header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Muhammad Bin Salmaan, mootummaan Chaayinaa muslimoota biyya isaa ilaalchisee qajeelfama barbaade hordofuu mirga qaba jechuun isaa gabaafame

Hogganaan mootummaa Sa’uudii Muhammad Bin Salmaan daaw’annaa hujii Chaayinaa keessatti geggeesseen qondaaltota biyyattii waliin kan mari’ate yoo tahu, qajeelfama addaa mootummaan Chaayinaa muslimoota Wiigar irratti xiyyeeffatuun hordofu irrattis yaada kan kenne tahuu gabaafame. Bin Salmaan marii prezdaant Zii Jinping waliin godhe irratti, “Chaayinaan shororkeessummaa fi finxaalessummaa ittisuudhaaf, akkasumas nageenya biyya isii eegsisuuf qajeelfama barbaachisu baasuu mirga qabdi”jechuu isaa miidiyaaleen biyyattii gabaasan.

 

Mootummaan Chaayinaa muslimoota biyyattii ilaalchisee qajeelfama addaa kan hordofu yoo tahu, yeroo ammaa muslimoota Wiigar miiliyoona tokkoo ol tahan dirqiidhaan kaampilee keessatti ugguruun, leenjii farra Islaamummaa kan kennaafii  jirtu tahuun ni beekama. Mootummaan Chaayinaa maqaa duula farra shororkeessummaa jedhuun, muslimoonni biyyattii  dhimmoota dirqama amantii isaanii kanneen akka salaata, Soomana, hijaaba uffachuu fi qur’aana qara’uu raawwatanii yoo argaman kan adabaman tahuu gabaafame. Kana malees mootummaan Chaayinaa foon halaalaa ugguruun,  muslimoonni foon booyyee akka nyaatanii fi kamrii akka dhugan kan dirqu tahuu miidiyaaleen addunyaa gabaasaa turan.

 

Odeeyfannoo wal qabateen, Muhammad Bin Salmaan fi Prezdaant Zii Jiinping walii galtee daldalaa fi investimantii doolara biiliyoona 10 ol kan mallatteessan tahuunis beekamee jira.

 

 

 

 

 

 

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button