header('Content-Type: text/html; charset=utf-8');

480: Namni maatii keessaa dhiheenya Islaama tahe maatii isaa akkamitti waliin jiraata?

  • Home
  • Aqiidaa
  • 480: Namni maatii keessaa dhiheenya Islaama tahe maatii isaa akkamitti waliin jiraata?
Estimated reading time: 1 min

Gaaffii: Ani maatii islaama hin ta’in waliin jiraa, anillee eega islaamee baatii lamaa, maatii kiyya kana akkamitti waliin jiraachuu qaba?

 

 

 

 

Deebisaa: Namni islaama ta’e tokko dura seera Islaamaa barachuu qaba, seera Islaamaa waan Rabbi dhoowwuuf hin doowwine gargar barachuun dirqama. Eega sani baranneen booda waan shari’aan nu hin dhoowwineen maatii waliin jiraachuun humaa rakkoo hin qabu, gargaaruun rakkoo hin qabu, sadaqaa kenuufiin rakkoo hin qabu, nyaata halaalaa taa’aanii wajjiin nyaachuun rakkoo hin qabu. Waan isaan qalatan ka maqaa Rabbiitiin hin qalamin ufirraa dhiisii ati kankee foon adda godhadhuu kankee nyaadhu. Garuu ayyaana isaan godhan waliin qooda hin fudhatin. Maaliif jennaan ayyaanni sun waan Rabbitti qindeessan ta’aa, waan kufrii ta’aa ayyaanni sun ati muslimaa isaaniin wajjiin qooda hin fudhatin. Garuu jaraan wajji jiraachuun jaraan wajjiin haasawuun rakkoo guddoo sirra hin fidu yoo jarri ka diin kankee irratti dhiibbaa hin goone taate. Kanaafuu waan ati diinii Rabbii barattee waan diinii islaamaa itti himtee islaamessuu dandeettuuf jara irraa guddoo fagaachuu dhabuun gaari jedhan ulamaan gariin. Yoo ka dhiibbaa sitti godhee xixaan adda addaatiif qoxxeen ka si dhibdu taate ka diini kee irratti rakkoo sodaattu taate irraa fagaachutu gaariidhaa jedhan. Haala kana lamaan keessa ka irra siif mijaawu laalii fudhadhu.

 

Sheik Alii Jimmaa

Tags:
Gaafii kanaaf deebisaa argattee?
hin arganne 1
Views: 448

Kanas dubbisi!

481: Namni Shii’aa bira dalagu akkamitti jiraachuu qaba?
459: An Islaamummaa qabannaan maatiin kiyya na miidhuu eegale
Yoo gaafii biroo qabaatte tikeeta haaraya banii gaafii kee ergadhu!

Leave a Reply

Your email address will not be published. Required fields are marked *

Back to top button