header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
OdeeyfannooOdeeyfannoo Biyyaa

Simpooziyamiin Halaalaa Milkii Guddaan Goolabame

Odeeyfannoo NH: December 3, 2022

Simpooziyamiin Majliisni Oromiyaa “sirna too’annoo halaalaa cimaa fayyaa fi guddina diinagdeetiif” mata duree jedhuun hoteela Sharaatanitti qopheesse milkii guddaan xumuramee jira. Simpooziyamii kana irratti hoggantoonni majlisa federaalaa, qaama mootummaa, bakka buutota imbaasiiwwan biyyoota gara garaa, abbootii mana qalmaa, ulamoota fi daa’iwwan hedduu irratti argamanii jiru.

 

Simpooziyamiin kun haasaya baniinsaa Pirezidaantii majliisa Oromiyaatiin kan jalqabame yoo tahu, itti aansuun Pirezidaantii majliisa federaalaa Shekh Hajjii Ibraahiim haasaya godhanii jiru. Sheikh Hajjiin Majliisni Oromiyaa woggoota 25 oliif to’annoo qalma halaalaa geggeessaa akka ture ibsuun, manneen fooniitii fi manneen nyaataa foon Halaala ta’e qulqullinaan ummataaf akka dhiheessan dhaamanii jiran. Itti aansuun ustaaz Ahmaddiin Jabalii fi ustaaz Abubakar Ahmad dhimma halaala ilaallatu irratti yaada kennatanii jiran.

 

Abbaa taayitaa qabeenya beeyladaa Itoophiyaa irraa Dayrektarri Ol’aanaa Dr. Hamiid Ahmad haasaa taasisan keessatti, qabeenya beeyladaatiin biyyi keenya akka Afriikaatti tokkoffaa haa taatu malee irraa hin fayyadamne jedhan. Seektara kana irratti qindoominaan dalagnee jennaan yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama guddaa ni fidna jedhan. Simpooziyeemiin akkanaa qopheessuu isaaniif majlisa Oromiyaa galateeffatanii jiru.

 

Ministeera haajaa alaa irraa Dr. Ambaasaddar Gabayyoo Gangaa Daayraktara waliigalaa Baha jiddugaleessaa fi Paasifiikii Eeshiyaa haasaa isaanii keessatti rakkoo meeshaa ekspoortii mudatu furuu keessatti hojii guddaa dalagaa jirra jedhan. Qulqullina, baay’ina fi waada kabajuu keessatti dalgnee jennaan ekspoortii biyya keenyaa guddisuu dandeenya jedhanii jiru.

 

Simpooziyeemii kanaan ogeeyyota dhaabbilee mootummaa fi majliisa Oromiyaatiin mata duree adda addaa sadii irratti barreeffamni qorannoo eega dhihaatee bood, mariin hirmaattota waliin geggeeffamee jira. Dhuma irratti hojii too’annoo halaalaa kana galmaan gahuu keessatti, qaamotni majlisaa waliin hojjataa turan badhaafamanii jiran. Baankiin Daashin, Baankiin Gamtaa Oromiyaa, Baankiin Daldala Itoophiyaa, Baankiin Awaashii fi Baankiin Oromiyaa ispoonsara kabajaa akka turanis odeeyfannoon ni mul’isa.

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button