header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?

  • Home
  • Dubartii
  • 202: Guyyaa Ramadaana Haadha warraa osoo hin tuqiin waliin rafuun akkami?
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Yoo an jaartii tiyyaan wajji rafe guyyaa Ramadaanaa ka isii hin tuqin hirribuma nagayaa calla waliin rafe maal qaba?

 

 

 

Deebisaa: Yoo isii hin tuqin humaa hin qabu, dubartii ufii ramadaan keessa waliin rafuun ni ta’a guyyaa ramadaanallee taanaan, halkan ramadaan qunnamtii salaallee godhuu ni danda’a. Guyyaa Ramadaana ammoo ka qunnamtii saalaa hin goone nagayumaan wajjiin rafuun rakkoo hin qabu. Ulamaan gariin wanni jedhan yoo ka uf amantu taatee jedhan. Ayishaan Rasuula ? irraa yoo himtuu; Rasuulli Rabbii ? Ramadaan keessa dubartii isaaniitiin ni taphatan humaa rakkoo hin qabanii jennaan, miswar ibnu makramaa isinuma ta’uu oolaaree haadha teenya Ayishaa jedheeni, anuma jetteeni. Garuu Rasuulli Rabbii akka keessaniitiiree jetteen, onnee ufii harkaa qabaa jetteen. Kanaafuu namni onnee ufii harkaa hin qabne hin taphatin dubartootaan wajjiin hin rafiin, ittillee hin dhihaatin jedhan dogongoru malaa Ramadaana keessa. Guyyaa takkatti namni dogongoree dubartii isaa wajjiin rafe guyyaa ramadaana sooma ji’a lama guutuutu irraa fedhaama. Ka bultii 59 soomee ka bultii takkattii irraa hafte ammallee ji’a lama dhibii irraa fedhama. Bultii jahaatama walitti aansee soomutu irra jiraataa kanaafuu guyyaa takkattii kasaaranii guyyaa jahaatama kafaluun jajjabduu irraa oolutu barbaachisa. Garuu nama aqlii qabu nama ilmii qabu dubartii isaa silaa ni beekaa yoo akkanumatti dubartii isaa wajjiin rafee ka ka’u taate, ka harkaa uf qabu taate humaa rakkoo hin qabu inshaa Allaah.

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 5
Views: 1183

Kanas dubbisi!

204:Jaarsaa fi Jaartiin gargar adda turuun nikahaan ni badaa?
201: Dubartii haraamaan waliin bulan guyyaa lammataa nikaha walii godhuun ni tahaa?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

  1. Ji’a ramadaanaa kana qaamaaf qalbiin soomuu qabna hundi keenya nama ji’a kana keessa milkaahu nuhaa godhi namoota diiniif yaadan rabbiin hamilkeessu

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button