header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
EeshiyaaOdeeyfannoo

Qondaaltonni waraana Iiraan akka jedhanitti, humni galaanaa isaanii Jum’aa boruu irraa eegalee guyyoota afuriif leenjii waraana galaana irraa Chaayinaa fi Raashiyaa waliin gamtaan geggeessuuf qophiin kan xumurame tahuu beeksisan.
Kaayyoon leenjii waloo kun nageenya sochii daldala addunyaa eeguuf kan yaadame akka taheefi, haaluma kanaan Leenjiin kun sadarkaa idil addunyaatti sarara galaanaa Markaboonni meeshaalee daldalaa fe’atan hedduun irra imalan, kanneen akka kaaba Garba Hindii fi Galaana Omaan keessatti kan geggeeffamu ta’uu ibsame.
Dubbi himaan Humna Galaana Iiraan Birgaadeer Jeneraal Abolfaziyuu Shikashii ibsa kenneen, sababoota gara garaatiin garba Hindii fi galaana Omaan irratti rakkoolee uumamaa turan ittisuuf leenjiin kun akkaan barbaachisaadha jedhe.
Haaluma wal fakkaatuun Ministeerri haajaa alaa Raashiyaa Sargee Laavroov gama isaatiin, biyyi isaa Chaayinaa fi Iiraan waliin shaakallii humna galaanaa geggeessuuf qophii kan xumurte ta’uu ibsuu isaa odeeyfannoon ni addeessa.

 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button