header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

442: Kijibaan kakachuufi haqa namaa nyaachuun akkam?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Osoo obboleessa tokkoon wajji karaa deemnu horii walitti qabnaa horii walitti qabnu kana karatti osoo waliin nyaannu ka kiisha kiyya jirtu dhumattee jennaan na biraa baqatee nama biraa saahiba godhatee isa wajjiin waa nyaachuu jalqabee kiyya fixee, anillee dallanee nama inni wajjiin nyaatutti jiru saniin horii ebaluu ebaluu bakka akkanaa jirtii fuudhii nuu fidi jedheenii horii isaa akkuma godhe godhee fudhadhee amma nullee ni nyaannee; horii kiyya eenyutu nu jalaa fuudhe jedhee nu kakachiisee ani gurbaa kaaniin kakadhu jedheen horii natu siif kafalaa hardhaan tana hattu jedhanii nu qabuu irra kakadhu jedheenii

 

 

 

 

 

 

Deebisaa: Kun cufti isii zulmiidha. Gurbaan duraan horii kee si wajji nyaates haala inni si wajjiin nyaate san beekuu maltan. abboo dura horii kiyya nyaannee fixnee horii keetitti dabarraan yoo dura walii galtanii jiraattan amaana inni kankee nyaate sani kafaluu qaba. Yoo ammoo waan kana osoo walitti hin himin caldhiftaniituma atillee laaqana bittee, irbaata bittee irraa baaftee niyyaadhaan ka humaa afaaniin walitti hin dubbatin ka akkasitti horii baaftan taate sadaqaa gooteefii maal deebitee gaafattaree? yoo seeraan duraan walii hin galin jechu. Yoo walii galteedhaan gootanii jiraattan ammoo waan waliigaltee sani gaafachuu qabda adii gaafatta malee horii isaa duyda duubaan jalaa fudhachuun maasiyaadha. Nama ergitee fuusisuunillee nama biro dilii keessa keette. Sadaffaa ammallee kakadhu jetteen horima fuudhame sani hin fuune jedhii kakadhu jetteen dilii heddutu walitti daddabalame jechudha. Kanaafuu shariyaan Rabbii adii qulqullicha feeti malee wanni malaan duyda duuba deeman sana shariyaan hin feetu waan akkasii jechu

 

Sheikh Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 152

Kanas dubbisi!

456: Horii nama kaafiraa nyaadhe akkamitti deebisaafii?
441: maallaqa osoo hin kafalin makiinaarraa bu’e maal godhuu qaba?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button