header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSaayinsiif Teknoolojii
Trending

Faana-dhooytuu Apple (Apple AirTag) 

apple air-tag 

Yeroo meeqa Furtuu manaa bakka Jiru wallaaltanii rakkattan? Riimoota TV dhabdanii barbaadaa hin oollee? Meeshaan nama jalaa dhokatee dhabamu lakkofsa hin qabu. Kaampaaniin Apple rakkina kanaaf furmaata gaarii qabatee dhufee jira. 

Apple Airtag
Meeshaa kana Afaan Oromootiin “Faana Dhooytuu”jennee yaamuu dandeenya. Meeshaan kun haalaan Xiqqaa yoo tahu, salphumatti waan barbaannurratti maxxansuu dandeenya. Fakkeenyaaf Riimoota TV, Boorsaa harkaa fii huccuu ijoollee keessatti dhoysuun ni danda’ama.

Meeshaan kun akkamitti dalaga?

Fakkeenyaaf Daa’ima kee wayta gama barumsaa ergitu, Faana dhooytuu Apple kana huccuu isaa keessatti dhoysitee gad dhiista. Hulaa mana barnootaa irratti hattuun daa’imaa tokko daa’ima kee butee fudhatee bada. yeroo ijoolleen mana barnootaarraa gad dhiifamtu daa’imni kee hin galle. Daa’imni kee galuu dhabnaan mana barnootaa bilbiltee gaafatta. Lakki daa’imni kee hin dhufne jedhanii siif himan. Yeroo kanatti iPhone kee bantee software find-my jedhu banta. Achi keessatti iddoo daa’imni kee Jiru argita. Itti aansuun iPhone kee fayyadamtee meeshaa kana faana dhooyta. Apple Air-tag kun iPhone ollaa Isaa jirutti odeeffannoo karaa Bluetooth irraan dabarsa. iPhone ollaa san jiru ammoo data bluetooth Irraa argate network fayyadamuun gama kee dabarsa. Meeshaan kun guutuu addunyaatti hojjata. Akka telefoonaa guyyaa Guyyaan chaarjii hin barbaadu. Baatrii CR2032 qofaan hojjatta. Batriin kun waggaa tokko guutuuf hojjachuu dandaya. 

Faana dhooytuun Apple haalaan xiqqoodha. waan barbaadan keessatti dhoysuun ni danda'ama.
Apple airtag guddinni isaa kana fakkaata. waan barbaadan keessatti dhoysuun ni danda’ama.

Amma dura kaampaaniin Tiles jedhamu meeshaa wal fakkaataa hojjatee ture. Garuu hedduus hin milkooyne. Sababaan milkaayuu dhabeef ammoo, Meeshaan Tiles jedhamu kun hojjachuudhaaf Tiles biroo kan ollaa isaatti jiru argachuu qaba. Yoo naannoo meeshaan kee itti bade san Tiles biroo jiraachuu baate, Tiles kee odeeffannoo siif dabarsuu hin dandayu. Apple garuu iPhone fayyadama. iPhone bakka hundatti argama. Namni iPhone fayyadamu haalaan heddu waan taheef, meeshaa si jalaa bade haala salphaan argachuu dandeessa. 

Faana dhooytuun Apple USA keessatti $29liin gurgurama. Doolaara 29 kafaltee meeshaa kee faana dhayuu dandeessa. Faana dhooytuun kun waan hundarratti maxxanfamuu dandaya. Fakkeenyaaf Makiinaafi Saaykilii irrattis hidhuun ni dandayama. Yoo makiinaa kee namni si jalaa hate salphumatti faana dhooytee argatta jechuudha. 

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button