header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

146: Intala guddisan nikaaha godhuun dandayamaa?

Estimated reading time: < 1 min

Gaafii: Intala takka namni abbaa hin tahin yoo guddise, nikaaha namaaf godhuu ni danda’aa?

 

Deebisaa: Yoo sabiyyummaa isiitirraa guddise, wakiila tahee nikaaha godhuu ni danda’a. Yoo waliyyiin isii, abbaan, obboleessi, abbeeraan yookiin namni fira jedhamu tokko dhabame nikaaha godhuu ni danda’a. Maalif jennaan nama isii guddisee isii wajjiin tahabe jechu. Ulamaan akki jedhan innillee bira haa jiraatuu irra caalaan qaadiidhuma geessu. Qaaduma geessanii qaadii biratti nikaaha godhuun bareedaadhaa jedhan. Namni gariin ilmoo tana yoo guddisu akkuma ilmoo ufiitti guddifata. Itti yaaddawa. Akka ilmoo ufiitti isii laala. Haalli akkasii sun yoo jiraate qaadii geessanii nikaaha godhuuf isiidhaaf yaaddawuun barbaachisaadha. Akka heeruma keessatti haqa isii hin dabarsine, hin balleessine yoo waliyyiin hin jiraanne wamaa rakkoo hin qabu.

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 220

Kanas dubbisi!

167: Haqa abbaa kiyyaatu dursa moo haqa jaarsa kiyyaattu dursa?
140: Sadaqaa abbaa kiyyaaf godhuun akkami?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button