header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

118: Dhalaa biyyaa baatee hojjattu sadaqaan irraa ni qeebalamtii?

  • Home
  • Dubartii
  • 118: Dhalaa biyyaa baatee hojjattu sadaqaan irraa ni qeebalamtii?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Dhalaalee biyyarraa dhuftee as keessa hojjattu tana sadaqaan irraa ni qeebalamtii?

 

Deebisaa: Yaa gabricha Rabbii;, hin qeebalamtu warra siin je’etu jiraa? Gaafiin tun maal irraa kaate? Yoo warri nama hurkaa ufiitiin carraaqatu kana sadaqaan isaa hin qeebalamtu je’u jiraate nama akkas je’u saniin jechi keessan baaxila je’iin. Intalti dhalaa takka biyyarraa kaatee bahuu isiitiif dogongora qabdi malee ala bahuudhaaf hin kafarre. Murtaddiillee hin je’amtu. Yahuudaallee nasaaraallee hin je’amtu. Wanni isiin balleessite, dalagaadhaaf jecha ala baatee daangaa cabsite. Daangaa cabsuun ammoo tawbamatti haajomti. Ka hurkaa isiin mana namaa dhiyxee, gidaara dhiyxee, huccuu miiccee, kaawiyyaa gootee, nyaata gootee, ijoollee tajaajiltee carraaqqatte kanaan haraami je’u garuu jaahila. Yoo intalti sun wanni isiin fudhattu sigiggaalummarratti, ribaa irratti, sihrii irratti, foon karkarroo, booyyee, waan Rabbiin haraam godhe gurguruu irraa taate hoggaa san horiin isii haraami. Warren akkanumatti lafaa ka’anii danfa nama tokkoo haraami je’aniin Rabbi sodaadhaa jennaan. Sadaqachuu dandeessi; haadhaa abbaan tajaajiluu dandeessi; hajjiin dhaquu dandeessi; waan feete abbaa feetee kennuu dandeessi; waa takkallee wanni isii dhoorkaa hin jiru jechu.

 

 

Dr. Liwaa’ul Islaam

Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 218

Kanas dubbisi!

122: Huccuun hoggaa umraa godhan uffachuun dhoorkaa maali?
114: Dalagaan biyyaa baanee dalaynu haraam qabaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button