header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

467: Intala tiyya siif kenne jechuun qofti nikaha ni jedhamaa ?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Yoo namni tokko lafaa ka’ee intala tiyya tana siif kenne, obboleetti tiyya tana siif heerumsiise yoo jedhe namni bira hin jiruu intalti tun nikaha godhamte jedhamti moo akkam?

 

 

 

 

Deebisaa: Waa hunda dura sharxiin heerumaa sharxiin nikaha godhachuun irratti barbaachiftu maali? Kana barachuu qabna waa hunda dura. Kanaaf jecha namni tokko yeroo intala isaa kennu ta duraatii intalti sun intala isaa ta’uu takkaahuu nama isii herumsiisuu mirga qabu ta’uu, ta lammeessa intalti sun jaartii namaa ta’uu dhabu, sadeessa intalti iddaa keessa jiraachuu dhabu, afreessa gurbaan isii fuudhu nama isii wajjiin harma tokko hodhe ta’uu dhabuudha, akkasumas Ragaan jiraachuu, maaharinis dubbatamu. Maharani nikaha hidhamiinsa hin dhoorkitu, maahrii boodas kennuu dandeetta fuulduarsi kennuu dandeetta, cinaa amma kennitee cinaa booda kennuu dandeetta. Tanaaf jecha akkanumatti afaaniin siif kenne jechuun akka kaadhimaa taate jechuudha malee sharxii heerumaa hin guuttannee.

 

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 4
Views: 825

Kanas dubbisi!

468: Itti heerumuuf erge wolii galee booda nama hamaa ta’uu yoo bare dhiisuu dandayaa?
466: Intalti akka dhiiraatti heerumaaf dhiira filachuu dandeessii?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

One Comment

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button