header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');
Og-BarruuSeenaa

Tapha waancaa addunyaa bara kanaa Islaamummatu injifate.

Taphni waancaa addunyaa Qaxar keessatti geggeeffamaa jiru xumuramuudhaaf, yeroo torbaan tokkoo qofatu hafa. Osoo taphichi hin xumuramin garuu, Islaamummaan injifatuu isii mirkaneeffanneerra. Waggoota dabran 20 oliif islaamummaa fi baha jiddu galeessaa akki miidiyaan itti himaa turan kan addaati. Dhukaasa boombii, shoorarkeessitoota, cunqursitoota, booddetti haftoota fi maqaawwan fokkataa hedduun himaa turan. Miidiyaaleen warra lixaa haga danda’aniin islaamummaa xureessuudhaaf wanti isaan hin hojjannes hin jiru. Sababuma kanaaf namoonni islaamummaa fi baha jiddu galeessaa irraa fagaatanii jiraataa turan, islaamummaa waraanaan wal qabsiisaa hubataa turan. Haala kana keessatti taphni waancaa addunyaa Qaxar 2022 biyya Islaamaa keessatti kan jalqabame. arraan tana lammiileen Awrooppaa fi Ameerikaa Islaamummaan maaliif saffisaan guddataa akka jiru eega Qaxar seenaniin booda ija isaaniitiin arguu danda’an.

 

Miidiyaaleen biyyoota Lixaa irra deddeebiidhaan Maqaa Qaxar xureessuudhaaf waan hedduu hojjatan. Amantiin wal qabatee Qaxar keessatti mirgi deeggartootaa ni sarbama jedhanii ganamaa fi galgala lallabaa turan. Qaxaris gama isiitiin islaamummaa addunyaa barsiisuu irraa of duuba hin deebine, sirna baniinsaa irrattis aayaa qur’aanaa kan wal qixxummaa ilma namaa barsiisu qara’uudhaan akka banamu taasifte. Kaaffeewwanii fi eddoowwan namni biraan dabruu danda’u hundatti, hadiisota Rasuulaa kan waa’ee haalaafi amala gaarii dubbataniin guutamee akka mul’atu taasifte. Lammiileen biyyoota biraa irraa dhufanis masjiidota seenanii akka daaw’atan godhameera. Deeggartoonni kunniin fedhii isaaniitiin Azaana akka dhaggeeffatan, salaata akka daawwatanii fi waan islaamumman qabdu cufa akka baratan taasifameera.

 

Miidiyaaleen warra Lixaa islaamummaa akka amantii booddetti hafaatti hawaasa isaaniitiif dhiheessaa turanis, namoota gara Qaxar dhufan keessaa kan maatii isaa guutuu waliin Islaamummaa qeebale argameera. Kanneen kopha kophaa isaanii islaamummaa qeebalanis hedduudha. Namoonni kunniin Islaamummaa dhugaa tan miidiyaaleen warra lixaa waggoota hedduuf ukkaamsaa jiraniin akka wal baratan taasifameera. Deeggartooonni gara Qaxar imalan haala bareedaa Islaamummaa fi lammiilee Qaxar irraa argataniin booji’amanii jiru. Namoonni karaa miidiyaalee hawaasummaa isaanii fayyadamanii, wanti miidiyaan nutti himamaa ture hundi kijiba jedhanii hiriyyoota isaaniif dabarsanis hedduudha.

 

Wal dorgommii waancaa qaxar keessatti godhameen, hanga yoo deeggartoonni wal arrabsanii fi wal tuman hin argine. Bakka takka takkatti yoo tasa wal dhabanis, saffisaan ofumaa walii galuun xumuruu danda’anii jiru. Deeggartoonni biyyoota garagaraa kan hooggantoonni isaanii haalaan wal jibban walitti dhufanii waliin shubbisaa taphatanii jiran. Kun ammoo murtee Qaxar dhimma farshoo irratti fudhate hordofee qilleensa nagayaa uumame irraa kan argameedha. Yeroo jalqabaatiif dubartootni Istaadiyamii seenanii osoo dhiirri isaan tuttuqin tapha daaw’atanii bahuu danda’anii jiru. Kanneen Istaadiyamii keessa seenanis osoo hin jeeqin, osoo namatti hin bu’in nagayaan bahuu danda’anii jiran. Deeggartoonni Ingliiz fi Wels kan eddoola Kaanaarii jedhamu irratti biiraa dhugaa tapha daaw’ataa turan garuu, walii galuu dadhabanii wal lolanii ofis miidhanii meeshaas barbadeessan. Ingliiz fi Wels warra maatii tokkooti. Biyya United Kingdom jedhamu jalatti akka gamtaa tokkotti waliin jiraatan. Afaan wal fakkaataa Ingiliffa haasawan. Mootii tokko kan King Charles jedhamu qaban. Ta’ullee farshaawanii wal dadhaban. Haa ta’u malee deeggartoonni Ameerikaa fi Iiraan, kan aadaan wal dhiban, kan siyaasaan wal jibban, Qaxar keessatti taphaan duraa fi booda waliin sirbanii taphatanii adda bayan.

 

Waancaan addunyaa kun addunyaa muslimaa walitti fidee jira. Muslimootni bakka hunda jiran wayta biyyoonni muslimaa injifatan gammachuu isaanii ibsataniiran. Wayta Sa’udiin Arjantiinaa injifattu, Araboonni, Iiraanonni, warri Huusii yamaniitis Sagalee takkaan nuti arra warra Sa’udiiti jechuun gammadan. Wayta Tuniziyaan koloneeffattuu isii duraanii France injifattu, wayta Morokoon biyya baqattoota Morokoo darartu, Beeljiyam injifattu, hawaasni Muslima hundi gamtaan gammachuu isaa ibsate. Taphattoonni Muslimaatis adada goolii galchaniin gammachuu isaanii sujuuda bu’uun Rabbiif galata galchan. Kun hundi waan miidiyaaleen warra lixaa akka ummanni isaanii hin argine taasifamaa tureedha.

 

Hundaa olitti dirreen Qaxar dirree Falasxiinonni irratti injifataniidha. Taphattootaa fi deeggartoonni biyyoota Muslimaa deeggarsa Falasxiiniif qaban ifatti mul’isanii jiran. Biyya zaalimaa tan taate Israa’eliin balaaleeffataniiran. Alaabaan warra Falasxiin tapha hunda irratti ol kaafamee mul’ifameera. Deeggartoonnis warra Falasxiiniin ‘dhiigaa fi lubbuun falasxiiniif wareegamna” jechuun warra falasxiin cinaa dhaabbataniiru. Deeggartoonni Ameerikaa fi Awurooppaa irraa dhufanis deeggarsa Falasxiiniif qaban mul’isaniiru. Miidiyaalee warra Israa’eliitiif yaada kennuu diduudhaan mormii Israa’eliif qaban agarsiisaniiru.

 

Walumaa galatti waancaan addunyaa Qaxar dirree Islaamummaan irratti injifateedha. Miidiyaaleen warra Lixaa duulanis, Qaxar milkiidhaan hawaasa hawachuu dandeesseerti. Deeggartoonni kuubbaa miilaa Qaxar dhaqanii fi kan Qaxar hin dhaqinis, waancaa addunyaa bareedaa akkanaa takkaa agarree hin beeknu jechuun dubbatanii jiran. Miidiyaaleen warra Lixaa guyyoota jalqabaa Qaxar irratti duulaa turan amma abdii kutatanii of duuba deebi’anii jiran.

Taphattoonni Jarman irraa dhufan kan uffata Alaabaa Qawmii luux uffannee taphanna jedhanii rakkisaa turanis, taphaan injifatamanii dorgommii keessaa bahanii jiru.  Ammaan tana taphattoonni duraanii Garee biyyaaleessa Jarman qeequu irratti argaman. Kuubbaa dhiistanii waan isin hin galchine keessa maaf seentan, kanaaf injifataman jechuun qeeqaa jiran. Walumaa galatti tapha waancaa addunyaa kanarratti Islaamummaan waa hedduun injifatteerti, kan haqa qabu yoomuu injifataadha. Abdii kutannaa dhabus Qaxar irraa baratuu ni dandeenya.

Qophii: CJ Weleman
Gama Afaan Oromoo kan hiike: Abuu Ibtisaam

 

Comment

Back to top button