Salaata keenya keessatti xuma’niinaa qabaachuun barbaachisaa dha. Salaanni xuma’niinaa hin qabne guutuu miti.  Sababni isaa xuma’niinaan arkaana salaataa waan ta’eef. Arkaanaan malee salaanni akka waan hin jirreetti laallama. Xuma’niinaa jechuun sochii salaataa hunda keeysatti  tasgabbii qabaachuu dha. Rukuu’a yoo goonu, rukuu’aa yoo ol dhaabbannu (i’itidaala), sujuuda irratti, jidduu sujuuda lamaaniitti (juluus) tasgabbii qabaachuu qabna. Hanga lafeeleen teenya hundi bakka bakkatti deebitee tasgabbooftutti eeguu barbaachisa.

Namni tokko tokko akkuma rukuu’aaf gad bu’een osoo sakandii takka hin eegin ol deebi’a. Yeroma ol deebi’u kanaayyuu duyda isaatiin osoo qajeelee hin dhaabbatin, gara sujuudaa gad fiiga. Salaanni haala akkanaatiiin salaatamu salaata xuma’niinaa hin qabne jedhama. Kanaaf yeroo salaata keenyatti seennu tasgabbiidhaan waan jiru cufa raawwachuu qabna. Yeroo rukuu’a goonu, zikriilee rukuu’a keessatti qara’amuu qaban tasgabbiidhaan jechuu qabna. Yeroo rukuu’aa ol jennus tasgabbiidhaan haga duydi keenya nuu qajeelutti dhaabbachuun barbaachisaa dha. Kan kanarraa hafe akka nama fiigicha meetira dhibbaa fiiguu salaata keenya daqiiqaa takka keessatti fixuuf jecha daddarbaa salaatuun sirrii miti.

Rakkoon biraa salaata keessatti nu mudattu hanqina kushuu’aati. Kunis salaata keessatti sosochii daangaa dabran godhuu jechuu dha. Yeroo salaatnu Rabbii keenyaaf of gad qabuu qabna. Sodaan Rabbii keenyaaf qabnu qalbii keenya keessa jiraachuu qaba. Yoo sodaa Rabbii qabaanne, akka isa dura dhaabbataa jirrus yoo quba qabaanne, sosochiin humnaa olii salaata keenya keessatti nu hin mudatu. Rabbi qur’aana keessatti akkana jedha.

قَدۡ أَفۡلَحَ ٱلۡمُؤۡمِنُونَ ١ٱلَّذِينَ هُمۡ فِي صَلَاتِهِمۡ خَٰشِعُونَ ٢

Dhugumatti, mu’mintoonni milkaayan. Isaan warra salaata isaanii keessatti kushuu’a qabani. (Al Mu’minuun)

Salah 2

Harkaafi miilli keenya salaata keessatti tasgabbaahanii bakka dhaabbachuu malanitti dhaabbachuu qabu. Qalbiin teenyas yaada biraa keessa daakuu dhiistee Rabbii isii wajji qofa haasawuu qabdi. Harkaan of hooquu, miilaan gamanaa gamas sossohuu, mataa ol qabaa gad buusufi sosochiiwwan daangaa dabran  irraa of eeguun barbaachisaa dha.

Imaama dursuun ykn ammoo imaama irraa harkifachuunis salaata nu jalaa balleessiti. Rakkoon tun namoota hedduu biratti mul’atti. Wanti nuti beekuu qabnu, osoo haga feene jarjarreeyyuu imaama dura salaamata hin baafannu. Rukuu’arratti jarjarrus, sujuuda keessatti jarjarrus, haga imaamni salaamata baafatutti eeguun dirqama. Kanaafuu yeroo salaatnu haga imaamni takbiiraa jedhee geessutti haa eegnu. Erga inni allaahu akbar jedhee xumureen booda nutis allaahu akbar jennee itti fufuu qabna. Haga gad jedhee rukuu’a qabatutti haa eeynu, haga sujuuda bu’utti haa eegnu. Eega imaamaatii booda isa hordofuutu barbaachisa. Gama biraatiin ammoo imaama irraa harkifatuunis dabree dabree ni mul’ata. Gariin namaa salaata bareechifadha jechuudhaan imaama irraa hedduu yoo duubatti harkifatu mul’ata. Tanarraallee of eegutu barbaachisa. Abu Hureeyraan (ra) akkana jedhe “Ergamaan Rabbii (SAW) akkana jedhan ‘imaamni guutumaan guututti hordofamuu qaba. Yoo inni takbiiraa jedhe isinis jedhaa, haga inni jedhutti hin jedhinaa, yoo rukuu’a godhe, isinis godhaa, haga inni rukuu’a godhutti isin hin bu’inaa”¦'”(Abuu Daawud)

Imaamni guutumaan guututti hordofamuu qaba jechuun wanti nuti raawwannu cufti wanta imaamichi godhe ta’uu qaba. Osoo inni sujuuda irra jiruu, nuti ammoo bareechifachuuf jecha rukuu’a irra turuun hin barbaachisu. Tarii yeroo kophaa salaannutti hanga feene adaba isaatiifi arkaana isaa eegnee turuun mirga keenya. Yeroo imaama wajjiin salaannu garuu imaama hordofuutu nurraa eeggama.

Qophii: Abu Ibtisaam

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button