header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

474: Garagaarsaf maallaqa an erge bakkaan naaf hin geenye maalin godha?

Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Gaaf tokko sadaqaa niyyadheetiin gargaarsa masjiida tokkoof ammalle maatii yatiimaatiif gargaarsa niyyadhee nama tokkotti waa erge, namni sun waan san akka an fedhutti bakkaan hin geenyee ka masjiida sanis cinaa kenneetuma waa xiqqoo kennee ta biraa masjiida biraatiif dabarse an ammo masjiida saniif hin niyyannee inni ammo fedhinnaa isaatiin akkas hojjatee wanni anarratti jiru maalii? Waan inni irraa hirrise san guutuu qabaa?

 

 

 

 

 

Deebisaa: Waa niyyachuuf qodhaa ykn silata godhuun adda. Yoo masjiida saniif yookan ijoollee yatiimaa saniif jechaa waan haganaa godha jettee Rabbiif jecha qodhaa yoo goote nazriin waajiba. Gama keetiin ati waan niyyatte bakkaan geese kan haqa bakka barbaachisu hanqise ammo nama ati bakka buufatte. Wanni ati niyyatte ammo akka ati jettutti qodhaa miti niyyaadha. Wanni niyyaan Rabbiif hojjatte toltuun tee bakkuma jirti, ta inni gara masjiida biraatti dabarsellee bakkuma siif jirti humaa takkallee sirratti hin jiru.

Dr. Liwaa’ul Islam

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 0
Views: 91

Kanas dubbisi!

475: namaa fi beeladatti qara’uun akkam?
469: Sagaleen dhalaa haraami moo halaal?
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button