header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

105: Warri intalaatiifi gurbaa walgahee du’aa’ii godhuudhaan nikaan ni hidhamaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Naafi gurbaan tokko wal jaalanneeti warri gurbaa warra keenyatti dhaqanii walgaafatanii duaaii nuuf godhanii addaan yaa’an.

 

Deebisaa: Warri gurbaa warra intalaa bira dhaqanii akka soddaatti walbaranii biraa deeman. Bakka tanatti jarri waan nikaahaa hin haasofne, jarri ammoo warri keenya nikaaha nu godhan je’aniiti aruuza godhatanii galan. Gaafa kaan intalli warra isaaniitti bilbiltee gaafannaan, bar nuti soddaan walbarree waan nikaahaa maqaa hin dhoofnee biyya Islaamaa jirtanii achumatti nikaaha walgodhattan jennee je’een abbaan. Amma jara kana wanni isaan irratti jiru hatantamaan adda yaa’u. Nikaaha isaanii haarayatti sirreeffachu. Kun nikaaha dogongoraa waan ta’eef jecha haarayatti haydii takka booda nikaan keessan godhamuu qaba. Eega baatii takka teessee booda, haydii takka eega xahaarattee booda, nikaan keessan haarayatti godhamee walitti deebi’uu dandeessan.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 128

Kanas dubbisi!

112: Dubartiin nikaaha if hidhuu ni dandeessii?
99: Ilmi haadha heerumsiisuu ni dandayaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button