header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Konfiransiin Nageenyaa fi Tokkummaa Magaalaa Harar galma Calnqootti geggeeffamaa jira

Konfiransii mata duree “Nageenyaa fi Tokkummaa”jedhuun Majliisni Naannoo Hararii qopheesse kana irratti, hoggantoonni Majliisa naannolee saglani fi bulchiinsa magaalota lamaanii, akkasumas ulamaa’onni, du’aatonni fi hayyoonni seenaa fi siyaasaa hirmaataa jiran.

Kofiransiin kun haala yeroo irratti kan xiyyeefate akka taheefi, keessumattuu haleellaa magaalaa Mooxaa keessatti Masjiidotaa fi qabeenya hawaasa muslimaa irratti raawwatame hordofuun, yakka kana qorachuun shororkeessitoota seeratti dhiheessuudhaaf, sochiin mootummaa Federaalaa fi naannichaa hanga ammaatti godhaa jiran quubsaa tahuu dhabuun isaa, hirmaattota konfirasichaa kan dallansiise tahuun beekamee jira.

Prezdaantiin Majliisa Magaalaa Finfinnee dhimma kana ilaalchisee yaada waltajjicha irratti kennaniin, “Mootummaan gaaffiillee shanan Majliisni Federaalaa gaafateef yoo deebisaa gahaa kan hin kennine tahe, ummata galaana kaleessaa caalutu dirretti bahuuf deema”jechuu isaanii odeeyfannoon argame ni addeessa.
Hawaasni Muslimaa Jum’aa kaleessaa magaalota 60 ol keessatti, akkasumas biyyoota alaatti haleellaa Masjiidota irratti raawwatame balaalefftuun mormii guddaa kan geggeessan tahuun ni beekama. Haata’u malee gocha shororkeessummaa hawaasa muslimaa irratti raawatame kana, mootummaan naannichaa fi kan federaalaatis hanga ammaatti kallattiidhaan ibsa baasuun hin balaaleffanne.

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button