header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuTana Quba Qabduu

Mana murtii Kaanaadaa Keessatti Sorry Jedhanii Dubbachuun Yakkamaa Nama Taasisaa Ture.

Ummanni Kaanaadaa jecha Sorry jedhu haalaan jaalata. Fakkeenyaaf; gareen Ispoortii lama waliin taphatee inni tokko yoo injifate, kan injifate sun warra injifatame harka fuudhaa Sorry, dhiifama waan isin moohanneef” jedhaan. Namni tokko balleessus, balleessuu baatus mudannoo hundaaf dhiifama gaafatuu jaalata.

 

Makiinaan lama wal duraa duubaan osoo deemaaru inni duubaa kan isa dura jirutti yoo bu’e, namoonni lachuu makiinaa keessaa bahanii dhiifama wal gaafatu. Inumaa namtichi fuuldurarra jiru sun; “jarjartee jirta natti fakkaata; Waan karaa sitti cufeef dhiifama naaf godhi Sorry” jedhee kadhachuu danda’a. Walumaa galatti kaanaadaa keessatti jechi Sorry jedhu haalaan waan tajaajiluuf, warri seeraa daangaa itti godhuu murteesse.

 

Namni tokko yakkaan himatamee yoo mana murtiitti dhihaate, abukaatoon namticha himatuuf qaxarame namticha kana dubbii heddu itti dubbatee dhamaasa. Namtichi himatame kunis dhama’ee “Sorry” yoo jedhe, jecha Sorry jettu tana dubbachuu isaa qofaaf yakkamaa tahee itti murteeffama. Sababaa jecha tanaa qofaaf namoonni heddu badii takka malee yakkaan adabamaa turtaniiru.

 

Sababuma Kanaaf abbootiin seeraa Kanaadaa seera Apology Act jedhu, kan mana murti keessatti dhiifama gaafatuun yakkamaa nama hin taasisu jedhu baasanii hojii irra oolchan. Eega seerri kun hojii irra oolee booda namni mana murtii keessatti “Sorry” jedhee dubbate yakkaan adabamuun hafe. Kutaa Bulchiinsa Quebec fi Yukon malee, warri hafe hundi seera kana seera naannoo isaanii godhanii hojii irra oolchanii jiru.

 

Qophii: Abuu Ibtisaam

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button