header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

316: Haati warraa abbaan warraa isii zinaa godhuu isaa yoo beeyte akkam gooti

  • Home
  • Dubartii
  • 316: Haati warraa abbaan warraa isii zinaa godhuu isaa yoo beeyte akkam gooti
Estimated reading time: 1 min

Gaafii: Gurbaa tokkotu intala takka fuudhee intala sana eega fuudhee isiin biyya biraa biraa deemteeti inni ammoo intala birootti haraama daddalagaa waan haraamaa isii tanatti dalagu intala isaa ta kaadhimaa sanitti himaa isiin tun maal godhuu qabdi.

 

 

 

 

Deebisaa: Waan godhuu qabdu isitu beeka. Maaliif jennaan yoo osoma inni waan fokkataa akkanaa kana isitti haasawu, atis san oofi anis suma eeggadhaa ka jettu taate murtii isiiti. Yoo aayata Rabbii guddaa sanitti deebitee qur’aana Rabbii guddaatti deebitee isiin laalte, warri qulqulluun Rabbi sodaatu ka takkaa hamtuu hin seenin qulqulittima akka isaa san Rabbi kennaaf jedhe Rabbiin guddaan. Yoo intalti Rabbi sodaattee qulqulluu isiin taate, akkasuma gurbicha qulqulluu Rabbi isiidhaa kennaa jedha Rabbiin guddaan. Rabbiin guddaan ahdii eega. Zinaa wanni jedhamu kun deeyniidha Rabbiin irraa kafala. Gariin ulamaa Deeyiniidha jedhan. Gariin isii ammoo qormaataa jedhan. Qormaatuma Rabbiin namaan qormaatuu jedhan. Nama zulmii akkanaa dalage Rabbiin (SW) waa isa dhiisuu hin jiraatu. Yoo dubartiin abbaa manaa qabdu waan akkanaa goote zulmii daanga hin qabne goote, ka Rabbiitiif ka abbaa manaa isiillee balleesite. Zulmii daangaa hin qabne jechuu hammeenyi isaa. Kanaafuu gurbaan waan akkasii godhe fitnaa lammaffaa seene. Tokkoffaa duraa daangaa Rabbii cabse, lammaffaa akkana godhe jedhee himaa jira. Hadiisa Rasuula Rabbiititti ? wanni sabate namni tokko waan Rabbi isaa dhoksee sattare yoo inni gadbaasee himate Rabbi isaa hin dhiisu jechatu jira. Kanaafuu Rabbiin haa sodaannu. Kanaafuu yoo feete irraa uf hiiki, yoo waan gorsitee inni hin deebine taate akkasumatti irraa qulqullaahuu qabdi. Wasakaa fi qulqulluun walitti hin deemu.

 

 

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 291

Kanas dubbisi!

317: Namni wal dhabee wal buruqse akkam godha
314: Fira dhihoo malee, intalti Hajjii godhuun akkam
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button