header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-Barruu

Beekkamtii Barbaadduu?

Warra lafaa osoo hin taane, beekkamtiin guddoon warra samii biratti beekkamuudha. Beekkamtiin dhugaan nama fayyadduus sani. Beekkamtii warra lafaa, booddeen wallaalcha. Shuumamni warra lafaa, booddeen shaarama. Warra samii biratti beekkamuudhaaf ammoo Ibaadaa keessattuu Zikrii heddummeessuu qabna.

Hadiisa ergmaan Rabbi Muhammad (SAW) kana xiyyeeffannaan ilaalaa

عنْ أَبي هُريرةَ، ، أنَّ رسُولَ اللَّه (SAW) قالَ: يقُولُ اللَّه تَعالى: أَنَا عِنْدَ ظَنِّ عَبْدِي بِي، وَأَنَا مَعهُ إِذَا ذَكَرَني، فَن ذَكرَني في نَفْسهِ، ذَكَرْتُهُ في نَفسي، وإنْ ذَكَرَني في ملإٍ، ذكَرتُهُ في ملإٍ خَيْرٍ منْهُمْ متَّفقٌ عليهِ.

Rabbiin ol’aane akkana ja’a! Ani bakka gabrichi kiyya itti na yaadeen jira. Gaafa na yaadate isa biraan jira. Yoo(gabrichi kiyya) lubbuu isaa keessatti na yaadate, anis if keessattiin yaadadha. Yoo ammoo nama keessatti na yaadate, warra namoota inni keessatti na yaadate san caalan(Malaa’ikoota) keessattiin isa yaadadha.

Rabbi yaadachuun bu’aa guddoo tana qabdi. Beekkamtii warra samii nama goonfachiifti. Nama warri samii jaalate ammoo, warri lafaa hin jibbu. Bakka lamaanittuu fudhatama arkachuun Rabbitti dhihaachuu qabna. Gooftaan kee si yaadannaan, si dudubbannaan, waan harkaa si qabuuf dhimmamnaan maaltu hafe? Gammachuu guddootu sitti dhagahama. Kanaaf, akka Rabbi nu yaadatuuf, akka Rahmata isaatiin nu hagooguuf Zikrii guddisuu qabna. Rabbi yaadachuun faaya. Namni Rabbi yaadatuufi kuun, akka nama jiruufi du’eeti.

Rabbiin gabricha jaalatu Zikrii qabsiisa. Mee Aayata Qur’aanaa kana laalaa..
يَا أَيُّهَا الَّذِينَ آمَنُوا اذْكُرُوا اللَّهَ ذِكْرًا كَثِيرًا

Yaa warra Rabbitti amantan Allaah yaadadhaa! Heddummeysaa akkaan yaadadhaa.

Warri Rabbitti amane, akka Zikrii godhaniif afeeramanii jiran. Maaltu afeerraa tana caala? Kanaaf Rabbi yaadadhaa! Dubbadhaa! Faarsaa! Qulqulleessaa! Guddisaa! Tokkichoomsaa.
ذِكْرًا كَثِيرًا
Yaroo hunda, haala hunda keessatti Rabbi yaadachuun murteessaadha. Gannaafi bona, ganamaafi galagala, dirree fi dhoysattiis, fayyaa fi fayya dhaba keessattiis, rakkoofi ballottiis Zikrii heddummeysaa.

2 Comments

  1. masha allah rabbii bekumsa dhuma hin qabnne isinif haa kennu inshallah nullee namaa zikrii bay’isee bekamti rabbii argatuu nu hatasisuu

  2. masha allah rabbii bekumsa dhuma hin qabnne isinif haa kennu inshallah nullee namaa zikrii bay’isee bekamti rabbii argatuu nu hatasisuu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button